BEEKSISA
Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeessuuf waamame Ilaalchisee Beeksisa Qeerroo Irraa Kenname
=======================
Motummaan Nafxanyaa Abiy Ahmed lola gochaa fi jechaan mul’atu saba Oromoo irratti banuun isaa erga ifa ba’ee kaassee uummatni Oromoo mirga ofii falmachuuf qabsoo marsaa haaraatti deebi’uun isaa beekamaadha. Oromoo ajjeesuun, hidhuun, dararuun, hiraarsuun, akkuma itti fufee jiru Qeerroonis falma murteessee jira. Haaluma Kanaan qabsoo bifa lama of keessaa qabu bocuudhaan Qeerroon mata-duree Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmad Irratti Gaggeessuuf waamame jedhuun waamicha dhiyeessun ni yaadatama. Akkaataa waamicha kanaatti qoqqobbiin diinagdee mootummaa Nafxanyaa Abiy Ahmed laamshessuuf waamame keessaa muraasni baankiiwwanii fi inshuraansii diinaa lagachuu, diddaa gibira kaffaluu, miidiyaalee diinaa lagachuu akkasumas kaampaanota diinaa lagachuu dha. Tooftaan lammaffaan Waamicha Mormii fi Qoqqobbii Diinagdee Qeerroon Sirna Nafxanyaa Abiy Ahmadiin loluuf baafate immoo uggura daandiiwwan gurguddoo (highways) irratti xiyyeeffataa. Kaayyoon uggura daandiiwwan gurguddoo kun daandiiwwan Oromiyaa seenanii fi ba’an cufuudhaan ujummoo diinagdee mootummaa Nafxanyaa Finfinnee keessa maadheffatee cufuu dha.
Gama biraatiin diinni Oromoo Qeerroon qoodamee mormii waame haqee jira jechuudhaan olola inni adeemsisaa jiru quba qabna. Qeerroon addaan qoodame hinjiru, gara duraattis hinjiraatu. Waamichi qabsoo marsaa kanaas akkaataa Qeerroon waameen kan itti fufu ta’a. Haata’u malee tooftaalee qabsoo Qeerroon qabsoo maraa kanaaf qopheesse keessaa tokko irratti jijjiiramni guyyaa akka taasifame ibsuu barbaanna. Haaluma Kanaan:
Qoqqobbiin diinagdee mootummaa Nafxanyaa Abiy Ahmed laamshessuuf waamame baankiiwwanii fi inshuraansii diinaa lagachuu, diddaa gibira kaffaluu, miidiyaalee diinaa lagachuu akkasumas kaampaanota diinaa lagachuu akkuma jirutti ittifufa. Kanaaf, Wiixata, Adoolessa 20, 2012 irraa kaasee uummatni keenya waamicha qoqqobbii diinagdee dhiyaate akka hojii irra oolchu irra deebinee yaadachiifna. Haaluma kanaan:
uummatni keenya kallattiidhaan ta'e al-kallattiidhaan baankiiwwanii fi inshuraansii mootummaa nafxanyaa kana deeggaran akka itti hin fayyadmne, akkasumas baankii haaraa amma sheerin isaa gurguramaa jiru akka hin bitne irra deebiin waamicha dhiyeessina;
Uummatni keenya irraa keenya mootummaa nfaxanyaa Abiy Ahmediif gibira akka hin kafalle;
Jaarmiyaalee tajaajila geejjibaa kanneen sheerii warra diina uummata keenyaan ijaaraman fayyadamuu dhiisuu; konkolaataan isaanii Oromiyaa keessa akka hin sochoone ugguruu;
Miidiyaalee diinaa dadhabsiisuu ilaalchisee miidiyaaleen diinaa fardii uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsan kanneen akka EBC, WALTA, ABBAY Media, ESAT, MEREJA tube fi ETHIO Tube, Fana fi kkf uummatni keenya akka hin daawwanne, akka hin dhaggeeffannee fi odeeffannoo akka hin kennineef irra deebinee waamicha dhiyeessina.
Qabeenya abbootii qabeenyaa kanneen sirna Nafxanyaa kana tajaajilan ummatni Oromoo maqaan beeku qabeenya isaanii hunda irratti tarkaanfiin ugguru akka fudhatamu, qoqqobiin dinagdee akka irratti godhamu.
Waamicha uggura Geejjibaa Guutummaa Oromiyaa ilaalchisee
Waamichi uggura geejjibaa daandiiwwan gurguddoo Oromiyaa seenanii-ba’anii fi Oromiyaa keessa kan qaxxaamuran Hagayya 20, eegala jedhee Qeerroon waamicha dhiyeessee ture gaaffii hawaasaa ilaalcha keessa galchuudhaan Wiixata, Adoolessa 27, 2012 akka eegaluuf murtaa’ee jira. Kanaaf, Wiixata, Adoolessa 27, 2012 irraa eegalee daandiiwwan magaalota Oromiyaa wal agarsiisan marti guyyaa kana irraa kaasee cufaa ta’u. Haaluma Kanaan, daandiiwwan gurguddoo (highways) gara Magaalaa Finfinnee geessan dabalatee geejjibni marti akka dhaabbatu irra deebiin waamicha dhiyeessina. Uggurrii kun Wiixata Adoolessa 27 irraa egalee hojii irraa akka oolu firaafis ta’e diinaaf ifa haata’u jechuun Qeerroon murteessee jira. Cufiinsa daandiiwwanii kana keessa Ambulaansii irraa kan hafe sochiin geejjibaa Oromiyaa keessa deemuu fi ba’u marti ni dhaabbata.