Barattoota oro


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Barattoota biyyakoo afoola oromoo fi barnootaa gara garaa argachuuf
Join join join join @qaroo_sabaa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Eenyu naaf hubaataa miidhama garaa koo
Eenyuuttu naaf beeka dhukkubii keessa koo
Baase hin himaadhu qofaa dhukkubsadhu
Himaadhes yoon jedhee an deebii hin argadhu
Eenyun maari'adhu eenyuunis waamadhu?

Osummaan gadduutti darbuudhaaf barrii koo
Qilleensa'ee roobee ammaas dummeessaa'ee
Dhiheetu bari'ee anummaadhaaf garuu deebiin takka dhibee

Gammachuu hin qabuu gaddaattin guutamee
Yeroo hundaa bo'ees imimaan lola'ee
Gadduunnis ni darbaa imimaan ni qoraa
Rakkoo garaa nama Rabbii qofa furaa

✍✍✍ Abdulaxiif

Qaroo_sabaa join godhaa


🖕🖕🖕🖕🖕
Abdii kutuun Diina milkaa’inaati.
"Abdii kutannaan karaa kufaatiitti geessu Iia amansiisaadha!" - Genaa Showaalter

"Rakkattee osoo hin milkaa'in hafte yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture."

• Maalifan milkaa'uu dhabee?

• Maalif milkaa'inni ana irraa fagaatee?

• Maalif kufaatiin natti baay'atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasin!

Wantonni jireenya dhalaa nama jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'iin kan hafan abdii kutannaa dhala nama irraa kan ka'edha. Namni mo'u abdii hin kutatu, namni abdii kutatu immoo hin mo'u....!

■ Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa'uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a.

■ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin!

Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

■ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!

■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.

■ Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee, karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.

■ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e, jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.

■ Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha.

■ Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa, waan darbe irraa barachaa, karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa, karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.

■ Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa'inaa ti.

👇👇👇👇👇
@Qaroo_sabaa
Join godhaa Linkii as jalaan isiniif kaaya


Gubbanaa laphee koo,
Dhahanna Onnee koo,
Qabbanessitudha
Qamaa koo hundumaaf,
Boqonnaa naaf tatee,
Ato anaa qofaaf,
Hundarraa filaatamte,
Kan jirtu atumtuu,
Enyuu iyyuu hin jiruu,
Kan sin naaf fakkatu,
Baay'een dhahamanii,
si qofaa filamee,
Ati caarraa qabetii,
As komee amumaa.

Hedduun wamamanii,
Kan caarraa dhabaani,
Na bira turi ati,
Amumaa egalitti,
Jaalali baay'anaan....

Jibbii hin jiraatu,
Maaltu gidduu galaa,
Anumaaf si gidduu,
Ati kenna uumamaa,
Badhasaa kan qabduu,
Enyurree amumaa,
Kan sin naf qixaatu?
Tokkumtu hin jiruu,
Ilaalamnan barbaadnan,
Hunduu kufaaniru,
Martuu maadalamnan.

Tokkoof lamaa miti,
Hundarraa ni caalta,
Midhaagdudha ati,
Jaalalan ilaalamta,
Qabeenya hin filaatu,
Eenyuumadhan boontuu,
Tokkumtu hin jirtuu,
Kan sin fakkeessamtu,
Abbaabos hoo miti,
Atihoo illiilidha,
Kan gogusoo miti!!!!!!

Isiniif barreessuuf qophiidha
Koottaa
✍✍ Abdulaxiif_mahaammad

@Qaroo_sabaa


Warri muudii qabattan muudii dhiisaa godhaa Join join ♥️

@Qaroo_sabaa
@Qaroo_sabaa


✍Seenaa bareedduu!!
Jaartiin tiyya na cinaa rafaa jirti! Akka tasaa Fb bane! Intalti takka "friend request " natti erguu isii arge!
Hiriyyummaa deebiseefiitin miseejii " sa anaa fi ati kana dura walbeeynaa ? " jettu itti erge
Isheeniis " Akka fuute dhageheetiin jira, garuu ani ammalle siin jaaladha" jettee naa deebiste!

