Magaalaa Finfinneetti kan argamu manni barumsa Jeneraal Waaqoo Guutuu rakkoolee adda addaatiif saaxilamaa jiraachuu hawaasni mana barumsichaa himan.
Mana barumsichaatti haalli baruu fi barsiisuu yaaddeessaa ta'ee jira jedhaniiru.
Manni barumsa sadarkaa 2ffaa Jeneraal Waaqoo Guutuu magaalaa Finfinneetti argamu hanqina bu'uraalee barnootaa hamaa keessa akka jiru maddeen himan.
Sababa kanaatiin haalli baruu fi barsiisuu gufataa jiraachuu hawaasni mana barumsichaa dubbatan.
Mana barumsichaa irratti dabatu raawwatamaa jira kan jedhan hawaasni mana barumsichaa, hanqinni bu'uuraalee barnootaa kanneen akka kompiitaraa, gabatee adii, manqora yookii kutaa laaboraatoorii, daree barnootaa, bakka bashannanaa, bakka laaqana itti nyaatanii akkasumas manni fincaanii qulqullina isaa eeggate jiraachuu dhabuun rakkoo uumuu himaniiru.
Akkasumas daandiin ittin bahanii fi seenaan dhiphaa ta'uu irraa kan ka'e rakkoo hamaa keessa jiraachuun ibsame.
👇👇👇👇
https://t.me/ORstudents