💕QAROO JAALALA 🌹❤️


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


CHAN QAROO JAALAL ❤️JALATTI WANTOOTA ARGAMAN KESSAA HANGA ASII GADITTI ARGATAN👇👇
👉 gorsa jaalala fi oduu jaalala
👉jechoota barreeda
👉jechoota jaalala
👉walaloo jaalala fi sirba
👉seenaa jaalala
👉wantoota jaalala wajjin wal qabate

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


“Ilaalcha ani ofii koof qabu kunuunsuu caalaa waanti na gammachiisu addunyaa kanarra hin jiru.”


Jireenyii akka morkkii addureefii haantutta giddutii gegeefamutii:: yerroo bayye haanttunii ni hinnjifattii..🐈🐈🐈🐈🐈🐈🐀🐀🐀🐀🐀🐀🐀🐀🐀

Sabbabiinssas addureen nyataaf yo fiduu hanttunii ammo lubbu isheetifii

Yaadnii kiyyaa yo isinif galleraa tayye yerroo dhumaa hundda fedhii kenyaa horrdoofuun kufaatti nutti fiddaa!👌🏾 share share wallif godha linki kan @qaroojaalala🌹@qaroojaalala @qaroojaalala share share share walif godhuun na maddi dhabtuun na gargarra


Namoonni Baay'een Wayita Milkaa'inatti Dhiyaatan Hojii Dhaabu,Namoonni Kunnniin Rakoolee Hedduu Dandamatanii Dhufanii Wayita Tarkaanfiin Takka qofti Isaaniif Hafu Abdii Kutatanii Addaan Kutu"


Bakka Jiran mitii akkattii bakka jiran jiraatantuu JIREENYA"




"Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti"


DHUUNGOO (KISSING) 💋💋

☆☆☆☆☆☆☆☆\\☆☆☆

✅ Wal dhudhungachuun yookin kissing gochuun walqunnamtii saalaa caala walitti nama dhiyeessa,walitti nama hidha. Miira addaa keessa nama galcha, addunyaa kana miiraan nu daawwachiisa. Dhungoon jaalalleewwan akka magneetitti walitti hidha. Namni wal jaalatu lama jaalallee walii ta'uu kan beeksisan waldhungachuuni, kissing raawwachuuni. Wal qunnamtiin saalaa kan dhufu kissing booda. Kissingin walqunnamtii caala kabajamaadha. Fakkeenyaf shamarri mana bunaa hojjattu tokko sex yoo si faana raawwatte hidhii ishii garuu tole jettee si jala hin qabdu. Hidhiin kan nama jaalatanii qofa. Maallaqaan hin bitamu.

✅ Dhiirri tokko yeroo kissing godhu jaalallee isaa ciniinuu danda'a; Ishinis ciniinuu dandeessi. Ishiin yeroo kissing gootu ati itti toluu baannan walitti dhufeenya keessan addaan kutuu dandeessu; Innis itti toluu baannan jaalalli keessan laafuu danda'a. Hata'u malee namni kissing gadameessa haadha isaa keessatti baree gadi ba'u hin jiru. Dandeetti shaakalaan fooyya'uu danda'uudha. Ammuma irra deeddebitee baayistee kissing gootu ogummaa isaa horachaa deemta.

✅ Ogummaa kissing gochuu horachuuf dirqama inni dubartii baay'ee waliin, ishiin dhiira gara garaa waliin kissing gochuun hin eegamu. Ofumaa wal barsiisun ni danda'ama tooftaalee kissing garaagaraa fayyadamuun. Ati kissing gochuu hin baastu yoo taate ishiin immoo baay'ee hin beektu yoo taate ishii tuffachuu fi gadi qaqqabuun sirra hin jiraatu, barsiisuu qabda. Ati kissing sirritti kan beektu yoo taate fi inni reefu kan jalqabu yoo taate isa tuffachuun sirra hin jiraatu akkuma keetti isas qari. Yoo immoo isin lachuu hin beektan taatan fiilmii garagaraa daawwachaa ogumma kissing kana guddifachuun ni danda'ama. Waliin barachuun jaalala keessan jabeessa.

