Репост из: ☪BAREEDINA ISLAAMUMMAA
TOOHIDA KUTAA 2️⃣9️⃣FFAA
Kutaa 28ffaa dubbisuu Hubadhaa
✺ HAALA NAMA FAANA/GADDII LAALLATUU:
1ffaan: waan arge kana ilaalee waa dalagaa dhiisuudhaan gaddii laalachuu kanaaf awwaatuu: kuni irra guddaa faana laallachuu (xiyaraa) jedhama.
2ffaan: sirriitti waan kanatti osoo hin amanin garuu waa natuqinnaa waa na miidinnaa jedhee sodaata.
Kunis faana laallachuma jedhama garuu isa duraa irra laafa dha. Bifni lachuu abbichi sun tawhiidarraa hir’ina akka qabu mul’isuurra dabree abbichi waan
kanaan akka dararamu taasisa.
✺ Dawaa/qorsa nama waan kanaan miidhamee Namni shakkii akkanaa qabu akkana jechuutu irra jiraata.
‘Yaa Rabbi Waan gaarin kan namaa dhufu si malee hin jiru, waan badaa kan namarraa deebisus si malee hin jiru, malaa fi Humnis si malee hin jiru.’ (Abuu Daawudtu odeesse) Ammas akkana haa jedhu: ‘Yaa Allaah! Wanta gaarii ati heyyamte malee wanti gaariin hin jiru. Allaatti ati uumte malee ta biro hin jirtu (waan ati dhoorgite malee hooddachuun hin jiru). Si malee Gabbaramaan/ilaahni birollee hin jiru’ Ergasiis Kana booda wanni irra jiraatu:
❁ Rakkoo faana laallachuun qabu beekuu/hubachuu
✩Nafsee ofii too’achuu/irratti qabsaahuu
✩Murtee fi taatee Rabbiitti amanuu
☆ Rabbitti yaada toluu
☆ Salaata Istikaaraa/filannaa Fayyadamuu (Istikaaraa: jechuun Salaata raka’aa lamaa salaatanii
waan caalu akka waffaqamu Rabbiin kadhachuu)
❋ Daangaa faana laallachuu irraa dhoorgamnee:
Rasuulli ﷺakkana jedhan: ‘Faana laallachuu jechuun wanta itti si deemsisee fi irraa si deebisee dha’ Ahmadtu odeesse.
᯽Tafaa’ula toluu: Tafaa’ula toluu jechuun jecha gaarii dhagahanii itti gammaduu jechuu dha. Fakkeenyaf: namni tokko imala/karaa deemuu
barbaadee: Nama “yaa Saalim/yaa nagaa) jechuu yoo dhagahee itti gammade, kuni waan rakkoo qabus miti, hin dhoowwamus. Ragaan kanaa Rasuulli “ :ﷺTafaa’ula toluun natti tola” jedhan.
★Garaagarummaa faana laallachuu fi tafaa’ula toluu:
● Faana laallachuun Rabbitti ilaalcha baduu, haqa Rabbii waan birootti garagalchuu, Nafsee ofii (lubbuu ofii) waan uumama ta’e Kan hin fayyanne Kan hin miinetti rarraasuu dha.
Tafaa’ula toluun ammoo Rabbitti ilaalcha toluu, haajaa ofii irraa kan nama hin deebifne jechuu dha.
❁ TANJIIMA/ BEEKUMSA URJII LAALUU
✰ Hiikkaa:
Akka lugaa afaan Arabitti beekkumsa urjii barachuu jechuu dha.
Akka shar’aatti ammoo urjitti gargaarsifachuun waan adda addaa barbaaduu (ragaa ittiin godhachuu) jechuu dha.
Beekkumsi urjii bakka lamatti qoodama.
1. Beekkumsa Murtee
2. Beekkumsa Sababaa
❍Beekkumsa Murtee:
Qoodni kunis bakka gurguddaa 3tti qoodama.
1.Urjiileen tun waa uumti (waa argamsiisti Wanti badaan akka argamu taasifti) jedhanii amanuu:
Kuni Shirkii guddaatti lakkaa’ama.
2. Sababa Ilmii geybii ittiin beekuuf yaaluu: Kuni ammo Kufrii guddaa dha.
3. Urjii sababa keyrii fiduu ykn ammoo sharriin akka argamu taasisa jedhanii amanuu. Kuni ammo Haraama, shirkii xiqqaatti lakkaa’ama.
❁ Beekkumsa Urjii Sababaa:
Beekumsi urjii bifa kunis bakka lamatti qoodama.
1. Waa’ee Amantaa/diini irratti waan rarra’uu urjitti gargaarsifachuu: kuni waan barbaachisaa dha.
Fakkeenyaaf: urjitti gargaarsifachuun Qiblaa salaataa beekuf yaaluu
2. Waa’ee dunyaatif urjitti gargaarsifachuu: Kana iddoo 2tti qoodnee ilaalla.
1. Kallattii beekuf urjitti fayyadamuu: kuni ni hayyamama.
2. Yeroo/ waqtii (gannaa fi bona) addaan
baafachuuf urjitti fayyadamuu: kuni rakkoo akka hin qabnetti Ulaam’in Kan kaayan.
𖣔 Beekkumsa guddaa Uumama Urjiilee keessaa Urjiileen waa’ee sadiif uumamte
1. Bareeduma Samiitif
2. Sheyxaana ittiin darbachuu dhaaf
3. Mallattoolee wayitti nama qajeelchan (Kallattii ittiin beekudhaaf).
Kutaa 30ffaan itti fufa insha'allaah