WANTOOTA ABJUU DHALOOTAA AJJEESAN!
▬▬▬▬▬▬▬▬
1) Abdii kutannaa: Namni abdii kutate har'a qofatu itti mul'ata; fuuldurri isaa dukkana. Kanaafuu egereen kee borii akka hin du kkanoofneef abdii kutachuun barbaachisaa miti. Dhaloota abdiidhan jiraatu haa taanu.
2) Gabaabsanii yaaduu: Egeree ofii gabaabsanii yaaduun doofummatti nama gata. Daandii nu milkeessuu fi nu kuffisuu danda'u sirriitti kan nuti adda baafannu; fageessinee yeroo yaadnudha. Kanaafuu dhaloota fageessee yaadu haa taanu.
3) Sirna Addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabu: Sirnootni addunyaa kana keessa jiran kan nama fayyadan akkuma jiran faallaa isaa immoo kan baay'ee nama miidhanis sirriitti jiru. Kanneen kana adda hin baafannu yoo ta'e abjuun keenya kufuuf lakkoofsa tokko irra jira. Abjuu keenyaa fi kaayyoo keenya milkeessuuf sirnootni addunyaa kana keessa jiru adda baafachuun barbaachisaadha.
4) Jijjiiramaaf qaama biroo eeguu: Jijjiiramaaf qaama biroo eegna yoo ta'e hirkattummaa jalatti kufna; abjuu keenyatu maseena. Kanaafuu abjuun keenya akka hin maseenneef jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha. Dhaloonni qubee dhaloota jijjiirama fidu malee dhaloota jijjiiramaaf qaama biroo irraa eegu miti.
5) Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu: Abjuu keenya milkeessuu keessatti yeroon nuti qabnu baay'ee murteessadha. Yeroon warqeedha. Itti fayyadamnaan boollaa nama baasa; itti hin fayyadamnu yoo ta'e garuu bool'a nama buusa. Yeroo duukaa fiiguun galma keenya qaqqabuuf hojjechuun abjuu keenya milkeessuu keessatti ga'ee ol aanaa qaba.
6) Of tuffachuu: Dhalli namaa beekaas haa ta'u wallaalaan karoora mataa isaa ni qabaata. Akkasuma haa guddatu, haa xiqqaatu abjuu mataa isaa ni qabaata. Yeroo kallattii garagaraatiin teenyee yaadnu wantoonni haamilee nu buusanii abjuu keenya doomsan jiraachuu malu. Nuti garuu abjuu qabanne galmaan gahuuf hojii tokko keessatti of tuffachuun hin barbaachisu.
7) Hiyyummaa kunuunsuu: Abjuu ofii kunuunsuu keessatti hiyyummaa kunuunsuun hin barbaachisu.