Qormaata biyyaalessaaf


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана



Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


#BEEKSISA

Guyyaan galmee barattoota idilee Yunivarsiitii Wallaggaa irradeebiin gaafa Sadaasa 13 fi 14, 2015 akka gageeffamu beeksisnee kan turre ammas Sadaasa 27 fi28/2015tti darbuu isaa isin beeksisna.

Maddi:- Yuunivarsitii Wallaggaati


@qormaatabiyyaalesaaf
@qormaatabiyyaalesaaf


#share


❤❤Obsaan dubbisi

🔻Abbaa fi mucaatu ture : guyyaan dhaloota  (birthday) mucaa isa dhiyaachaa akka jiru beekee abbaan isaa mucaa isaatin yaa mucaa koo guyyaan dhaloota kee dhiyaacha jira.
Kanaaf guyyaa dhaloota kee bifa adda taheen siif kabajna jedhaan ture.
Haa tahu malee mucaan dursee dhukkubaan qabamee waan turef mana yaalaati beellama qaba ture.
Abbaan mucaas mucaa isaa fudhatee gara mana yaalaa deeme. Achis gahani, dhukkubni mucaas beekame. Ogeessi fayyaas
Maal gochuun akka danda'amu Abbaa mucaatu hime. Dhiifama guddaa yaalii arifachisaatu barbaachisa waan ta'eef
Mucaan kee cisee yaalumu qabas jedhen.
Abban mucaas naasu guddaadhaan weeraramee "tole doctor akkuma ati jette haa tahu "jedhen.
Mucaas ciibsanii yaaliin godhamuufi eegale.
Torbee tokkoof yaaliin taasisfameef, tahus fayyuu hin dandeenye ture.
Haa tahu malee mucaan mana yaala ciisee yeroo bayyeedhaaf irra deddeebiidhaan Abbaa isaatin akkas jedha ture"abbaa koo guyyaa dhaloota koo bifa addaattin akka dabarsinu natti himteta. Tole abba koo garuu guyyaa gaafa sanaa kennaa guddaa ati naaf laachuuf qophessite maalidha "jedhee gaafata ture.
Abban garuu akkas jechuun deebisaaf ture"mucaa koo yeroon isaa hin geenye gaafa ga'u atis ni hubatta "jedhaan ture.
Sana booda mucaanis yaalii isaa xumuree gara manaatti deebi'e.
Haa tahu malee Abbaa isaa arguu hin dandeenye ture. Namootas ni gaafata ture.
Guyyaan dhaloota isaas ga'ee, Bakka abbaan isaa hin jirretti kabajamuu eegalee jira.
Mucaan garuu Abbaa isaa egaa jira , abbaan koo kennaa naa fidee dhufa jedhe. Haa ta'u males abbaan mucaa him dhufin hafe.
Kabajanis fixanii mucaan waan hundii bitaa itti galee, eessa buutee Abbaa isaatis dhabee waan godhu wallalee ;yeroon isaas dhiya waan turef rafuuf jecha gara siree isaa deeme. Siree isaa irraa tahees boo'uu eegalee.
"Maalif Abbaa koo?  maaf Abbaa koo? Maalif akkas na goote? "Jechuudhaan mankaraare.
Haa tahu malee yeroo makaddaa(boraattii) isaa ol fuudhu waraqaa cittuu irratti   barreeffama akkas jedhu 1 arge" mucaa koo hin yaadattaa mana yaala keessa ciistee waan na gaafatte? Akkas naan jettee turte;Abbaa koo guyyaa dhaloota koo irratti kennaa guddaa maal naf keennita?
Anis yeroon isaa amma miti siin jedheen ture. Mucaa koo yeroo ati mana ciiste turte ogeessi fayyaa mucaan kee kana booda jiraachuu hin danda'u dhukkuba onneettin qabamera Naan jedhee ture. Kanaaf ati jiraachuuf dirqamaa onneen kan biraa akka si barbaachisu natti hime. Mucaa koo anis kana beeken onnee  koo siif kenne.
Akka ati jireenyatti jiraatuf jechaan onnee koo siif keenne.

HAPPY BIRTHDAY MY SON"
jedha ture. 🙊🙊

#Share
#Share
#Share 🙏🙏🙏

👉 Join Us @qormaatabiyyaalesaaf
@qormaatabiyyaalesaaf


WAAN HIN FAKKAANNE GARUU DHUGAA TA'E!!!