✅. Hidhiin keenya baattoo narvii garaagaraati; Sababin yeroo kissing goonu miirri keenya kan nutti kaka'uuf waan narviiwwan kun miira keenya kakasaniifi. Dhiirri tokko yeroon kissing godhu intalittin natti hin tolle jedhee walqunnamtii saalaa gochuurraa duubatti hin jedhu; Dubartoonni garuu kissingin kee itti toluu baannan sex si diduu danda'u. Kanaaf callistee hidhii ishiitti hin fiigin. Dura muxannoo isaa qabaachuu kee adda baafadhu. Kissing mi'eessuf foolii fi hafuura afaan keenya keessaa ba'u sirreeffachuun murteessadha👌🏾 share share wallif godha linki kan @qaroojaalala🌹@qaroojaalala @qaroojaalala share share share walif godhuun na maddi dhabtuun na gargarra


HIRYAA Koo

Sin gaafadha yoomiyyuu
sin erraanfadhu takkaa
yaadaan sifaanan jira
jiraannus bakka bakka

Hiryaa koo tokkicha koo
waahila gaafa rakkoo
Kee garaan akkam laata
obsa dhabeera kankoo

Siin malee jiraachuunkoo
natti tahullee hadhaa
gaaf tokko wol agarra
jedheen rabbiin abdadhaa


Dargaggoonni Jaaladhaa! Garuu,...✍️

❏ Nama tokko yommuu jaalattan fedhii sana keessa taa'uudhaan fageenya dheeraa utuu hin adeemin jaalala isin nama sana jaalattaniin innis akkasuma akka isin jaalatu mirkaneeffachuu keessan hin dagatinaa! Jaalala guddaa qabdaniifin jaalala wal madaale nama hin qabne, madaa inni isin madeessuun jaalala hammamii akka isiniif qabu hammas akka ta'e hin dagatinaa!

• Jaaladhaa! Garuu fedhii jaalalaa qabdan fudhachuuf ariitii barbaaddan sanatti, namni sunis fudhachuu barbaaduu isaa mirkaneeffadhaa!

• Jaaladhaa! Garuu onnee keessan dabarsitanii kennuun dura, isinis jaalatamuu keessan mirkaneeffadhaa!

• Jaaladhaa! Garuu jaalalli dhugaa akka ta'e beekaa! Jaalalli jaamaa akka hin taane hin dagatinaa!
⁃ Jaalalli ni yaada!
⁃ Ni ilaala!
⁃ Ni Madaala!
⁃ Deebii ni eega!
⁃ Dhumarrattis wanta sirrii irratti dhaabbata.👌🏾 share share wallif godha linki kan @qaroojaalala🌹@qaroojaalala @qaroojaalala share share share walif godhuun na maddi dhabtuun na gargarra