Kanaan dura waliif hiriyyaa turre. Footoorratti hoggaan laalu baayyee bareeddi.

Chaatii cufeetiin jaartii tiyya fuula keeysaa ilaaluu eegale. Guyyaa dalagaan bututaa waan oolteef hirriiba gadi fagoo keeysa jirti.

Isii ilaalaatiin akka isiin of amantee tasgabbiin mana haaraya keessa na wajjin rafaa jirtu xiinxale!
Mana haadhaa abbaa isiitirraa fagaattee jirti. Achitti Yeroo aartetti ykn gadditetti guudeeda haadha isiitirra teeysee boochee aaruu baati. Obboleessi ykn obboleettiin isii baacoo fi qoosaa adda addaa himaniifi kofalchiisu. Abbaan isii waan isiin barbaaddu hunda bitee fidaaf. Ammallee akkasuma. Akkanumaa waliin garuu ana baayyee na amantee as na waliin jirti!

Yaanni kun hunduu sammuu keeysa na dhufeetiin bilbila kiyya olfudhadhee qaallittii " block" obaase
Jaartii tiyyatti achi deebi'eetiin isii cinaan rafe!

" Ani nama guddaadha, daa'ima miti. Jaartii tiyyaaf akkaan amanamaa ta'u rabbiif beellama ykn waadaa seeneetiin jira. Ta'uun qabaas. Nama jaartii isaa hin goowwimsinee fi isii gubbaan ala hin mil'anne ta'uuf niin tattaafadha."

Rabbiin nama jaartii isaatiif amanamaa ta'e hunda haa gammachiisuu!

@qaroo_sabaa
@Qaroo_sabaa


👆👆👆👆
  kana tuquun
CHANNEL OROMOO HAA GUDDISNU
NUYI WAL MALEE ENYUN QABNA KANAAFUU JOIN GOCHUUN WAL HA TUMSINU

FORWARDED ISA JEDHU TUQUUN JOIN GOCHUUN NU BIRA DHAABBADHU
   
           🌹🌹🌹
         🌹🌹🌹🌹
      🌹🌹🌹🌹🌹
   🌹🌹🌹🌹🌹🌹
   🌹🌹🌹🌹🌹🌹
   🌹🌹🌹🌹🌹🌹
      🌹🌹 🌹🌹🌹
         🌿🌹🌹🌿
              🌿🌿
                 🌿
                  🌿               🌿🌿
                 🌿           🌿🌿🌿
                🌿      🌿🌿🌿🌿
               🌿    🌿🌿🌿🌿
              🌿 🌿🌿🌿🌿
               🌿 🌿🌿🌿
                 🌿
                  🌿
                   🌿
                    🌿
                   🌿
                  🌿
♻️♻️♻️♻️♻️♻️
💢💢꧁💢💢💢
💢꧁𝗝𝗼𝗶𝗻꧁💢
💢꧁𝗝𝗼𝗶𝗻꧁💢
💢💢꧁💢💢💢

@Qaroo_sabaa


DV
Akka sif guutaamu yoo barbade
Kana irratti ergii
1. Maqaa guutuu  ----  -----  -----
2. Salaa  ------
3. Bara dhaloota :   guyyaa ----- ji'aa ----- waggaa -------
4. Iddo dhaloota  --------
5. Biyyaa dhaloota ----
6. footoo
7. Biyyaa amma keessaa jirtu
  -----
8. Lakk bilbila  -------
9. E-mail address ----------
10. Sadarkaa barnoota ----------
11. Halaa gaa'elaa ----------
12. Baay'inaa ijoollee qabdu yoo qabate --------
Guutii as deebisi sif guutama erga guutame qarshii kafalte confirmation code kee fudhata
Karaa keessaa kotta
@barattootakoo nu qunaamaa

