Eelaa Simboo
Kutaa 5ffaa
Adam jaalalleen Simboo kaleessa nama baay'ee ishee jaallatu ture. Har'a garuu miti. Jaalala hinaafsisaa lamaan isaanii gidduu ture, gara jibba hamaatti jijjiire. "Nu warra gumaati" jedhee hamileeshee cabse.
Simboon manaa baatee osoo torbee hin guutin deebitee galte. Galtees mana hin teenye. Kallattiidhaan mana yaalaa deemtee Sanyii gaafatte. Akka isheen sodaatte hin turre. Yaala gaarii argatee gara manaatti geggeeffamaa ture.
Itti fuftee waajjira poolisii kutaa magaalaa Boolee,Aanaa 9 fuuldura jiru deemtee abbaashee gaafatte. Obbo Kariim abdii kutataniiru. Fuulli jijjiiramee, iji isaaniis keessatti xixinnaatteetti. Yeroo Simboo argan garuu fuullisaanii ifee miira gammachuutiin imimmaan buusan.
Hiriyoonnii fi abboonni qabeenyaa waaheloota isaanii ta'an maallaqa kaffaluudhaan obbo Kariimiin mana hidhaatii baasuuf yaalaa jiru. "Jalqaba natti dhukaafamnaanin dhagaadhaan ofirraa ittise" jedhanii jecha sobaa poolisootaaf kennuunsaanii caalaatti qorannoo kanbiraatiif karaa saaqe.
Yeroo obbo Taliilaa irratti ajjeechaan raawwate halkan waan tureef, eenyu akka dhukaase sirriitti namni arge hin turre. Kanaafuu namoota achi turan irratti qorannaan akka godhamuuf poolisiin heyyama mana murtii gaafate.
Manni namoota bakkicha turanii yeroo sakattaa'amu Huseen harkatti shugguxiin seeraan alaa qabame. Rasaasni obbo Taliilaa rukute achi buuteensaa waan dhabameef, shakkiidhaan Huseen to'annaa jala oole. Obbo Kariim garuu guyyaa yakka ajjeechaa obbo Taliilaa irratti raawwatan sana halkan shugguxiisaanii iddoo kanbiraa dhoksaniiru. Qorattootni yakkaa hiriyoota obbo Kariim harkaa mattaa'aa fudhatanis, Huseen irratti qorannaa cimsan.
Surraan erga Simboon manatti deebitee booda, ijaan argaa ishee jibbite. Gaafuma ishee argitu nagaa dhabdi, ni hammacamti.
Simboodhaan "Kun hundumtuu sababakeetiin ta'e. Situ wanbadee sanatti michoomee jireenya keenya jeeqe, si arguu hin barbaadu ijakoo duraa deemi" jetteen.
Maatiinis kadhatanii akka isheen tasgabbooftu taasisuuf yaalan.
Simboonis gadditee afaan qabattee turuu filatte. Deebii tokkollees hin deebisneef. Surraan garuu Simboo akkuma jibbitetti itti fufte.
Osoo haala sanaan jiraatanii ji'a 3 booda, guyyaa tokko galgala garuu wanti hin yaadamne Surraa fi Simboo gidduutti Uumame. Surraan miira aarii fi yaada ijoollummaatiin gowwoomfamtee obboleettiishee goraadeedhaan waraante. Simboon of-wallaaltee kufte. Dhiignishees baay'ee waan dhangala'eef, Aadde Suutumeen iyyanii ollaa birmachiifatan.
Gochaa baay'ee nama gaddisiisu ture. Namni kana arge hundi waan jedhu wallaalee afaan qabate. Maatii fi ollaanis battaluma Simboo mana yaalaatti geessan....
Itti fufa.
#seenaajaalalaa
Join godhaa