Репост из: RAFIIQUL ISLAAM
السلام عليكم ورحمةالله وبركاته
https://t.me/Rafiiqul_Islaam
IISAAN (JESUUS) GARA SAMII OL FUUDHAMUU
Akkuma beekamu Iisaan (nageenyi isarratti haa jiraatuu) gara ilmaan Israa’el nabiyyii ta’uun ergame. Garuu Yahuudonni Iisaa wantoota adda addaatin maqaa xureessu fi yakkuu turan. Dhumarratti isa ajjeesuf shira (tooftaa) baasan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun dubbata:
“Isaan tooftaa baasan, Rabbis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuti. Yeroo Rabbiin [akkana] jedhe [yaadadhu] “Yaa Iisaa! Ani si fudha, gara Kiyyattis ol si kaasa. Warroota kafaran irraas si qulqulleessa.” (Suuratu Aali-Imraan 3:54-55)
Yahuudonni Iisaa ajjeesuuf tooftaa baasan. Garuu Rabbiin olta’aan isaan dursuun tooftaa san caalu baase. Tooftaan kunis Iisaa gara Isaatti ol fudhachuu fi nama Iisaa fakkaatu isaanitti fakkeessudha. Seenaan tooftaa kana fakkaata:
Yahuudonni yommuu Iisaa ajjeesuf walitti qabaman, Iisaan isaan jalaa dheessun mana keessa seene. Mootiin isaanii namticha maqaan isaa Yahuuz jedhamu Iisaatti seenee akka ajjeesu ykn baasu ajaje. Namtichi kuni mana ni seene, garuu Iisaa hin arganne. Rabbinis fakkaataa iisaa namticha kanarratti darbe. Kana jechuun akka Iisaa fakkaatu isa taasise, Iisaa immoo gara samii ol fuudhe. Namtichi kuni yommuu bahu yahuudonni Iisaa kan fakkaatu ta’ee isa argan. Namtichi “ani saahiba (hiriyyaa) keessan” osoo jedhu, yahudoonni isa qabuun rarraasanii ajjeesan. Ergasi ni jedhan, “Fuulli isaa fuula Iisaa fakkaata. Qaamni isaa immoo qaama saahiba keenyaa fakkaata. Kuni saahiba keenya yoo ta’e Iisaan eessa dhaqee? Kuni Iisaa yoo ta’e, saahibni keenya eessa dhaqee?” Isaan jidduutti wal dhabbiin guddaan ni uumame”. Kanaafi, Rabbiin ol ta'e itti aansee ni jedha:
“Ammas isaan “Nuti Masiih Iisaa ilma Mariyam, Ergamaa Rabbii ajjeefne jirra” waan jedhaniif [isaan abaarre]. Isaanitti fakkeefame malee isaan isa hin ajjeefne, hin fannisnes. Warroonni waa’ee isaa ilaalchisee wal dhaban dhugumatti isa irraa shakkii keessa jiru. Shakkii hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatu hin qaban. Qabatamaan isaan isa hin ajjeefne. Dhugumatti Rabbiin gara Isaatti ol fuudhe. Rabbiinis injifataa, ogeessa ta’eera. Abbooti kitaabaa irraa eenyullee hin jiru du’a isaatiin dura kan isatti amanu yoo ta’e malee. Guyyaa Qiyaamaas isaan irratti ragaa ta’a.” (Suuratu An-Nisaa 4:157-159)
Yahuudonni Iisaa (nageenyi isarratti haa jiraatu) ajjeefne jirra jedhan. Garuu Rabbiin nama biraa isaanitti fakkeesse malee Iisaa hin ajjeefne. “Warroonni waa’ee isaa ilaalchisee wal dhaban dhugumatti isa irraa shakkii keessa jiru.” Waa’ee Iisaa (Iyyasuus) ilaalchisee Kiristaanonni fi Yahudoonni wal dhabbii guddaa keessa seenan.
Yahudoonni ajjeefne jirra jedhan. Kiristaanoni gariin Iyyasuus nuuf jedhe du’e jedhan. Gariin isaanii Iyyasuuf gooftadha, ykn ilma gooftaati jedhan. Kuni hundi dhugaa irraa kan fagaate fi ragaa hin qabneedha. Kanaafi itti aanse akkana jedhe, “Shakkii hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatu hin qaban.” Kana jechuun waa’ee Iisaa ilaalchisee wanti isaan jedhanii fi hordofan shakkii qofa. Beekumsa sirrii fi dhugaa ta’e hin qaban.
“Qabatamaan isaan isa hin ajjeefne. Dhugumatti Rabbiin gara Isaatti ol fuudhe.” Kana jechuun dhugumatti yahuudonni Iisaa (Iyyasuusin) hin ajjeefne. Dubbiin Kiristaanotaa “Iyyasuus cubbuu keenyaf jedhee du’e” kan jedhuus soba. Garuu Rabbiin gara Isaatti ol fuudhe. “Rabbiinis injifataa, ogeessa ta’eera.”
Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aa, Injifataa fi Ogeessa waan ta’eef Iisaa gara samii ol fuudhun homaa Isatti hin ulfaatu.
“Abbooti kitaabaa irraa eenyullee hin jiru du’a isaatiin dura kan isatti amanu yoo ta’e malee.” Asitti abbootii kitaabaa yommuu jedhu Yahuudotaa fi Kiristaanota jechuu isaati. Mufasiroonni (Hayyoonni Qur’aana ibsan) aayaa tanaaf ibsa lama kennanii jiru:
https://t.me/Rafiiqul_Islaam
https://t.me/Dhugaa_Dhokatee