Kunoo guyyaan Ni fiiga
Takkaa gad hin dhaabanne
Gumaakee baasuuf illee
Cancalaan sakaalamne
Dina si galaafatee
Abbaa isaa osum beeknu
Gara humnaa ko'oommanne
Dubbachuu hin dandeenyu
Atis deemtee fagaattee
Karaa isa deebii hin qabne
Gubaankee nu waxala
Nuti boqonnee hin rafne
Siyaasa biyyattiitu
Guyyaa malee si nyaate
Warraa aangoo Araaduuf
Qarshii qumaaraa taate
Erga jiraakee dhabnee
Guyyaan sokkee fagaatu
Madaanke nu hin fayyine
Inni Gubee nu nyaatu
Garuu, ........
Bar tokko kana jennee
Gumaakee Baasna tarii
Qumarri siin taphatame
Dirree Aango tikse bari
Wal falmii Dirree Aangoo
Tapha Goodaa Siyaasaa
Lubbukeetin taphatani
Hedduu gubee nama aarsa
Inni kichuu si mure
Bor bakkakee hin hanqatu
Nagaatti qaalii Sabaa
Biyyoon sitti Haa salphatu
Osoo lubbuun jiraattee
Waayee keenya nuuf Aartaa
Ta'uyyu ati har'as
Nuun warra jiru caalta!
Takkaa gad hin dhaabanne
Gumaakee baasuuf illee
Cancalaan sakaalamne
Dina si galaafatee
Abbaa isaa osum beeknu
Gara humnaa ko'oommanne
Dubbachuu hin dandeenyu
Atis deemtee fagaattee
Karaa isa deebii hin qabne
Gubaankee nu waxala
Nuti boqonnee hin rafne
Siyaasa biyyattiitu
Guyyaa malee si nyaate
Warraa aangoo Araaduuf
Qarshii qumaaraa taate
Erga jiraakee dhabnee
Guyyaan sokkee fagaatu
Madaanke nu hin fayyine
Inni Gubee nu nyaatu
Garuu, ........
Bar tokko kana jennee
Gumaakee Baasna tarii
Qumarri siin taphatame
Dirree Aango tikse bari
Wal falmii Dirree Aangoo
Tapha Goodaa Siyaasaa
Lubbukeetin taphatani
Hedduu gubee nama aarsa
Inni kichuu si mure
Bor bakkakee hin hanqatu
Nagaatti qaalii Sabaa
Biyyoon sitti Haa salphatu
Osoo lubbuun jiraattee
Waayee keenya nuuf Aartaa
Ta'uyyu ati har'as
Nuun warra jiru caalta!