.JAALATANI DHABU
DHIIRAAF
➲ Dubara onnee keetiraa jaalatte tokko yoo ishiin kan si hin jaalanne ta'e osoo abdi hin kutanne kee godhachuuf ni dhamaata. Garuummoo jijjiiramni homtuu hin jiru. Haala ishiitti ni aarta. Yeroo xummuraatif yeroo si diddu haaloo ba'uuf yaadda. Sanyii Heewwan lafarra jiran hunda jibbita. Wanti akkanaa hin barbaachisu. Sababni isaas sin barbaadun sin barbaadudha!!
.
➲ Filannoon ati qabdu ishii irraanfattee dubaroo biraa ilaalachuudha. Ishiin waan si diddeef dacheen hin baqaqu, nukileerin hin dhodhoo'u. Sirumaayyu kan ishee caalan dacheerra guutan. Abshir! Jalqabuma osoo sadarkaa kanarra hin geenye gaafa intalaan walbartaan mallattoo ishiin sitti agarsiiftu dandeesse dubbisteerta ta'eeti silaa cinqii kana keessa hin seentu ture.
.
➲ Dubartiin mallattoo sin barbaaduu kan agarsiiftu ifa baastee sittumuun olmaan ati ooltef itti ulfaachuu waandanda'ufi hiriyummaa kee dhabuu waan hin barbaannefi. " Nan rakkisin, Ani naman jaalalaf si yaadu miti" jechuurra mallattoon sitti himuun itti salphachuu danda'a. Tokko tokko immoo si qoruuf jecha waan si hin jaalanne of fakkeessuu danda'u. Kadhaa kee halkanii guyyaa barbaaddes ta'uu mala.
.
➲. Bu'a ba'ii tokko malee tole kan jedhan akkuma jiran, warri jilbiibbiin lafarra si foqoqsanii tole jedhanis guutaniiru. Warroonni akkanaa kun tokkichumaan yoon tole jedhe takka turee natti boonuu danda'a jedhanii waan sodaataniifi.
.
★ Dubarri ati jaalalaf maraattef tokko kan si hin barbaanne yoo taate:
.
➲ Hariiroo jaalalaatif qophooftuu akka hin taane sitti himti. Nama heedduu walitti dhiyaattan yoo taatan yeroon itti yaadu naaf laadhu sin jetti. Kanaaf yeroo kenniif. Yeroo kennamte keessatti deebii yoo dhabdes irraa hin dheessin. Jaalallee kee ta'uu baattus hiriyaa gaarii sii ta'uu dandeessi. Daangaa hiriyummaa fi jaalalummaa addaan baasii beeki. Intala hiriyaa kiyya jettee icciitii ishii sitti odeessitu waan biraatif akka ishii barbaaddu gaafa itti himtu rifachuu dandeessi. Jaalala barbaachatti hiriyaas dhabuun jira waan ta'eef.
.
➲ Yeroo hunda sumatu bilbilaaf. Isayyuu sijalaa hin kaastu. Bilbila ishii irratti dhaanuun kee nuffisiisera. Sagalee dhuma kee dhaga'uu hin feetu. Tokkicha bilbiliif. Mee omaa miti lammaaffaas bilbiliif boonuu waan barbaaddef ta'uu danda'a. Amma hin kaastu taanan yoo ati bilbilteef harki kee haa cabu. Akka sin barbaanne sitti himaa osoo jirtuu maalif bilbila dhaantee siqiqsita? Yoo hin agarre ta'e ishiinuu deebistee sii bilbilti. Waan si'a dhibba deebistee bilbiltee fi jeeqxeef koo taati jettee hin yaadin. Amma amma namatti bilbiluurra wanti nuffisiisan biraa hin jiru. Ittuu akka si jibbitu fi si nuffitu hin godhin. Facebook gubbaarrattis ammuma ishii online gubbaarra jiraachuu agartu jecha hi jedhuun iddoo message dhiphisteerta. Ishiin immoo bantee dubbistee hin beektu. Ayiiiii... jedhe Haacaalun.
.
➲. Suma arguu hin feetu. Ijumaan argaa kee jibbiti. Faallaa oolmaa keetii oolti. Tasa osuma karaanuu walitti sin fidee daandii biraa sirraa cabsatti. Ati gowwaan immoo faana fi gaaddidduu ishii hordoftee sochoota. Maali akkuma weellisaa "argaa na jibbitus beenu of ajjeesi dachee gadhiisi" yoo jetteen?
.
➲ Ija ija keessa si hin ilaaltu. Si wajjin tuttuqaa hin uumtu. Dhiironni baay'een kana hin hubatan qaanofteeti se'u. Dubarri yoo si jaalatte ija sirraa hin buqqifattu. Sababa funaantet sitti bubbuuti. Tokko tokko immoo dhokataniituma si ilaalu. Dubarri ija babaastee waan si ilaaltef immoo tilmaama dogongoraa keessa akka hin galle.
.
➲ Dhiirota biraa sitti faarsiti. Abalu bareedadha. Abalu kana qaba sana qaba jette si hinaafsisti. Ija jaalalaa osoo hin taane kan hiriyummaatin si ilaalti. Dubarri ati onee keetirraa jaallattu yeroo dhiira biraa sitti faarsitu caala wanti keessa kee gubu jiraa? Anaan!👌🏾 share share wallif godha linki kan @qaroojaalala🌹@qaroojaalala @qaroojaalala share share share walif godhuun na maddi dhabtuun na gargarra🙏🙏🙏


Jaalalli Dhugaan Kennuu malee Kennaa Fudhachuu hin Hawwu!