1. Sinbirroon hin fincooftu.

2. Goondɑɑn tɑsumɑɑ hin rɑfu; sombɑs hin qɑbdu hojjetɑɑn wɑggɑɑ 7, Giiftiin Goondɑɑ wɑggɑɑɑ 15 jirɑɑtu.

3. Shɑɑrki ɑbɑdon hin dhukkubsɑtu.

4. Fɑrdi dhɑɑbbɑtee mɑlee ciisee hin rɑfu.

5. Kɑnniisni gɑrɑɑ lɑmɑ qɑbdi kɑn Dɑmmɑɑ fi kɑn nyɑɑtɑɑ.

6. Shɑɑrkiin ɑdii inni guddɑɑn osoo hin nyɑɑtin ji’ootɑ 3f turɑ.

7. Goondɑɑn ɑddunyɑɑ kɑnɑrrɑɑ hundi nɑmɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ hundɑɑf utuu hirɑmee Goondɑɑ miliyoonɑ 1 nɑmɑ tokko qɑqqɑbɑ.

8. Bɑrɑriin mɑtɑɑn ishee irrɑɑ cite lubbuun torbɑn tokkoof keessɑɑ hin bɑhu.

9, Hɑrreen ɑl tokkotti Miillɑ ishee ɑrfɑn ɑrguu dɑndeessi.

10. Doolfiiniin Bishɑɑn keessɑtti fɑgeenyɑ KM 24 irrɑtti sɑgɑlee dhɑgɑhuu dɑndɑ’ɑ.

11. Bookeen busɑɑ ilkɑɑn 47 qɑbdi.

12. Sɑrɑrri hɑrree didoo kɑmuu wɑl hin fɑkkɑɑtu.

13. Billɑɑchi miillɑ duubɑɑn dhɑndhɑmti.

14. Qɑɑmni sɑɑlɑɑ sɑrɑriitii dhiirɑɑ miilɑ isɑɑ irrɑtti ɑrgɑmɑ.

15. Kɑnniisni ijɑ shɑn qɑbdi!

16. Booyyeen ol jettee wɑɑ ɑrguu hin dɑndeessu!

17. Hɑntuutni yoo beellofte eegee ishee nyɑɑtti.

18. Hɑɑdhɑ mɑnɑɑ isɑɑf bineensi ɑmɑnɑmɑɑ jeedɑlɑ qofɑ.

19. Weeliin cuquliisɑɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ irrɑɑ guddinɑɑn hundɑ cɑɑlɑ.

20. Hoosiftootɑ keessɑɑ kɑn bɑlɑli’u simbirɑ hɑlkɑnii qofɑ yoo tɑhu Miilli ishee qɑqɑlloo wɑɑn tɑ'eefis deemuu hin dɑndeessu.

21. Simbirri hɑlkɑnii yeroo hundɑ holqɑ keessɑɑ yoo bɑhɑn gɑrɑ bitɑɑtti bɑlɑli’u.

22. Bofti dunuunfɑtus qolɑ ijɑɑn ni ɑrgɑ.

23. Bookeen busɑɑ inni dhiirɑɑ hin ciniinu.

24. Hɑntuunni lɑgɑɑ ji’ootɑ 18 keessɑtti hɑntuutni 2 qofti firɑ miiliyoonɑ 1 ni horɑtti.

25. Kɑnniifni tokko dɑmmɑ fɑllɑɑnɑ tokko qopheessuuf yoo xiqqɑɑte dɑrɑɑrɑɑ 4000 dhɑndhɑmti.

26. Cilɑlluun wɑggootɑ 3f wɑlitti ɑɑnsee rɑfuu dɑndɑ’ɑ.

27. Hɑɑdi sɑrɑriitii lɑmɑ osoo wɑlirrɑ bu'ee ɑkkɑ sibiilɑɑ ni jɑbɑɑtɑ.

28. Arbi fɑgeenyɑ Mɑɑyilii 3 irrɑtti bishɑɑn jirɑɑchuu isɑɑ ɑddɑ bɑɑsuu ni dɑndɑ’ɑ.

29. Qurxummiin Oyistiir jedhɑmu gɑɑfɑ wɑlqunnɑmtii gochuu bɑrbɑɑdu sɑɑlɑ isɑɑ gɑrɑ fedhetti ni jijjiirrɑtɑ.

30. Addunyɑɑ irrɑɑ wɑggɑɑ wɑggɑɑn oomishni 1/3 n ilbiisotɑɑn ni mɑncɑ’ɑ.

Kun hundumtuu rɑbbi tɑ'ɑɑ jennɑɑn hɑɑlɑ kɑnɑɑn Uumɑmɑn. Kɑnɑɑf mee uumɑɑ wɑɑqɑɑ kɑnɑ ilɑɑllee hɑɑ dinqisiifɑnnu!


