Yaadni Poolisoota gartummaa siyaasaa qaban irratti tarkaanfiin seeraa fudhatama jedhamu kun fagoorraa yennaa laalamu gaarii fakkaata. Keessoon isaa garuu fokkuudha. Garee lama irratti fuulleffatamee deemamaa jira. Kan duraa miseeonsota WBO duraanii Eritriyaa irraa dhufaniifi kanneen bosonaa galanii poolisiitti makaman guututti funaananii mooraa leenjii galchanii jira. Kan lammaffaa ammoo poolisoota waggoota lamaan dabran kana keessatti 'ilaalchaafi gocha' diinummaa calaqqisan jedhanii adda baasan. Ilaalcha diinummaa jechuun akkuma amma duraa 'ilaacha dhiphummaa' jedhanii nmoota sabboonummaa qaban foooyanii haleelaa turan san jechuudha.
Adeemsi akkanaa humna poolisiifi te'ee nageenya Oromiyaa daran gaaga'a malee hin fooyyeessu. Keessattuu miseensota WBO karaa nagaan galanii akkuma waadaa galameefitti nageenya Oromiyaa eegsifna jedhanii poolisitti makaman kana moggeessuufi miidhuun nageenyaafi siyaasaa Oromiyaa daran booressa.