DHAAMSA KANA DABARSAA -
Maaliif WBOn fuula Feesbuikii sirnaawaa hin qabu?” jedhanii namoonni gaafatan danuudha. Sababaan isaa Feesbuukiin WBO toora “Namootaa fi Jaarmayoota bala’amoo,” jedhuutti sirnaan farrajee waan jiruufi. Mootummaan Itiyoophiyaa fi jarreen aktivistoota nafxanyaa gamtaadhaan carraaqqii godhaniin kun ta’uu danda’e.
Kanaaf akka imaammata isaatti Feesbuukiin wanneen armaa gadii hin eyyamu:
- Deggersa WBO ibsachuu
- Waa’ee WBO waan gaarii dubbachuu
- Bakka-bu’oota sirnawoo WBO dhiheessuu.
- Odeessa waa’ee WBO dabarsuu.
Kanaafi dha namoonni baay’een maquma WBO yoo dhahaniyyuu ka fuulli Feesbuukii isaanii yeroof cufamu.
Yeroo ammaa kana Feesbuukiin to’attoota Afaan Oromoo beekanillee waan qabuuf, Afaan Oromoon waa’ee WBO dubbachuuniyuu gara fuula Feesbuukii keessanii yeroof cufsiisuutti geessuu mala.
Kanarra aanuudhaaf ka bakka isaa bu’u buufata (chaanala) Telegiraamii baneen jira. Teessoo Twiitarii sirnaan raggaasisames tolcheen jira. Yeroo murteessaa kanatti Oromoon gara marsariitii midiyaa hawaasummaa qabsoo isaa danquuf hin hojjenneetti godaanuun hedduu barbaachisaadha. Twiitariin WBOdhaaf marsariitii miijawaa ta’ee jira. Dhimmoota keenya addunyaa biraan gahachuudhaafis warra kaan caalaa kana tu bu’a-qabeessa. Kanaaf maaloo har’uma teessoo Tiwatarii tolfadhaatii
@OdaaTarbiiWBO irratti na hordofuu jalqabaa. Gara fuul-duraatti hoogganoonni WBO kaanis marsariitii kana irratti argamuuf jiru.