KUTAA 101
✍️✍️✍️✍️✍️🌹🌹🌹🌹🌹✍️✍️✍️✍️✍️
#Bara_gaarii_eegaa_jiraachuu_irra_bara_qabdutti_akka ta'uutti_jiraachuu_filadhu.
✍️Namoonni baayyeen baraa fi yeroo gaarii osoo eeganii har'a isaanii of jalaa balleessanii jiru.
✍️Kennaa guddaa Waaqayyo dhala namaaf kenne immoo kaleessa keenya otoo hin taane har'a keenyadha.
✍️Yeroon ati qabdu qabeenya kee isa guddaadha.
✍️Namoonni baayyee humna qabu, beekumsa qabu, ogummaa qabu, haala mijataa qabu garuu kanuma keessa waas namaaf hin kennan, nama irraas waa hin buufatan.
✍️Umurii keenya qaalii itti waa hojjechuuf nuuf kenname marree irra teenyee,yeroo mijataa eeguun salphina guddaadha.
✍️Bara eegaa jiraachuun umurii dheeraa jiraachuuf nu fayyada malee waa hojjechuuf nun fayyadu.
✍️Maaltu gaariidharee yoo nan jette, waan si harka jiru facaasuu fi yeroo qabdutti fayyadamuutu gaariidha.
✍️Bara gaarii eegna yoo ta'e, barri gaariin bara itti Yesuusiin jireenya keenyatti fudhanneedha, malee barri gaarii kana caalaatti nuuf dhufu hin jiru.
✍️Jireenya yoo ta'e immoo addunyaan guyyaadha gara guyyaatti jijjiiramaa bulti malee salphachaa hin jirtu.
🥰Kanaafuu nuti maal gochuu qabnaree?
Bara gaarii, yeroo gaarii,maallaqa gaarii, beekamtii bareedaa eeguu dhiifnee, wantoota mul'ataa fi abjuu keenya cabsuu barbaadan bira darbinee jireenya hiika qabu jiraachuudhaaf of murteessuu qabna.
✍️“Inni sanyii facaafamuu baatee boo'aa adeemu, bissii isaa baadhatee, sagalee gammachuu dhageessisaa deebi'ee in gala.”
🥰“Namni yeroo hundumaa qilleensa gaarii eeggatu sanyii facaasuu hin danda'u; namni yeroo hundumaa gara duumessaa ilaalus midhaan isaa makarachuu hin danda'u.”
— Lal. 11:4
✍️Dubbiin Waaqayyoo qilleensa gaarii eegaa akka yeroo keenya hin balleessine bareechee nutti hima.
👉“Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganamaan facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu ta'a.”
— Lal. 11:6
Bara gaarii eegaa yeroo keenya qabeenya guddaa Waaqayyo nutti kenne balleessinee boru dhalootaaf otoo waa lafa hin keenye akka umurii kee hin balleessineef waadaa ofiif seeni.
✍️Dammaqaa ta'uun furmaata jireenyaati🥰
Obboleessa keessan :Sisay Yadessa 👇
Dubbisuun obboloota keessaniif #share godhaa.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk