Media Ko


Гео и язык канала: Сомали, Сомалийский
Категория: Новости и СМИ


Yaadaa fi Odeeffannoo qabdan
👉🏾@mediaonekobot irratti nuuf ergaa. Galatoomaa!

Связанные каналы

Гео и язык канала
Сомали, Сомалийский
Категория
Новости и СМИ
Статистика
Фильтр публикаций




Komiishinerittiin ol aantuun dhimma mirga namaa kan Tokkummaa mootummootaa Michele Bachelet, Itiyoopiyaa naannoo Tigraay keessatti namoota nagaa irratti dhiittaan mirga namaa raawwataa jiraachuu, kaanis yakka waraanaa ta’uu waan maluuf haalli siivilotaa hedduu yaaddessaa ta’uu akeekkachiisan.
Bakka hedduu quunnamtiin waan hin jiraanneef himannaalee kana qorachuu akkasumas Tigraay keessa kan jiru dararaan dhala namaa hagam akka ta’e addaan baasuun rakkisaa ta’ee jira. Haala jiru gamaaggamuu, siiviilotaaf eegumsa gohuu fi yakkamtoota yakka dalagan murtiitti dhiyeessuuf qorattoonni mirga namaa walaBaa naannoo sana dhorkaa tokko malee akka seenan tokkummaa mootummootaatti hooggantuun dhimma mirga namaa Michelle Bachelet gaafataniiru.
Dubbi himtuun komiishinerichaa Liz Throssel akka jedhanitti waajjirri dhimma mirga namaa seerri gargaarsa namoomaa kan sadaraa addunyaa fi miga namaa gareelee walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaataniin cabuu isaa kan agarsiisan odeeffannoon hedduu argateera jedhan.

@Mediaoneko


Dubartiin Itoophiyaa waggaa kudhan dura gara Xaaliyaanitti baqachuun re'oota horsiisuun beekamtuu taate kaleessa galgala kutaa ciisichaa isheetti ajjeefamtee argamuu Imbaasiin Itoophiyaa achi jiru mirkaneesse.

Akka miidiyaaleen Xaaliyaanii gabaasanitti, namni ajjeechaa isheen shakkamee hojjetaa isheen qaxarteefi hojii ishee gargaarudha.
Imbaasii Itoophiyaatti hojjetaa dippilomasii ummataa kan ta'an Obbo Dassaalany Mokonniin akka dubbatanitti kaleessa ajjeechaan erga raawwate booda poolisiin qorannoo taasiseen baqataan Aggituutin mindeeffamee ture ajjeechaa raawwatu amaneera.
Imbaasiin Itoophiyaa magaalaa Room jiru du'a isheetin gadda itti dhagahame fuula fesbuukii isaarratti ibseera.
Ajjeechaan isheerratti raawwateen lammiileen Xaaliyaanii tiwiitara gubbaa gadda isaanii ibsaniiru. Qondaalli Itoophiyaas ajjeechaan isheerratti raawwate lammiilee Xaaliyaanii biratti naasuu uumu himan.
Keessumaa isheen baqattoota gargaaruun waan beekamtuuf baqattoota birattii gadda uumuu dubbataniiru.

@Mediaoneko
@Mediaoneko


Namoota maqaa guddaa Afrikaan bara 2020 keessa dhabde

Ji'a jahan har'aa kan ajjeefame Art. Haacaaluu Hundeessaa, namoota bebbeekamoo ardii Afrikaa bara 2020 keessa duuti isaanii dhiibbaa guddaa uume keessaa tokko.
Dheekkamsaa fi hokkora ajjeefamuu isaa hordofee dhalateen namootni 160 ta'an du'aniiru.

Jawaar Mohaammad dabalatee hoogganoonni dhaabbilee mormituu hedduunis shororkeessummaafi kaaniin himatamanii hidhamaniiru
Mallattoo qabsoo waggoota dhufaatii MM Abiy Ahimad dura turanii kan ta'eefi mirga Oromoof weelluu, geerarsa fi hidhamuunis qabsaa'aa kan ture Art. Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuun isaa qalbii jaallattootaan yaadatama.


