Nadhii Jaalalaa


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


➡ Walaloo Jaalalaa
➡ Asoosamoota Jaalalaa
➡ Seenaa Barsiisoo fi Bashannansiisoo Jaalalaan wal qabatan
➡ Mudannoo fi Gorsawwan Jaalalaa ni argattu
@NadhiiJaalalaa
Yaadaa fi muudannoo jaalalaa qabdan @NadhiiJaalalaa_bot irratti nuuf qoodaa

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


ATI

Hunda naaf caalta yoomuu,
siif fakkaattii hin qabu
Bareedinni addunyaa hundi,
siif madaala ofii dhabu
Urjii taatee calaqqista,
simboonkee akka biiftuu
Keessikoo si argattu,
kan fuullikoo na iftu

Nadhii kiyya mi'ooftuu,
ililliikoo ishee birraa
Du'a garas darbinee,
jaalalaan waliin jirra!


@NadhiiJaalalaa


Yeroo kamillee kan ani isin jaaladhu caalaatti hedduu na jaalattu. Maaltu akka jaalala haadhaa fi abbaa!


Halkan gadi hin ciisu,
yaadakeen ofii joora
Qalbii sitti hidheetan,
onneekoo siin soora
Ija wal irra buusee,
rafuuf yeroon yaadu
Qaamni na dadhabee,
boqonnaas barbaadu
Situ na dhuunfatee,
hirriba na dhorka
Barbaachakee ka'un,
fagaadheetoo sokka

Guyyaa ifa aduu,
waan hundi mul'atu
Yoo si qofaa malee,
hunduu na dhokatu
Hin arguuf nan arga,
addunyaa hundumaa
Garuu...
Kan natti mul'atu,
tokkittiiko suma


❤️❤️❤️❤️❤️
@NadhiiJaalalaa


Bareeda uumaan uumee,
uumeef dinqisiifate
Garaan isaas ilaalee,
hedduu itti boqote
Miidhagina addunyaa,
faaya jechi itti hanqatu
Si'ii jiru onneenkoo,
kaaniin yoomuu hin filatu

Naaf guutta hir'uu mara,
siin qabu qaban hunda
Sirraan achi qaari'ee,
onnee hin bulchu ganda
Dinqisiifannaa uumaa,
dhuunfattuu keessa onnee
Ani guutummaa kankoo,
fudhadhu siifan kennee


❤❤❤❤❤❤
@NadhiiJaalalaa


Sagaleekeen dhorkame,
at bakka kee naan himtu
Deemteetta achi fagaattee,
sichis deebitee hin dhuftu
An garuu qofaa tahee,
si dhabnaan yaada kuusee
Qara ilaalee dadhabnaan,
imimmaan kiyya buuse

Har'allee sin araada,
adda citnus garaani
Gammadii naaf jiraadhu,
bakka jirtu nagaani!


@NadhiiJaalalaa


Ijikoo si argitee,
libsuun onnee siif naate
Atimmoo narkaa baatee,
kan warra ormaa taate


Cirracha lafaa hundatti,
urjiilee samii dabalee
Uumama addunyaa mara,
lakkaa'uu osoon eegalee
Jaalalakee hin ibsani,
lakkoofsa hedduu hanqatu
Hamma onneenkoo si jaalattu,
sammuunkoo ofiifuu hin hubatu
..., baay'atanii itti mul'atu


DEEMIKA ERGA KAATEE

Ijakoo jaamsee qabee
jaamaas sobee fakkaadhee
Gurrakoos cuqqaalladheen
duudaa ta'ee dhaabadhe
Si'ii ormatti deemu
maal jedhee ilaaluree?
dhagahees maal godhuree?
Jaamaa fi duudaa fakkaadhee
obsuu naaf hin wayyuuree

Onneenkoo dhikkifattee
utaaltee bahuu mannaa
Sombis hargansuu dhaabee
ukkaamamee du'uurra
Qaamakoo gargar godhee
iccitii kaaniin dhoksee
Duudaa fi jaamaa taheen
jiraachuudhaaf murteesse

Sitoo garaa jabaatee
imaanaa fi waadaa nyaatee
Jaalala ijoollummaas
dhadhaa ibiddaa gootee
Onneen kiyya jaalalaas
kaaniin bakka siif buutee
Deemika erga kaatee
deemuun filannoo taatee!

@NadhiiJaalalaa


JAALALLI AKKANA!

