BOOKEEN BUSAA 🦟 DHIBEE HIV NAMATTI NI DABARSITII?
Kaleessa gaaffii kana tora fb fi tg koon siniif dhiheesseen ture. Namoonni 54% hin dabarsitu yoo jedhan 46% immoo ni dabarsiti jechuun yaada isaanii kennaniiru.
Deebii koo:
Qorannoolee haga ammaa jiran kan mirkaneessan Bookeen busaa dhibee HIV namaa gara namaatti dabarsuu akka hin dandeenyedha. Kunis ta'uu kan danda'e sababoota armaan gadiitiini:
👉 Vaayirasiin HIV Bookee busaa fi Geeroo(Tukaanii) dabalatee qaama ilbiisotaa keessa jiraachuu ykn wal horuu hin danda'u. Kunis sababa ilbisonni kun gosa dhiigaa Adii T-cell jedhamu kan Vaayiresiin kun keessatti walhoruu waan hin qabneefi.
👉 Bookeen busaa dhiiga nama HIV qabuu xuuxxeen booda guyyaa 1-2 garaacha ishee keessa turuu haa danda'u malee Vayireesiin kun walhoruus gara xannacha isheetti faca'uus hin danda'u.
Bookeen busaa immoo yeroo nama idditu dhiiga nama irraa waraabbatte osoo hin tahiin; hancufa ishee kan dhiiga qallistee xuuxuuf ishee gargaaru qofa gara qaama namaatti gadhiifti.
💥 Kanaafuu Bookeen busaa dhibee kana Namaa namatti dabarsuuf hin dandeenye jechuudha!
Nagaa hin dhabiinaa!
@drmoii dha
#forward waliif godhaa!
Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1