@Mediaoneko
@Mediaoneko


Weellisaa Sinnishaaw Mul’taa Itichaa yeroo darbee gaafa gootni keenya Haceen waregamu reebicha poolisoota finfinneetiin naannoo jamootti irra ga'een gurri isaa waan midhameef yeroo amma kana yaala baqaqsanii hodhuu irra jira.

@Mediaoneko
@Mediaoneko


Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adhaanoom haalli nageenya Itoophiyaa ''hammaachaa jira'' jechuun kan isaan yaachisu ta'uu ibsan.
Sadaasa 3 humnoonni TPLF buufata waraanaa raayyaa Ittisa biyyaa kaaba Itoophiyaa haleeluu sababeeffachuun lola naannoo Tigraayitti dhalateen walqabatee mootummaan Itoophiyaa TPLF'f looge jechuun kan isaan himatu Dr. Teedroos, barri 2020 akka dhuunfaattis bara rakkisaa ture jedhan.
Ibsa raawwii hojii bara 2020 Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ilaalchisee, dhimma waliin gahiinsa talaallii, qophii weerara dhibee haaraafi dhimmoota kanaan walqabatan irratti ibsa kenname keessatti, Dr. Teediros bara faranjootaa xumuramaa jiru akka dhuunfaatti akkamiin akka ibsan gaafatmaniiti kana kan dubbatan.

@Mediaoneko
@Mediaoneko


Miidiyaaleen hawaasa maqaa Letenaal Jenaraal Ababaw Taddasaa fi Letanaal Jenaraal Baacaa Dabaleetin banamee akka hin jirree Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksise.
Fuulli Feesbuukii maqaa Letanaal Jenaraal Ababaw Taaddasaa fi Letanaal Jenaraal Baacaa Dabaleetiin banamuun odeeffannoo sobaa tamsaasaa, ummata burjaajeessaa jiru kan sobaa ta’uu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksiseera.
Jenaaraloonni olaanoo lameen kunneen fuula Feesbuukii maqaa isaaniitiin kan hin qaben ta’uu mirkaneessuun,ummannis akka hin burjaajoofnee Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa hubachiseera.
@Mediaoneko
@Mediaoneko


Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallitti aanaa 08 mana barnoota Daraartuu Tulluu dugda duubaatti har’a guyyaa keessaa sa’atii 8:30tti daa’imman 2 daa’imman boombii kufee argamee osoo xuxuqanii dho’uun lubbuun daa’ima 1 yoo darbu, 1 ammoo miidhaan qaama
qaqqabuu ragaan Komishinii Pooisii magaalaa Finfinneerraa argamee ni muul’dhisa.

@Mediaoneko
@Mediaoneko


Godina Oomoo dhihaa aanaa Beerootti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyi tilmaama Birrii miiliyoona dhibba 5 fi Miiliyoona 86 fi kumni dhibbi 1 kumni 42 qabu barbadaa’eera.

Balichi kan qaqqabee kaleessaa galgalaa yoo ta’u, manneen jireenya kumni 1fi 840, manneen daldalaa 547, waldaalee warqii 37, maashinoonni warqee 109 barbadaa’uu bulchaan aanaa Beeroo obbo Doontees Baaykees Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiiti himaniiru.

Ka’umsi balicha ibiddaa mana rifeensaa keesaatti ka’een ta’u himaniiru.
@Mediaoneko
@Mediaoneko


Jarmaniitti duula talaalii gaggeefameen hojjattoonni manneen keessatti nama kunuunsan saddeeti talaalli hama argachu qaban caalaa dachan shan kennamuufiin himame.

Hojjattoota talaalliin hanga hayyamuun ol dogoggoraan kennameef keessaa torba dubartoota yoo ta'an tokko dhiira umuriinsaa waggaa 38- 54 jidduutti argamudha.

Namoonni kun hojjattoota kunuunsaa mana namoonni sooramaa bahan keessatti kunuunfaman kan Kaaba-lixa Jarman magaalaa Istraalsund keessa hojjatani.

Wayita ammaa kanattis isaan keessaa afur irratti mallattoon akka qufaa fakkaatu waan mul'ateef hospitaala galfamuun hordofamaaa jiru.

