Mootichaaf Abbaa Murtii!!
Bara durii keessa mootiin islaamaa kan haqaafi walqixxummaan biyyaa hoogganu tokkotu ture,
Guyyaa tokko osoo namoonni abbaa murtii biyya biraa irraa haqummaaa fi wal qixxummaa isaa, akkasumas namni kamiyyuu akka abbaa murtichaa sobuu hin dandeenye yeroo waliin dubatan dhagahe,
Mootichis dubbii kana dhugeeffachuuf gara abbaa murtichaa deemuuf karoorse, gaafa deemsaaf ka’us uffata mootummaa uf irraa baasee daldalaa fakkaatee farada isaa yaabbatee gara magaalaa abbaan murtichaa itti argamutti fuula deeffate,
Mootichi osoo deemuu karaa irratti nama dadhabaa waa kadhatu tokko argee waa kenneef, namichi dadhabaan kun erga waa harkaa fudhatee ka’ees irraa hafuu didee duuba deeme, mootichis maal rakkatte? Qarshii siif kenneera jedheen, namichis akkas jedhe ee dhugaadha qarshii naaf kenniteetta, garuu ammas tola tokko akka naaf ooltu barbaada jedheen,
Mootichi maal si gargaaru jedheen namichis akkas jedhe waan baay’ee na dhukkubaa jiruuf faradakee xiqqoo na yaabbachiisi jedheen, mootichis tole jedhee irraa bu’ee namicha dadhabaa kanaaf farad ufii irraa bu’ee kenneef,
Namichis yaabbatee karaa dheeraa deemus irraa bu’uu dide, mootichis dallanee gaafate maaf irraa hiin buutu sin ga’uu? Jedheen. Namichis lakki irraa hin bu’u fardichi kiyya jedheen.
Mootichis baay’ee dallane. Wal mormiinis gidduu jaraatti ni jabaate, ummannis itti yaa’ee maaltu akka uumame erga baree booda gara abbaa murtii akka deeman ajajan, achitti murtii akka argatanuuf, silumaa mootichis kan inni manaa ba’eef abbaa murtichaa bira deemuufi.
Amma mootichii fi namichi dadhabaan sunis dabaree eeggatanii gara abbaa murtiitti dhiyaatan.
Mootichis himannaa isaa akkana jechuun eegale, ani daldalaadha osoon karaa deemuu …. Jedhee waan isa mudate hundaa abbaa murtiitti himate.
Abbaan murtichaas gara himatamaatti as deebi’ee atoo maal jetta jedheen, namichi akkana jedhe dubbiin isaa hunduu kijiba, dubbiin dhugaa akkana jedhee waan ofii godhe hunda akka waan isa irratti tahetti faallaa godhee dubbate.
Abbaan murtichaas erga falmii bitaafi mirgaa dhagahee booda, farda asitti dhiisaatii amma deemaa bor ganama deebi’aa jedheen.
Bulanii yeroon beellamaa geenyaan dhiyaatan. Abbaan murtichaas akkana jechuun isaan gaafate, fardakee fardoota walfakkaatoo 20 keessaa adda ni baafattaa? Jedhe. Mootichis eeyye sirriitti jedheen. Akkasuma namichis anillee sirriitti adda baafadha jedhe.
Abbaan murtichaas lamaan isaanii fudhatee dallaa fardoon walfakkaataan 20 ni keessa jiru isaan geese, abbaan murtichaas mootichaan dhaqii fardakee fudhu jedheen, inni haqa keeti, namicha kanammoo 50 garafaa jedhee murtee dabarse,
Abbaan murtichaa akkanatti erga hojii isaa xumuree booda mootichi gara isaa deemee iccitii inni itti dhugaafii soba adda baafatu gaafate. Abbaan murtichaas akkana jedhe yoo dhugaa dubbanne keetii fi kan namichaa murtee kennuuf baay’ee ulfaataadha, yeroon gara dallaa fareenii san isin geessu lamaan keessanuu fardicha akka adda baafattan beeka, an garuu yeroo san isin osoo hin taane fardicha ilaalaa ture, yeroo ati gara isaa deemtu fagoo irraa si laalee morma isaa gadi siif qabe, garuu yeroo namichi itti deemu akka itti hin dhiyaanneen gurra raasaa ture, akkanatti akka haqa kee ta’uu adda baafadhe jedheen.
Mootichis abbaa murtichaa galateeffatee sababa dhufeefis itti hime, akka mootii ta’es itti himee, kenna wa’ii kenneef garuu abbaan murtichaa harkaa fudhachuu dide, waanan gaheekoo ykn dirqama narra jiru raawwdheef kennaa nan barbaachisu jedhe,
Xumurame!
By- Abdussalaam Idriis (Seyfal-Islam)
Dubbisuu Keessanniif Galatoomaa, .
YouTube keenya kanaas SUBSCRIBE godha
https://youtube.com/channel/UCb8tCl_FHuGMpKJsrZIY5Lw
Join
https://t.me/hawwiiislamictube