➱ Jaalalleewwan, Kaadhimamtoonnii fi Gaa'ela kanneen dhaabbatan jaalallee isaaniif kennaan kennaniif haala dhugaadhaan of kennanii jaalachuu ittiin ibsan akka ta'e hin dagatinaa! Nama jaalannuuf kennaa kamiyyuu utuu hin kennin dura jalqaba of kennuu qabna.

➱ Of kennuu jechuun . . .
⁃ Qulqullina kan qabuu fi yeroo gahaa ta'e dabarsuu,
⁃ Eenyummaa fi fedhii dhokataa hin taane argisiisuu,
⁃ Yeroo barbaadamne hunda qophaa'aa ta'uu,
⁃ Yommuu dubbatan hamma xumuraatti dhaggeeffachuu,
⁃ Yeroo rakkinaatti walcinaa dhaabbachuu,
⁃ Yeroo tokko tokko rakkina isaaniif deebii fi furmaata keessan barbaadu utuu hin taane dhaggeeffachuu fi waliin ta'uu keessan qofa akka ta'e beekuu,
⁃ Nama kamiyyuu ta'ee haala hojii kamiyyuu caalatti isaan dursisiisuu . . .

➱ Nama tokko guutumaa guututti utuu hin jaalatin kennaa kennuu hin dandeenyu. Nama tokko guutumaan guututti utuu hin jaalatin garuu ofii keenya kennuufii dandeenya.

➱ Akkaataa armaan olitti ibsameen nama tokkoof yoo of kennine, kennaa kan biroo kennuus ta'ee fudhachuun baay'ee salphaa, gammachiisaa fi guutuu ta'a.

➱ Jaalalleewwanii fi kaadhimamtoonni nama tokko waliin jaalalli qaban dhugaa ta'uun isaa kennaadhaan hin madaalamu.

➱ Gaa'ela kan qaban, waadaan walitti kan hidhaman qooddattoonni gaa'elaa wanta keessan barbaaduun dursa caalatti isin akka barbaadan hin dagatinaa!
👌🏾 share share wallif godha linki kan @qaroojaalala🌹@qaroojaalala @qaroojaalala share share share walif godhuun na maddi dhabtuun na gargarra


"Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha."👌🏾 share share wallif godha linki kan @qaroojaalala🌹@qaroojaalala @qaroojaalala share share share walif godhuun na maddi dhabtuun na gargarra




Adunyaa kana irraa wanti qaliin amanamummaadha. argachuuf waggaa ol sitti fudhhachu danda'a garuu hamma liphuu ijaati of jalaa balleessuu dandessaa👌🏾 share share wallif godha linki kan @qaroojaalala🌹@qaroojaalala @qaroojaalala share share share walif godhuun na maddi dhabtuun na gargarra


Hulaan gammachuu takka yeroo cufamte, kan biraata banama, garuu nuti yeroo hedduu daddeebinee hulaa nuraa cufamte san waan laalluf kan nuf banamte san hin agarru👌🏾 share share wallif godha linki kan @qaroojaalala🌹@qaroojaalala @qaroojaalala share share share walif godhuun na maddi dhabtuun na gargarra


