Hin Sodaadhu✊


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Humna WBO jala dhaabbatu kamifuu obsa qabnu

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Ajajaan Poolisii Aana Haroo Walaabu Osoo Gara Magaalaa Nageellee Booranaatti Imalaa Jiru Leencicha Cibraa Odaa Adoolaatiin Dhuunfatameera.duraanis Magaala Nageelle Boorana keesatti yakkoota gargaraa dalagaa turuun isaa beekkamaadha.


Репост из: Arraata Biyyoolssaa Oromiyaa
Waraanni faashistii PP fi finxaaleyyoonni Amaaraa godina lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti maatii tokko guutuu rasaasaan ajjeesan.

 ( ONM-ABO Bitootessa 24,2022 )

Kaayyoo ilmaan Oromoo ajjeesuun impaayeera afaan, aadaa, amantii fi seenaa tokko qabdu ijaaruuf kan walii galan humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa fi waraanni ergamtuu PP ajjeecha suukkaneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

 
Bitootessa 22,2022 waraanni faashistii PP humnoota finxaaleyyii Amaaraa Amaara waliin ta'uun namoota nagaa godina lixa Shaggar ona Baakkoo Tibbee ganda qotee bulaa Barii Aabbotti halkan sa'ati 7:00n qe'ee obbo Biraanuu Nugusaa humnaan cabsanii seenuun maatii guutuu rasaasaan rukutanii ajjeesan.
 
Gochaa suukkaneessaa kanaan namootni 4 yoo ajjeefaman daa'imni tokko qofti yaalaaf gara hospitaala Finfinneetti ergamtee jirti. Namootni humnoota waloo farra Oromummaa kanaan ajjeefaman:
Obboo Biraanuu Nugusaa Jimaa... Abbaa maatii
Iteenash Taaddasaa waaqgaarii .... haadha manaa
Caalaa Biraanuu Nugusaa... ilma isaanii
   Araggaa Nugusaa Jimaa ... Obboleessa obb Biraanuu
  Masarat Biraanuu Nugusaa...daa'ima umrii 13 fi rukutamtee hospitaala finfinneetti kan ergamte ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
 Ajjeechaan miseensota maatii irratti  lixa Shaggaritti ilmaan Oromoo keessatti raawwatu kanaan duras aanaa Abuunaa Gindabaratitti, abbaa fi ilma bakka tokkotti akkasumas obbolaa lama yoo ajjeesan, aanaalee akka Daannoo fi Baakkoo Tibbeettiis gochaan wal fakkaataan baatii darbe keessa raawwachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
 


KFOfi Jawaar Mohammed
-------------
Dhimma KFOfi Jawaar waliin walqabatee rakkoon uumamu hin jiraatu. Jawaar fedhiifi jaalala KFO ijaaruu darbee tasa gara miidhuu hin yaadu.

Yoo dhibe Jawaar KFO keessatti dhiibbaa jabaa/influences/ qabaachuu barbaada malee KFOn diiguu miti akka dadhabu hin barbaadu.Jawaar akka Nageessaa Oddoo fi Tolosaa Tasfaayee paartii isaa gurguratee hin nyaatu.Kun amantaa kooti. Fedhiin OPDO/Bilxiginnaa karaa Jawaar Mohammed galma geesisuu barbaaddu ni jira. Waan akkanaa immoo dhibee hin beeku. Amaluma diina Oromoo diiguu hawwuuti. Jawaar osuma yaalee iyyuu hin danda'u. Dubbiin akka ilaalamu miti.

Jawaar yoo KFO irratti hammaate jedhame bakka Professor Mararaa yoo barbaade dha. Hawwiin kun karaa diinaa jiraatus ammatti karaa KFOs ta'e Karaa Jawaar fedhiin kun hin jiru. Dhukkubinni OPDO/Bilxiginnaa yeroo kannatti jiru tokko Professor Mararaa dha. Ajjeechaa Hacaaluu as OPDO/Bilxiginnaan karaa kamuu kan dadhabe Professor Mararaa ture. Shawaduus hin dandeenye. Dhimma filannoo sobaa kaardiin bakkewwaan owaalchaafi gabaatti rabsamaniu filamnne jedhan sanaan wal qabatee Bilxiginnaa hudduu ishee qullaa sana Adunyaattti kan agarsiise KFO dha. Shirri ABO dhabamsiistee, KFO butuchuun filannoo keessa galchitee fakkeessuuf ture irratti kan doomise KFO Professor Mararaan hoggananiin dha.

Kanaafuu dhimmi KFO waan nama yaaddessu miti. Bitamtooti Keessa KFO turte oggummaa Profeeserichaan rukutamtee baateetti.Jarri kun amma firfaarii PP itti darbatte qabattee mana araqee keessaa gadooduu ala homaa fidaa hin jirtu.

Dhuma irratti Jawaar Mohammed osoo danda'ee kan irratti jabaatu WBO dha. Sababni isaa immoo tokko qofa. Humna kana ajajuu dhabuu isaati. Humni WBO qawwee kaase kun baayyeen isaa Qeerroo waggaa 3 as qabsoon itti dhumeefi dhiige sun jalaa butamuu irra darbee fixxinsa seenaa keessatti argamee hin beekne waan itti fideef filannoo biraa dhabuun saba isaaf wareegama lubbuu isa olaanaafi kan hiriyaa hin qabneef of dhiyeesse dha. Oromoon humana kanatti boonuu qabaa malee diina isa hidhaa, buqqasaafi fixaa jiru jala galee shira xaxuu hin qabu. Isa iyyuu shira homaa humna kana dhaabuu hin dandeenye!!

Qeerroofi Qarreen haala amma jiruun akka sunaamitti Dirree Qabsootti bahuun diina raasaa kun akka dhalachuu dadnda'u warra haala turerraa akka yaaddoo xiinxala isaa jalatti " dogongora OPDOn amma itti jirtuun Qeerroon human guddaan kun Shaneetti makamuun bityittii gara dirree dhiigaatti jijjira jedhu sodaa kooti" jedhu dura lafa kaahe Jawaar Mohammed ture.

Jawaar yeroo kanatti rakkoo hamaa amma jiruuf furmaati tokkittiin filannoo hin qabne QAWWEE akka taate ni beeka. Garuu dhukkuba yeroo maraa Urjii ta'anii mul'achuu hunda nama rakkisuu "Ego" jedhamtutu isa balleessaa jira.

Sololo times.

Показано 3 последних публикаций.

3

подписчиков
Статистика канала