Bu'aa bayii qaba
Buusee nama hin gatu
Quufa dirrisiisee
Hagabuu hin lagatu

Qabaattu si faarsee
Sin gatu yoo hiyyumaa
Yeroo hunda keeti
Hin beeku ko'ooma

Abjuu sirkaa gatee
Takkaa sin raatessu
Oliif gadi darbees
Karaakee hin balleessu

Ittuu si guddisee
Si godha garraamii
Sobee si leellisee
Tasa hin beeku hamii

Jaalalli akkana
Safuu waaqaa fi lafaa
Jabeessi irreekee
Maaliif taata laafaa?

Jaalala jibbitee
Qobaa hin gom'ini
Jaalalli dhugaadha
Sobaan hin makini


Kitaaba CABAA CABSAN jedhu irraa kan fudhatame.


@NadhiiJaalalaa


"... Jiitu, rifeensa uffattee bosona hin seenne malee ati bineentii dha. Si qofa miti - dhalli namaa martinuu bineensa; bineensummaa isa kan keetiitu addatti malee. Bineensotni warri kaan, kanneen jibban malee kanneen jaallatan hin miidhani. Ati garuu sabbata jedhee si hidhannaan bofa taatee na hiddite. Sin jaalladha jechaa na gante; siif du'e jechaa na ajjeeste. Jaalala dhugaatti qabamtee ishee na feetee fi na jaallatteef: yoon dhiige, yoon madaa'e, rakkinnii fi dararamni wal furee yoo natti dhufe, walumaa galatti yoon du'ellee nan gaabbisiisu. Kan na gaabbisiise garuu utuu na hin jaallatin kan na jaallatte fakkaattee, waggoota shanan darbaniif kan na waliin jiraatte- siin daldaltuu jaalalaa jaallachuu kooti ..."

Kitaaba IMAANAA IMALTUU maxxansa 4ffaa fuula 113 irraa kan fudhatame.


@NadhiiJaalalaa

Yaada qabdaniif: @NadhiiJaalalaa_bot


Situ garaa muratee
Narraa baqateef malee
Ani bar callisakoon
SIN JAALADHA ammallee


Arrabsoo fi jechi namaa akka sammuukee qabatu hin godhin. Warreen kun siin to'achuuf kan darbatamaniidha. Utuu inni warqee irraa hojjetame taheeyyuu yaadaa fi ilaalcha namaas ofitti fannistee hin deemin. Ofiikee jaalladhu; ofiikeef dursa laadhu!

@NadhiiJaalalaa


Jaalalan siif qabu beekta
Onneenkoo SI QOFA jetti
Lubbuu kiyyaafin si fedha
Sombikoo hargansuuf siin beekti
Yoo ati hin jirre natti hin tolu
Nan jiita'a yaadan bada
Qalbiin kankoo tatamsa'ee
Bakka hin jirren of barbaada

Har'a garuu nagaa dhaamtee
Ergati qarshii filattee
Sin barbaadu narraa deemi
Si arguu hin fedhu naan jettee
Mana onneekoo caccabdeef
Imimmaan taa'ee lolaasaa
Si'ii hin deebine yaadeen
Kunoo taa'ee dhama raasa!


@NadhiiJaalalaa


Wal hin beeknu turre. Wal barre. Yeroo dheeraas wal beeknee jiraanne. Nuti qaama tokko jennees yaadne. Amma garuu wal barree wal wallaalle. Yaadannoo qofa qooddannee addaan tamsaane.


Wal irraa fagaanne kunoo
Dugdaa fi garaa taane
Natti dhiistee deemte atisoo
Seenaa garaa hin baane
Achi buuteenkee dhabame
Akka miila Bakar Waaree
Bareeddittii tokkittiiko
Wal jaalachaa wal dhabnaaree?


Ati anaaf urjii dha; dukkanakoo bareechita. Ati anaaf addeessa dha; dukkana koo naaf ibsita. Ati anaaf biiftuudha; dukkana naaf dabarsita. Ati anaaf waan hundaati; mogolee naaf jabeessita.

Har'a garuu hin jirtu; yaaddoodhaan na gidirsita!


Onneenkoo 1% dhiiga; 99% immoo si'idha.


Namni tokko na miidheera jettee jaallachuu hin dhiistu. Namni sun akka si miidhu kan godhe gocha nama sanaa caalaatti jaalala ati nama sanaaf qabduudha waan taheef. Osoo jaalalli hin jiraannee miidhaan sun hin mul'atu ture.


Yaaddoo tahee yaadnikee,
na yaaddessa akka gaaraa
Si hin argadhu nan beeka,
deemteetta karaa biraa
Si geggeessee taa'eetan,
halaala yaadaa guura
Yaadnikee narraa hin deemu,
kunoo narratti duula!


Balballi onneekoo cabde siin malee hin suphamtu. Ati garuu achi buuteekeetu dhabame...akka miila Bakar Waaree!

Показано 20 последних публикаций.

117

подписчиков
Статистика канала