Kanaan alatti saddeettan isaaniitu dhukkubbii hangas cimaa ta'e akka hinmudanne himameera.

Jarman keessatti erga duulli talaalli Dilbata darbe eegaleen as namoonni kuma 18 ta'an qoricha Pfizer-BioNTech talaalamuusaanii Institiyuutiin Roobart Koch (RKI) beksiseera.

Garee namoota umuriinsaanii waggaa 80 fi isaan oliif manaa keessaafi hospitaalotatti isaaniif kunuunsa taasisaniif dursi kennamuus barameera.

Madda oduu Jarman NTVn BioNTech eeruun akka himameetti, yaalii isaa duraa keessatti namoonni fedhiin hirmaatan muraasni qoricha dozii 30mcg kennamu qabaatu garuu hanga maayikrogaraamii 100 (100mcg) fudhachusaanii himeera.

Dooziin baayyeen fudhatames namoota dhukkubbiif kan hinsaaxillee ta'uu himeera.

@Mediaoneko
@Mediaoneko






Ityoophiyaa fi Jibuutiin Daandii, tajaajilawwan buufataa fi bakka konkoolaattonni dhaabatan foyyeessuuf waliigaluusaanii himame.
Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayee Dura Taa’aa Buufata Daldala Bilisaa Idil Addunyaa Jibuutii obbo Abuubakar Omar Haadii waliin tajaajila daandii ,tajaajilawwan buufataa fi bakkee dhaabbii konkoolaataa Ityoophiyaa fi Jibuutii gidduu jiru foyyeessuuf waligalaniiru.
Ambaasaaddar Birhaanuun diinagdee biyyoota lameenii guddisuuf gumaacha olaanaa kan qabu daandiin Daakil hangaa Daguruu ariitiin ijaaramee akka xumuramuuf hordooffiin akka barbaachisu himaniiru.
Hojii ijaarsa daandichaa kan hafe kiiloomeetira 80 yoo ta’u yeroo gabaabaa keessatti eegaluuf haala dandeessisu irratti mari’ataniiru.
Dabalataanis, buufata hunda galeessa Dooraalee fi kontiinara terminaalii jibuutii sarara baabuuraa Ityoo-Jibuut waliin walqunnamsiisuun dandeettii tajaajiloota buufataa fooyyessuuf yaada wal jijjiiraniiru.
Akkasumas, gama Jibuutiin buufata gaazii Hooraayzaanii fi gama Ityoophiyaan gara sarara baaburaa Ityoo-Jibuutii Awaashitti walqunnamu kuusaa gaazii hundeessuuf waliigalaniiru.

@Mediaoneko
@Mediaoneko


Injifataan dorgommii pireezidantummaa US, Joo Baayidan ejensiiwwan nageenya biyyaalessaaf murteessoo ta'an sirna bulchiinsaa Tiraamp harkatti akkaan miidhamaniiru jedhan.
Baayidaniifi gareen isaanii aangoo fudhachuuf yeroon torban sadii wayita hafetti odeeffannoowwan barbaachisoo kanneen akka muummee ittisa biyyaarraa yeroo yeroon dhiyaachuufiin irra jiru isaan gahaa akka hin jirre komataniiru.
Baayidan Amajjii 20 aangoo kan fudhatan yoo ta'u Tiraampi injifatamuu isaanii amanuu didaa turan.
Filannoo kanaan injifachuun isaanii erga ibsamee akka sirna biyyattiitti odeeffannoowwan murteessoo nageenya biyyaan walqabatan argachuu kan qaban ta'uus, torbanootaaf odeeffannoon kun dhiyaachaafii hin turre.

