Caalii, fi Hacaaluu
Walaloon kan Dr Zelealem Aberra Tesfa
*
Caalii attam jirta?
Attam jirta Caalii
Caalii abbaan guddaa,
Caalii abbaan gaarii
Ana Hacaaluu dhaa…,
Na yaadattaa laataa,
miiltoo bara durii?
Wal argina jennee
Beellama beellamnee
Wal hinargin hafne
Battalaan godaane
Tasa addaan baane
Nagaas sitti hindhaamne.
*
Lakkii nagaan dhaamnee
Anoo eenyumattuu
Hundeessaa Boonsaattuu,
Guddattuu Horaattuu
Anoo nagaa hindhaamne,
Shamarran kiyyaattuu
Haadha ijoolleekoottu,
Jaalalleekoo Faantuu
Amboo fi Finfinneettu,
Biyyee Oromiyaattu
Yooman fucha argadhee
Lammitti nagaa dhaame
Humna ergisaatiin
battalan butame.
Lakkii nagaan dhaamnee;
Dhiirri nagaa hindhaamu
Maatii fi lammii keessaa
Yammuttii butamu.
*
Dhugaattii… oolmaa ati naa ooltu,
Wanti na gargaartu
Yeroo ayyaana waggaa,
Yeroo cidheessitu
Irreechaa fi masqala,
Yeroo gojjolattu, yeroo affeellattu
Yeroo waaddee murtuu,
Yeroo murtee waaddu
Akkuma ijoolleekee
Kankoos abbaa yaaduu
Eeganii dhabanii,
Hin dallanu, hingaddu
Adaraa… yaa Caalii…
Ayyaana ijoolleekootti
Waatti dhibaafadhu
Akka hin irraanfanne
Waa itti naa darbadhu
Kanallee hindadhabdu
Gumaakoo baasuu dhaaf
Silaa onnee hinqabdu
Booyii mankaraarii
Qalbii soqoladhu
Lafa gangaladhuu
Isawoo hindadhabdu.
*
Ani qaxaleenkee…dafqee itti dadhabee
Michichila fi hordaa gadi fageesse dhaabee
Kan qilleensii fi bubbeen buqqisuu dadhabe
Nan deeme nan sokke;
Geeraree weeddisee
Sabakoo isa rafee irribaa dammaqsee
Jarreen amajaajii naasisee wareerse
Itittuu seenaasaa bar awwaalaa baasee
Nadhii aadaasaatii ifatti muldhisee;
Diina ijatti tufee
Qasa’ee itti kolfee
Geerararee itti wacee
Qalbishee hammacee
Utuu nagaa hindhaamin;
Dhiirri nagaa hindhaamu
Maayii utuu hinxumurin
Yommuttii waamamu.
*
Garuu sin dhagaye…yeroon karaa deemu
Siyii iyyee boowuu, maqaa kiyya waamu;
Hin du’e seeteetuu? Lakkii ani hindu’uu!
Abbayyas hingoguu, abbayyis hingu’uu.
Asitti hinta’uu achitti awwaala
Lammii fi amajaajiin ofumaa wal lolaa
Tokko mankaraara, kaanimmoon yeelala
Ani ogiyoo dha ani jijinbilaa
Tokkokoo yoo kutan
Kumatu qummaada, kitila biqilaa.
Yoon yaadatta ta’e…
Gaaficha galgala,
Gaafa waliin teenyee
Yoon battala deeme
Adara akka hinboonyee
Jedhee sin qoqqobnee maaf naqaanessitaa?
Addaan-babayitti maa boossee harqita?
Maaliif amajaajii nutti kofalchiista?
Dhiiga nu lolaasuu, imimmaan lolaastaa?
“Abadan, hinkolfata malee
Hunduu afaan duwwaa
Kan ilkaansaa dhabee,
Kan baqatee galuu
Dabeessaa fi gowwaa.”
Kaanoo akkasiin yaadaa,
Kan kee yaadi maali?
Mee natti himi obbolee,
Mee natti himi Caalii.
*
Caalii abbaa maal-dhibdii,
Caalii qalbiin cimdii
Caalii garraamtichaa,
Caalii gaachanni cidii
Caalii kaayyoon lakkuu,
Caalii kaayyoon cimdii
Caalii asii fi achii
Caalii olii fi gadii
Maaloo…
Yoo booyii siin jedhan
”Waawuu” jedhii didi.
Caalii jiita’akoo, Caalii gaachanni hoffaa
Hinbooyin adaraa diinatu nutti kolfaa.
Maal taate namana, qalbiin maaf si caba
Du’a qanansiistaa akka mucaa dhabaa?
*
Elaamee Abbaa Caalii…
Hooda Caalii keetii
Anuu sittan himaa
Ollaan maaf sitti himti?
Booyee mankaraaraa
Addaan-babayiitti
Hiniyyaa hin maradhataa
Akka haadhoo reettii
Furrii fi imimmaan
Fuularra of lolaasaa
Silaas…“Guddaa salphaa,
Fardatu goondaa dheessaa”
Kabalan hinboowaa,
Qimmidan hin boowaa
Maali uumaansaa kuni,
Abshaalamoo gowwaa?
*
Caalii irreen xeebaa,
Caalii gaachanni waakkoo,
Maaloo adaraa Danfaa,
Maalo adaraa Abbukkoo
Maaf goolta ekeraakoo?
Caalii somaan muujjaa
Kan eeboon bosoqqee
Yommuu qimmiidamu,
Deebiseen qimmiidu
Iyyee boowa harqee
Furrii fi imimmaan
Keessasaati cuunfee
Of keesssa gad naqee
Safuu Waaqa guddaa!
Akkanni fokkisuu…
Fuula ittiin of laaqee.
Hindhageenyee laata….
Moo dhagayee eessa kaa’e?
“Dhiirri qofaa boowaa”…
Gorsa obbo Tsegayee?
Kan dhiirri xinnoo cophu
Eega aduun dhiyee
Eega hundi rafee,
Eega dukkanaayee
Dhiirri guyyaa hin boowuu
Yeroo aduun iftu
Lakkii guyyaa hin cophu
Yeroo amajaajiin
Ijaan nama qortu
Kaninni xinnoo cophu,
Qalbii gudunfame
Kaninni hiikkatu
Yeroo aduun dhiitu,
Yeroo haati Margoo
Dukkana agu