#Finfinnee
Hoggantoonni barnoota Afaan Tigiriffaa fi Afaan Oromoo barachaa turan qormaata xumuraa fudhataniiru jedhameera.
Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Magaalaa Lammii Kuraatti ji'oota 5 walitti aansuun Afaan Tigiriffaa fi Afaan Oromoo barsiifamaa akka ture himame.
Qormaanni xumuraa kaleessa akka kennames ibsameera.
Odeeffannoon magaalicharraa argame akka mul’isutti, hooggantoonni 371 barnoota Afaan Tigiriffaa fi Afaan Oromoo barachuu erga eegalanii ji’a 5 ta’eera.
Hoggantoonni kunneen afaan dhalootaa isaanii irraa afaan dabalataa baratanii qormaata xumuraa kaleessa akka fudhatan ibsameera.
Barnoonni afaanii kun qindoomina mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Gaara Gurii waliin ta'uun barsiifamaa ture.
Paartiin Badhaadhinaa afaanota hojii shan biyyattii keessatti hojii irra oolchuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