Ijoollee Ifaa


Гео и язык канала: Весь мир, Английский
Категория: Telegram


𝐂𝐡𝐚𝐚𝐧𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 dhimmoota
☕️ Wangeela Kiristoos
☕️ Amantii
☕️ Faarfannaa Wangeela
☕️ Dinaagdee
☕️ Hawaasummaa
☕️ Siyaasaa
☕️ Fayyaa
☕️ Barnoota Walii galaa
☕️ Bashananaa fi oduu
☕️ Seeraa fi kkf irratti
Yaada fi Gaaffiif
@A

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Весь мир, Английский
Категория
Telegram
Статистика
Фильтр публикаций


𝐉𝐀𝐀𝐋𝐀𝐋𝐋𝐈𝐊𝐄𝐄 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐀𝐌𝐀𝐀𝐃𝐇𝐀.

1Yohn: 4;15-19

Haala ilaaltee nan jaalanne
Gadi jettee lafaa na fuute
Rakkoo hunda dandeessee
Lubbuukoof darbitee duute.

Yommuu haalli ulfaatu
Na dhiistee nan gattu kophaa
Jaalallikee amanamaadha
Gammachuu of keessaa qaba.

Waadaan kee anaaf waadaadha
Turee bulus hin haalamu.
Yeroo isaatti raawwatamee
Ijjikoo in arga garaa diina kootii waadamu.

Hinuma ta'a naaf dubbiin kee
Haalotarra hin dhaabbanne
Gaaffii kadhata kootii
Jira ammayyuu, fuula kee duraatii hin banne
Situ na beeka
Dhugaan kan koo siif mul'ata.
Cimina koof hanqina koo
Si qofaatu naaf hubata.

Dadhabbii koo natti ilaaltee
Hanqina koon na hin lafaftu.
Gammachuu kootti naaf dhuftee
Guyyaa gaddaa narraa hin haftu.

Ilaalcha koo naaf jijjiirtee
Yoon an kufe ol na kaasta.
Badii keessatti nan dhiistu
Jireenyatti achii ol na baasta.

Kan na danqe naaf mijeessuun
Yoon mudhuke na gargaarta
Rakkoof balaa hammaattu keessaa
Daftee lubbuukoo baraarta.

Sagalee kee jireenyaan
Jajjabeessaa anaaf taatee,
Na moosistee na boonsita
Yoo rakkoon anatti baay'ate

Akkuma jaalalaan na waamte
Jaalalaanis na simatte
Ulfina na eeggatuufis,
Qajeelummaa kee naaf laatte.

Kanaafiyyuu
Homtuu gargar nun baasu
Gonkumaa natti hin dhiyaatu
Kan gargar nu baasuuf asaasu.

Situ kankee na godhate
Dhiiga qulqulluu dhaan na bitee
YESUS koo, sirraa gargar nan baastu,
Biyyi lafaa hangamiyyuu yoo iyyite.

𝑅𝑜𝑜𝑚:8 37-39
𝑯𝒐𝒎𝒕𝒖𝒖 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂 𝑾𝒂𝒂𝒒𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐𝒕𝒕𝒊 𝒈𝒂𝒓𝒈𝒂𝒓 𝒏𝒂𝒏 𝒃𝒂𝒂𝒔𝒖
𝓦𝓪𝓪𝓷 𝓭𝓾𝓫𝓫𝓲𝓯𝓽𝓪𝓷𝓲𝓲𝓯 𝓮𝓮𝓫𝓫𝓪 𝓭𝓪𝓬𝓱𝓪𝓪 𝓮𝓮𝓫𝓫𝓲𝓯𝓪𝓶𝓪𝓪

Abdiisaa Guddaa ✍️✝️📖


Репост из: Hope Promotion
🧠 Jaalalaaf dursa kennuuf qophii ta'i! Jaalalli qulqulluun Kan haalota irratti hin hundoofne yoo ta'e galmi isaa miidhagaadha.
💎 Obboloota kanneen irraa barachuuf as tuqaa,... See More

👆👇👇👆👇👇💘

See More
See More




https://vm.tiktok.com/ZMhAJcE9k/
Dhuga-baatuu Yesuus is LIVE | TikTok
Evngelist Gima Gudina. | Check out Dhuga-baatuu Yesuus LIVE videos on TikTok! Watch, follow, and discover the latest content from Dhuga-baatuu Yesuus.






Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram






Qo'annaa Kitaaba Qulqulluu 1Qor. Boqonnaa 4


Barnoonni kun akkam ture?
Опрос
  •   A) Baay’ee Gaariidha
  •   B) hubachuu hin dandeenye
142 голосов






Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram


.
➾ #Iyyesus inni du'a moo'ee ka'e ofii isaatii iyyuu #ትንሣኤ dha.

“Iyyesus garuu, "Du'aa ka'uun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo du'e iyyuu in jiraata.”
✔📖 Yoh. 11:²⁵
.
- Du’aa ka’uun ( #ትንሣኤ ) ayyaana waggaatti guyyaan tokko eegamee kabajamu osoo hin taane, jireenya guyyaa guyyaan jiraatamuun kabajamu dha. jireenyi kunis Iyyesus Kiristoos dha.

Ayyaana du'aa ka'uu ykn #ትንሣኤ osoo hin taane,du'aa mo'ee isa ka'e,Tinsaahee isa ta'e Iyyesusiin kabajna! kanas immoo hafuura ayyaanaatiin osoo hin taane,hafuura du'aa ka'uu nu keessa jiruun kabajna.

Sababa kanaaf Du'aa ka'uun ykn #ትንሣኤ'n ayyaana kabajamu osoo hin taane, jireenya kabajamaa dha jechuu dha.
.


Qumaara siyaasaa fannoo jala dhaaba!

Dhugaa adiin uffata gurraachaan maranii dhoksuun hin danda'amu. Oromoon mana amantaa qabeenyaa fi carraaqqii isaatiin biyya ofii keessatti ijaare keessatti afaan dhaloota isaatiin waaqeffachuuf mirga qaba. Kun mirga namuummaati. Akkasumas mirgoota dimokiraasii Heera Mootummaa Federaalaa Rippabiliika Itoophiyaa ​​keewwata 29 irratti tumamanidha. Oromoo Afaan isaatin Waaqayyoon waaqeffachuun yakkas cubbuus miti. Mirgi saboota biroo hin sarbamu. Garuu jibbii fi hinaaffaan garmalee deemeera. Mootummaan qumaara siyaasaa fannoo jalatti deemaa jiru irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu qaba. Abbootiin amantaa waldhabdee bulchiinsa gidduu jiru adeemsa amantaatiin yoo hiikan gaariidha.


Watch "Haala Yeroo Bataskaana Ortodoksii Taawayidoo" on YouTube
https://youtu.be/W-B8G5HeQE4






Waldaan Kiristaanaa Ortodoksii yeroof bakka lamatti cabuun waan hafuu miti. Isaanis

1. Ortodoksii Taawayidoo Lumuxxii fi

2. Ortodoksii Taawayidoo sabni hundinuu afaan isaan yaa tajaajilamu jettu!

Oddeeffanno isaa itti dhiyeenyaan hordofna.

Показано 20 последних публикаций.