🔴GORSA JAALALAA❤️
@qaroojaalala•○@ruhiiko
1: Namni ati jaallattu yoo fuula sitti guure jarjartee
hammeenyasaa hin dubbatin. Bor deebitanii gaafa walitti
araaramtan gaabbii cimaa seentaatii
2: Nama tokkotti nama gaarii of gochuuf jecha hiriyyaa
kee hin xureessiin. Haqni) dhugaan booda si gaafataatii
3: Yeroo mara dhugaa dubbadhu. Gammachuun
sobarraa maddu yeroomaaf malee booda sin fayyaduutii,
Dhugaan harra dubbatte bultee si boonsitiitii
4: Baaltii jette jettee hin amanin. Amantees kan biraaf
hin dabarsiin. Gaaf tokko si qaaneessaatii
5: Yeroo namni si arrabsu atis hin arrabsiin. Jalaa
callisnaan ofiifuu gaabbee dhiisaatii
6: Jaalalleen kee Waadaa waliif qabdan cabsee yoo
haala mijeeffate aariif xiiqiin ati waadaa kee hin cabsin.
Diinummaas hin yaadiniif. Bor cubbuu waadaa kee lakkuu
kaffaluunsaa dirqamaatii
7: Kan si miidhe haaloo bahuu dhiisuun sodaa sitti
fakkaatee xiiqiin haaloo bahuuf hin fiigiin. Haaloo (Ija'aa)
dhugaan kee baatutu caalaatii
8: Waan bor darbuuf jaalalaan hin qoosiin. Bor dhala
dhabuunis jiraatii
9; Jaalala fudhachuu qofa hin yaadiin. Oolmaa waan
gaafatuuf kennii fudhu malee
@QAROOJAALALA❤️
namni chan kan hin qabne 👉 @qaroojaalala ❤️ yoo yaada fi qeeqa yoo qabatan kan linki kanan na argatu @Ruhiiko ❤️ galatooma warri chan kanaatti dabalamu fedhii qabatan karaa linki kanan argaatu dande'suu 👉 @Ruhiiko ❤️argaatu Galatoomaa SHARE SHARE GODHUUN NA MADDII DHABTUUN NA GARGARRA @qaroo jaalala @qaroojaalala
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


"Namni gaariin michuu uumama hundumaati"


225 members thanks you




𝐤𝐮𝐟𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢

☟☟☟☟☟☟☟☟☟☟☟☟☟☟☟☟☟☟
𝐊𝐮𝐟𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐮𝐦𝐚 𝐦𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧𝐬𝐚𝐚 𝐡𝐞𝐝𝐝𝐮𝐦𝐚𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢𝐬 𝐤𝐮𝐭𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐲𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐚𝐝𝐡𝐚

𝐊𝐮𝐟𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐠𝐚𝐫𝐚𝐥𝐚𝐚𝐟𝐢𝐧𝐢𝐢. 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧. 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐟𝐢𝐢 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚’𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐡𝐢𝐧𝐚𝐫𝐠𝐚𝐦𝐭𝐮

𝐊𝐮𝐟𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐰𝐨𝐫𝐫𝐢 𝐝𝐚𝐫𝐛𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐤𝐮𝐟𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐬𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐚𝐚𝐬 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚𝐦𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐛𝐨𝐝𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐧𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐝𝐞𝐛𝐢'𝐚𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐮𝐟𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐢𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐛𝐨𝐪𝐨𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐲𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐭𝐚’𝐮𝐮 𝐧𝐢 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐭𝐮𝐮

𝐊𝐮𝐟𝐭𝐞𝐞 𝐤𝐚’𝐮𝐮 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐝𝐡𝐮 𝐒𝐚𝐛𝐚𝐛𝐧𝐢𝐬𝐚𝐚𝐬 𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐢𝐥𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢. 𝐊𝐮𝐟𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐠𝐚𝐝𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐤𝐮𝐟𝐭𝐞 𝐚𝐜𝐡𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐟𝐮𝐮 𝐟𝐢𝐢 𝐦𝐚𝐥𝐢𝐟 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐤𝐮𝐟𝐭𝐞𝐞 𝐝𝐚𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚@QAROOJAALALA❤️
namni chan kan hin qabne 👉 @qaroojaalala ❤️ yoo yaada fi qeeqa yoo qabatan kan linki kanan na argatu @Ruhiiko ❤️ galatooma warri chan kanaatti dabalamu fedhii qabatan karaa linki kanan argaatu dande'suu 👉 @Ruhiiko ❤️argaatu Galatoomaa SHARE SHARE GODHUUN NA MADDII DHABTUUN NA GARGARRA @qaroo jaalala @qaroojaalala

Показано 20 последних публикаций.

228

подписчиков
Статистика канала