Yesus maqaa qaama namummaa waaqayyoof kennameedha! Kristoos fayyisaa jechuudha! Kunis maqaa qaama namummaa fi waaqummaa Waaqayyoo kan of keessatti qabateedha! Yesus bifa namummaa uffatee waan tureef bartoota isa cina dhaabbatani jiranitti of ibsuuf jedhee jecha kana fayyadama! "Namummaa dadhabaa ani amma uffadhee isin gidduu jiraacaa jiru kun, waaqummaa koo isan qaba ture sanaa waliin wal hin madaaluu!” jechuu isaati! Waaqayyotu qaama garagaraan of ibse malee Waaqayyoo garaagaraatu qaama garaa garaan of ibse miti! Namoonni Macaafa irratti hubannoo gad fagoo qabdan dubbii kun salphaatti isiniif gala!
Dubbii kana akka salphaatti ilaaluu waan hinqabneef fakkeenya tokko waliin ilaalla! Mee ati maqaakee #tolasaadha ha jennu! Dur yeroo xinnummaakee wagga afur gad turte sana abbaa argetu ol si fuudhee si baata ha jennu! Guddattee immoo maqaa kee gara #jabeessaatti jijjiratte ! Yeroo xinnoo turte sana akka carraa jecha #jabeessaan_na_caalaho!” jedhu dubbatte utuu tahee hoo? Akka yeroo mucummaa sanaatti abbaan arge si baachuu hin danda’u.
hubadhu maqaakee jijiramee akkasumas qaaman guddattees malee ati isuma duriidha! Kanaaf #tolaasaanis #jabeessanis qaamuma tokko! Garuu akkaata jireenyaa irratti hundahe maqaan jijjirame malee! Haaluma wal fakkataan #Abbaan_na_caalaho!”jechuun Yesus kunis Waaqayyootu Yesusiin caala osoo hintaanee qaama Waaqayyoo isa ballaqessa fi humna sodaachisaa namni arge jiraachuu hin dandeenye sanatu,qaama dadhabaa inni uffate gara biyya lafaa dhufe isa 'foon'jedhame kana caala'o!(qol 1:15)
“Namni fuula koo arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu.” #Bau. 33:20
“Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine, ilma tokkicha isa abbaa bukkee ture sanatu waa'ee isaa hiikee beeksise malee.”
— Yoh. 1:18
Kanaaf inni Phaawulos gara 1Qor.15:28 irratti Yesus “Waaqayyo isa waan
hundumaa miila isaa jala galche jala in gala” jedhu eenyummaa namummaa
isaan malee Waaqummaa isaatiin akka hin taane beekuun barbaachisaadha.
Du’aa ka’uu booddee Yesus Kiristoos bifa attamii qaba jennee yoo keessa
deebinee ilaalle amma iyyuu eenyummaan lamaan kun isa keessa jira.
Waaqummaan isaaf namummaan isaa jechuudha. Namummaan isaa utuu hin
jiru ta’ee maaltu ta’uu danda’a? jennee yoo yaadne Ergaan gara warra Roomaa
8:34 hiika dhaba. Innis akkas jedha: “mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhate”. Yesus yeroo Waaqayyoon nuuf kadhatu nama guutuu ta’eetu malee waaqummaa isaatiin miti. Sababiin isaa Waaqayyo Waaqayyon hin kadhatu waan ta’eef. Akkasuma 1Xim.2:5 irraa “Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kiristoos isa nama ta’ee mul’ateedha” jedha. Hojiin lubummaa kun kan inni dalagamu karaa Kiristoosidha. Yohaannis ergaa isaa keessatti “nama nuuf dhaabbatu Abbaa
biraa qabna” jedha (1Yoh.2:1).
Kana caalatti immoo hafuurrii Waaqayyoo dubbii kana isin ha hubachiisuu!
Kutaa itti aanuu xiqsii kan biraa gaaffii tahan qabadheen dhufa! Erga kana barreessuun dadhabbii akkamii akka qabu anaaf hubattu jedheen yaada! Isin immoo #share gochuun na gargaaraa! Yaada keessanis naaf bareessaa
Itti fufa....
by
@solabedasaKaayyoon keenya guddaadha!!
Muldhanni keenya fagoodha!!
Miseensa keenya ta'uu yoo barbaadan.
Ammumma
👇👇👇👇👇
▒►JOIN ►▒▓
GODHAN
✍️
https://t.me/solabedasaa ✍️
https://t.me/solabedasaa YAADA FI GAAFFIIF
👇👇
@solabedasaFuula Facebook
👇
https://www.facebook.com/solaBedasa