Abdii hin kutatin!
Kiristaanni abdii hin kutatu. Waaqayyo naaf milkeessa jedhee yaada malee.Kiristaanni obsa baldhaa qabaachuu qaba.Waaqayyoof wanti dadhabamu waan hin jirreef.Kan ati hin ta'u jette Waaqayyoof salphaadha.Kanaaf Waqaayyotti hirkadhu.Du'u illee hanga boolla keessa nakaasutti nan amana jedhiin laphee keetiin.Alaazaar du'ee guyyaa afur booda boolla keessaa kaaseera waan taheef. Gatame irraanfatame,naman jaaladhuun fira dhiheenyaatiinis darbame jibbame hin jedhin, yoo akka garbaatti gurguramuudhaaf jibbamte iyyuu Waaqayyo biyya Misraatti akka Yooseef isa obboloota isaatiin gurgurame,hundaa ol ol qabe bulchaa godhe sana, sis ol si qaba waan taheef. Dhala dhabe Waaqayyo maaf dhala na dhoowwate ani namarraa hin uumamnee laata jettes garmalee hin cinqamin, Ijoollen kennaa Waaqayyooti, Waaqayyo inni gadaamessa Haannaa banee Saamu'eel badhaase,'Dhabduun torba deesse' jettee akka galateeffattu si godhaati. Akka Elisabeetitti namoonni si hamatanis ati ilma biyyaaf namaaf Waaqafis tahu deessati
Obboloota abdii hin kutinaa! Baruumsi naaf hin galu ani doofes hin jedhin Waaqayyo akka Qulqulluu Yaareed sammuu kee ifaan nu guutaati.Hiyyoome,daare dhabe dhibame,horiin koos na dura dhume jettee Waaqayyon hin hammeessin.Yoo obsa qabaatte,Waaqayyo akka Iyyoobitti mana kee sifaan gammachuufi qabeenyaan guutati.
Kan humna qabu natti taphate,sodaadhe, humna kamiinan diina koo injifadha jettee hin cinqaminis, Waaqayyoon kee jabeesi qabadhu, inni Daawitiif Gooliyaad jilbiinfachiise,inni sanaakireem qaanesse,Waaqayyo abbaan keenya kaleessaa sun hardhas nama abdiin eeggatan hundaaf ni dhaqqaba waan taheef. Obboloota keenya kiristaanni abdii hin kutatu abdii hin kutatinaa...itti fufa.Waaqayyoo iyya keenya haa dhagahu