*Abbaa-Jaroomii fi Fakkeenyummaasaanii
================================
# Abbaan Jaroom Kitaabolii hiikuun beekamu,
Abbaa Jeeroom (Eusebius Sophronius Hieronymus) jedhamu. Paanooniyaa /Dilmaatiyaa sitridoon iddoo jedhamu bara 345 maatii sooressaa ta’an irraa dhalate. Abbaaf haati isaa kiristaanota yoo ta’an, inni garuu da’imummaa isaan hin cuuphamne ture. Haa ta’uutii dhiibbaa fi kaka’umsa maatii isaan barumsa seerlugaa (sewasew) bara sana kennamaa ture haalan barachuun guddateera. Umriin isaas gara dargagummaatti yeroo siqu hiriyaa isaa Boonsees waliin gara Roomaa deemuun ogummaa duubbii dubbachuu (the art of talking) qo’ataniiru.
Abbaan Jeeroom bara 366 guyyaa sanbataa tokko kiristaanotaa biroo waliin ta’uun holqa awwaalcha wareegamtootaa fi iddoo kiristaanota bara sanaa (Kaataakomb) dawwachuuf deeman. Amantaa tokkitiif jecha boola bineensota beela’aaniitti kan darbataman fi gidiraa guddaa kan simatan awwaalcha wareegamtoota qulqullootaa erga dawwatee booda amantii tokkitii lubbuu isaanii dabarsanii kennan kana innis fudhachuun kan danda’e hunda gochuuf murteesse. Osoo yeroo hin fudhatiin Phaaphaasii bara sana tureen hattatamaan cuuphamuun kennaa Hafuura Qulquluu fi mucummaa Sillaasee argate. Kiristaanummaa dhagahuun qofa osoo hin taane jiraachuun eegale. Sana dura ogummaa duubbii dubbachuu akka baratuuf sababa kan ture hiriyaa isaa Boonseen waliin magaalaa Roomaa dhiisuun gara iddoo Gool/holqa beeteliheem jedhamutti goodaane. Innis amantaa kiristaanummaa roomaa keessatti fudhate sana cimsachuun fayyina isaa qofa osoo hin yaadin, namoonni biroos amantaa kana akka beekan akkasumma beekaniis akka ittii jiraatan barsiisuu egale. Karaalee ittiin barsiisaa ture keessaa tokko keessummattuu dhuma irratti kan ittiin beekame kitaabolee qulqullaa’oo hiikuun ture. Gara Qooqa Vuulgeet jedhamutti kan hiikame Raajiin Abdiyuu akka fakkeenyatti caqafama.
Abbaa Jeeroom Hiriyaa isaanii Boonsees waliin Gool/holqa beeteliheem waggoota muraasaaf erga turanii booda bara 373 gara baha giddu galeessatti deeman. Haa ta’uu malee inni fi hiriyaan isaa boonsees goodaansa waliin eegalan waliin hin xumurre. Daandii dheeraa deemuun Odola (daseetii) Adriyaatiik yoo gahan boonsees bara jireenya isa hafe monoksee ta’ee dabarsuuf hiriyaa isaa Jeeroom irraa adda bahe. Abbaa Jeeroom garuu daandii egale osoo addaan hin kuutin Taarsees, Phaanxoos, Bitaaniyaa fi Gaalatiyaa daawwaachuun Iyeerusaaleem gaheera. Haa ta’u malee achi akkuma gaheen dhukkuba cimaa ta’e dhukkubsate. Yeroon isaa kiristaanoonni yeroo tsooma guddicha itti jalqaban ture. Innis sababa dhukkubaan siree irra cisaa ture irratti bara sana falaasama barumsa dogongoraan maqaan isaa kan beekamee ture, macaafa falaasama Siseeroon dubbisaa ture. Jeeroom jaalala dubbisaaf qabu irraan ka’uun, macaafa falaasama dogongoraa kana yoo dubbisuus, falaasama Siseeroon kanas akka falmuuf mul’anni halkanumma sana itti mul’ate. Innis ergaa isaan waa’ee mul’aticha yoo dubbatu akkas jedhe :- “hafuuraan gara teessoo abba murtii fulduratti dhiyaadhe, ifa guddaatu achi ture nannawaa isaa kan jiranis ifan kan guutaman turan. Anis rifachuun battalan kufetti, gaaffii ati eenyu jedhu gaafatame, anis kiristaana jechuun deebiseef. Haa ta’u malee inni teessoo irra ta’ee hin sobin ati kan Siiseeroo malee duka bu’aa Kiristoos miti iddoo galmeen kee jiru lapheen kee jira waan ta’eef ” jechuun naaf deebise. Kanaan dubbadhu dhabee kirkiraan yoon dhaabbadhu, innis gara gidiraatti akkan darbatamu ajaje. Faarfannaa Daawiit dhiphinaan Si’ool keessatti eenyuttu si galatteessa ? kan jedhun yaadadhe. “naaf dhiisi maaloo yaa gooftaa!” jechuun nan iyye. Dhuma irrattis achi kan dhaabbatan miila Abba murtichaa jalatti kufuun maaloo Yaa Gooftaa! wallaalaa ta’u isaaf jedhi garaa itti hin jabbaatin yeroo gaabbii xiqqoo dhiisif jechuun kadhatan. Dabalataanis daandii dogongoraa kana dura irra turetti yoo deebi’e murtiin kun akka itti deebi’u itti himan. Anis “Yaa Gooftaa macaafa warra shakkitootaa kan koo godhadhee irra deebiin yoon dubbise si ganeera” jechuun waadaan gale. Battalumma kanatti gara jalqabatti deebi’e”
Abbaa