@Mediaoneko
@Mediaoneko


Jiraattota naannoo daangaa Itoophiyaa fi Sudaan kan dhiheenya kana sochiin waraanaa keessatti mul'atu jiraatanirra miidhaan wayita qaqqabu, namoonni hedduun qe’eesaanirraa buqqa’uu bulchiinsi Godina Gondar Lixaa beeksise.
Biyyi Sudaan gama Kaaba Lixaa Itoophiyaa daangeessiti. Lafa daangaa biyyoota lamaan daangessu kanatti lafti magariisa qonnaaf oolu biyyoota lamaan waggoota dheeraaf wal dhabsiisaa ture.
Bulchaan Godina Gondar Lixaa Obbo Dassalanyi Xaasow BBC'tti akka himanitti, walitti bu’iinsa uumameen namoota afur irratti miidhaan dhaqqabeera. Namoonni lama immoo du'aniiru. Kanneen 1,700 ol ta'an immoo buqqa’aniiru jedhan.
Haleellaa qaqqabe hordofuunis qonnaan bultoonni 200 tti dhiyaatan qabeenyisaanii yeroo dheeraaf horatan loltoota Sudaaniin manca'e jechuun himan.

@Mediaoneko
@Mediaoneko


Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartilee siyaasaa ulaagaa hin guunne 2 haqeera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartii Biyyaalessaa Oromoo fi Paartii Demookraatawaa Biyyaalessaa Sidaamaa ulaagaa hin guunne jechuun haqeera.
Boordiichi Paartilee siyaasaa 4 ulaagaa taa’e guutaniiru jedhes ifa godheera.
Paartileen kunneenis: Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogadeen 39% ,Paartii Ummata Affaar 45%, Paartii Demookiraatawa Gaamoo 94% fi Paartii Bilisa baasaa Affaar 48% ta’uun himameera.
@Mediaoneko
@Mediaoneko


Manni Maree naannoo Beenishaanguul Gumuuz boruu yaa’ii ariifachiisaa akka gaggeessu ibsame.
Itti aantuun Af Yaa’ii mana maree naannichaa aadde Alamnash Yibaas akka ibsanitti, manni maricha boruu magaalaa Asoosaatti yaa’ii aariifachiisaa ni gaggeesssa jedhan.
Manni marichaa dhimma Matakkal xiyyeeffannoon akka ilaaluus himaniiru.
Akkasumaas dhimmoota naannoo fi biyyaa ajandaa mariisaa taasisuun akka mari’atuu ibsaniiru.
@Mediaoneko
@Mediaoneko


Firiin qormaata naannoo kutaa 8ffaa magaalaa Finfinnee ifoome.
Firiin qormaata naannoo kutaa 8ffaa magaalaa Finfinnee ifoomuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.
Baratoota qormaaticha fudhatan keessaa barattoo 80 % gara kutaa itti aanutti darbuu Biiroon Barnootaa magaalaa Finfinnee ibseera.
Barattoonni firii qoraamatichaa guyyaa boruu irraa eegalanii manneen barnootaatti ilaalaachuu akka danda’an Biiroon Barnootaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

@Mediaoneko
@Mediaoneko


Sababa duula olaantummaa seeraa kabachiisuun adda citee kan turee tajaajjilli baankii magaalaa Maqaleetti eegaluu kantiibaan magaalicha obbo Ataakiltii Haayilasillasee beeksisan.

@Mediaoneko
@Mediaoneko


Ogeessi kaameraa tajaajila oduu Rooyitarsi Kumarraa Gammachuu Kamisa galgala miseensoota Poolisii Federaalaan mana jireenyaa isaatii akka fuudhamee hidhame maatin himaniiru.
Waggoota kudhanif dhaabbata Royitarsiif ogeessa kaameraa ta'uun kan hojjete gaazexeessaa Kumarraa Gammachuu Jimaata darbe mana murtiitti dhiyaachuunsaas himameera.
Manni murtichaa guyyaadhuma kana poolisiif qorannoof guyyoota 14 heeyyamuusaa kan hime dhaabbatni Royitars yakka ittin shakkame garuu hin barre jedheera.
Kumarraan buufata poolisii federaalaa Finfinnee naannoo Meeksikoo jedhamu jirutti kophaa isaa kutaa qorru keessatti hidhamee akka jiruu fi hidhamtoota kaanitti makamuu gaafatee akka didame BBC'n odeeffateera.
Gama mootummaa Itoophiyaatin hidhaa gaazexeessaa Kumarraa Gammachuu ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.

@Mediaoneko
@Mediaoneko

Показано 20 последних публикаций.

31 809

подписчиков
Статистика канала