@qaroo_sabaa


✍Hawwii gudda

\\\ hojii tetiif milkaa'inaa. Hawwii

\\\ lubbu tetiif badadhinaa""""hawwwi

\\\biyya tetiif walabumma bilisumma &dagaginaa """hawwii

\\\sabaa khetif Tokkumaa wali galte "'hawwii

\\\matii khetif jireenyaa gariii""" hawwii

@qaroo_sabaa
@qaroo_sabaa


Harra join godhaa Linkii
@qaroo_sabaa
Boru biology kutaa 9ffaa-12ffaa jiran barsiisuuf qophiidha
Logic and Critical Thinking Galmaa'uufi barnoota eegaluuf Semisteera tokkoof Qarshii 200 qofa iddoon galmee ammaaf qabnu

@Abdulaxiif_mahaammad
Dubbisaa ykn

@barattootakoo

Haala isiniif mijjeessinee
Gaaffii barbaaddan gaaffattanii sanirraa kan hafe video dhaan isin barsiisna

@Qaroo_sabaa
@Qaroo_sabaa


Gorsa gabaabduu

✪ Wantoota kaleessa ta'an irraa barachuun keenya fuuldura keenya tottolchuu fi qajeelinatti jiraachuuf yoo ta'e gaaridha!

✪ Dhaloonni ammaa kun dhaloota seenaa darbe qofa faarsu ta'uu hin qabu!

✪ Dhaloota seenaa haaraa dhaloota dhufuuf bocee darbu ta'uu qaba.

✪ Nutis seenaa abbootii keenya irraa barannee, hanqina isaanii sirreessuun yoo dhaloota dhufuuf dhagaa bu'uuraa hin keenye seenaa warra darbaniin dhaadachuun qofti waan faayidaa qabu natti hin fakkaatu.

✪ Har'a biyyaa fi saba kana baraaruu kan danda'u goota du'ee boolla jiru osoo hin taane si'i isa lubbuun jiruudha.

Ergaa dabalataa argachuuf @qaroo_sabaa join godhi

Join
@Qaroo_sabaa


𝙂𝙤𝙧𝙨𝙖 𝙝𝙞𝙧𝙞𝙮𝙮𝙖𝙖 𝙠𝙖𝙣 𝙣𝙖𝙢𝙣𝙞 𝙝𝙪𝙣𝙙𝙪𝙪
𝙞𝙧𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙬𝙖𝙡𝙞𝙞𝙛 𝙜𝙖𝙡𝙪.

▪ Nama tokkoof ala lamaa ol hin bilbilin. siif hin kaasan taanaan waan baayyee barbaachisaa ykn dirqamaa keessa jiru ta'a.

▪ Qarshii liqeeffatte dafiitii deebisi. qarsii tokkoos dhibbaas haa ta'u; osoo namichi sin gaafatiin. kun amanammummaa kee agarsiisa.

▪ Namni affeerraaf yoo si waame, nyaata qaalii hin ajajiin. yoo dandeesse kan fedhakee naaf ajaji jedhiin.

▪ Yoo namni bilbilarraa suuraa sitti agarsiisu gara bitaa ykn mirgaatti hin dabarsiin; waan itti aanee jiru hin beektuuti

✍✍✍Abdulaxiif mahaammad

@qaroo_sabaa


Calla guddistuu binnee
Sangaas taatu qonneerra
Maaf hin geenye-n jedhinaa
Galma yaadnu onneerraa

Jiruun biyya lafaa
Bu'aa ba'ii qabdii
Of hin xoolagsinaa
Hin kutinaa abdii

Gaaraaf goda bu'anii
Asiif achi fiiganii
Kaayyoo ofiif du'anii
Tuullaa deegaa diigani!

Humnaaf beekumsa jiruun
Malaan bishaan waadanii
Obsaafi kutannoodhaan
Ga'u galma yaadani!

Alagaan hidhii xuuxee
Osoo eeguu qalma keenya
Rabbii guddaatti hirkannee
Abshiraa galma geenya!


Link 𝕜𝕖𝕖𝕟𝕪𝕒 𝕛𝕚𝕛𝕛𝕚𝕚𝕣𝕣𝕖𝕖 𝕛𝕚𝕣𝕣𝕒 𝕡𝕝𝕤 𝕛𝕠𝕚𝕟 𝕛𝕠𝕚𝕟 𝕘𝕠𝕕𝕙𝕒𝕒

@qaroo_sabaa















Показано 20 последних публикаций.

102

подписчиков
Статистика канала