#MoE
Filmaatni nyaataa(Menu) barattoota yunivarsiitii hojiirra oolu maal fakkaata?
Baasii nyaataa barattoota yunivarsitii guyyatti Muddee 01/2017 irraa eegalee birrii 100 akka ta’u murtaa’uun isaa ni beekama.
Ministeerri Barnootaa 'menu' nyaataa barattoota yunivarsiitiif qophaa’u walfakkaata akka ta'uuf hojjatamaa akka jiru ibsee ture.
Haaluma kanaan, Ministeerri Barnootaa dhiyeessiin nyaataa barattootaa, yunivarsiitiiwwan hunda keessatti wal fakkaatee akka raawwatamuuf filmaata Nyaata(menu) sadarkaa isaa eeggate qopheessee yunivarsiitiiwwan mootummaa hundaaf ergeera.
Ministeerichi filmaatni nyaataa kun istaandaardii xiqqaa irratti hundaa’uun qophaa’uusaa ibsuun, barataa tokkoof baasii torbanitti Birrii 700 (dhibba torbaa) caalu akka hin qabne dhaabbileef ibseera.
Filmaatni nyaataa yunivarsiitiiwwaniif ergame maal fa'a qaba ?
Ciree: Injera Firfirii / ruuzii + daabboo + shaayii, Qincee, Silsii, makaroonii dabalata.
Laaqana: Qincee/Shiroo Ataraa/Shiroo/Dinnicha/Goommana, kaarotaa/paastaa/ + daabboo/buddeena, dabalataan, torbanitti guyyaa 1 foon Misiraan/Dinnichaan/Ataraan (daabboo ykn buddeena) waliin dabalame qophaa'a.
Irbaata: Misira/shiroo Ataraa/Paastaa/Shiroo + daabboo/buddeena, dabalataan, torbanitti guyyaa 1 foon Misiraan/Dinnichaan/Ataraan (daabboo ykn buddeena) waliin dabalame qophaa'a.
Akka menu nyaataa Ministeerri Barnoota Olaanoo Yunivarsiitiiwwaniif ergeen, barataa tokkoof ciree, laaqanaa fi irbaataaf Birriin 100 ramadameera.