JIREENYA FAYYAA QABU JIRAADHU.
Jireenya fayyaa qabu kan jiraatu nama fayyaa qabuudha.Namni tokko fayyaa qaba kan jedhamu immoo: Qaama fayya qabeessa,
xiinsammuu fayya qabeessa fi hariiroo hawaasummaa fayya qabeessa yoo qabaate qofaadha.
Dhugaa dubbachuuf addunyaa har'aa keessatti,anaa fi si dabalatee namoota hedduu kan dhukkubu hariiroo hawaasummaa isaati. Dhukkuba akkanaa fayyanii jireenya fayyaa qabu jiraachuuf immoo jecha keenyaa fi gochaa keenya sirreessuun ala qorichi hospitaala irraa ogeessa fayyaatiin siif kennamee liqimfamu hin jiru,hin jiraatus.
Kanaaf mee anis nin yaalaa atis kan armaan gadii kana yaalii dhukkubbii hariiroo hawaasummaa kee wal'aannadhuu fayyuu gammaduu jiraadhu.
Nama si cinaa jiru, kan sii fi isa jidduu hariiroon gaariin hin jirre tokko cimina isaa irra deddeebi'uun qoradhu,baradhu,hubadhu.
Erga kana gootee booda namoota waa'ee isaa si haasofsiisan ykn si biratti haasawanitti hanga fedhe haa xiqqaatuu gaarummaa isaa himii dhugaa bahiif.Hammeenya guddaate xiqqeessitee himuun dhoksiif.Inni hanga barbaade hamaa haa tahu ati eessattis, eenyuttis ciminaa fi gaarummaa isaa qofa dubbadhu darbi arraba irraa kiraa hin kafaltuu.Yoo carraa argatte immoo jibba daangaa darbes yoo qabaatte hadhaa jibbaa liqimsii sin jaaladha,sin kabaja jedhiin,
Kolfii taphadhuun,haasawa babbareedaa itti haasawi,yoo isaa rakkate agarte osoo inni gargaarsa sin gaafanne kan dandeessu godhiif,goonkuma callistee bira hin darbin.ilaalcha gaarii isaaf qabdu mul'sii itti agarsiisi. Na'amani namni sun xumura irratti fira kee isa dhugaatii fi guyyaa rakkoo tahee argama.
Madda:Barruu koo dhukkubbii hawaasummaa jedhu keessaa kan fudhatameedha
Galatoomaa 🙏🙏
@Faana_milkaina