#share🙏


👉 Join Us @qormaatabiyyaalesaaf


#DINQISIISOO!!
….............
✍️ Jechi mana barumsaa kan ingiliffaa isa ‘school’ jedhamu jecha giriikii irraa kan dhufee yoo ta’u 
hiikni isaas 'sa’aatii boqonnaa' jechuudha. 

✍️ Dhaabbanni saamunaa ilkaanii hojjatu ‘colgate’ rakkoo hamaa tokkotu naannoo biyyoota 
dubbattoota ispaanishii ta’an keessatti isa mudateera. Rakkichis jechi ‘colgate’ jedhu hiikni isaa 
dhaqii of rarraasi (go hang your self) jechuu waan ta’eefidha!!

✍️ Biqiltoonni yommuu muuziqaa dhaggeefatan daddafanii guddatu.

✍️ Ashaaraan harka nama hundaa akka garagara ta’e, kan arrabaas gara gara.

✍️ Mahaatama gaandiin akkuma beeknu nama beekkamaa nageenya irratti shoora guddaa taasise 
kun yeroo shan badhaasa noobeeliif dhiyaatuus yeroo tokko injifachuu hin dandeenye.

KOOTTAA NUTTI DABALAMAA
👉 Join Us @qormaatabiyyaalesaaf




#Yuunivarsiitii_Asoosaa
#Beeksisa

Barattoota Idilee Yuunivarsitii Asoosaa Hundaaf!

Yuunivarsiitiichi dhiheeyuma kana yeroo darbe guyyaan galmee bara 2015 kan gaggeeffamu Sadaasa 12fi13/2015 ta'uu ibsuun isaa ni yaadatama, ta'us guyyaa galmee yeroo hin murteeffamneef dheereffameera waan ta'eef, gara fuulduraatti hanga waamicha isiniif goonutti bakkuma jirtanitti Obsaan akka eeggattan akeekkachiiseera.


@qormaatabiyyaalesaaf


#Jijjiirraamuu_Guyyaa_Galmee
#Yuunivarsitii_Wallaggaa

Guyyaan galmee barattoota idilee Yunivarsiitii Wallaggaa gaafa Sadaasa 05 fi 06, 2015 akka gageeffamu beeksisnee turre gara Sadaasa gaafa #13_fi_14/2015tti darbuu isaa isin beeksisna.



@qormaatabiyyaalesaaf
@qormaatabiyyaalesaaf


Barattoota Haaraa Yuunivarsitii Amboo maraaf

Sababa bararattoonni lafa rakkoo nageenyaa jiran yeroon mooraa ga'uu hin dandeenyeef qormaati sadaasa 1 bara 2015 kennamuuf ture yeroo hin beekamnetti kan dheerate yommuu ta'u odeeffannoo haaraan akkuma nu qaqqabeen kan isin beeksisnu ta'a.


#Waamicha
#Yuunivarsitii_Diillaa

Yuunivarsitiin Diillaa waamicha barattoota haaraa beeksise.

➤Galmeen Barattoonni waggaa 1ffaa semisteera 2ffaa
    ➭ Onkoloolessa 28 fi 29/2015.

➤Galmeen barattoota Waggaa 3ffaa, 4ffaafi 5ffaa
    ➭ Sadaasa 05 fi 06/2015.

➤ Barattoonni fayyaafi Koolleejjii saayinsii fayyaa waggaa 2ffaa guyyaan rippoortii itti godhan
    ➭ Onkoloolessa 17/2015

@qormaatabiyyaalesaaf


#Waamicha
#Yuunivarsitii_Arsii
Barattoota idilee Yuunivarsitii Arsii Maraaf!

Guyyaan galmee bara barnootaa 2015 barattoota idilee Yuunivarsitii Arsii Sadaasa 1fi2/2015 yemmuu ta'u, galmeen Adabbiidhaan Sadaasa 03/2015 qofa kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera.

@qormaatabiyyaalesaaf
@qormaatabiyyaalesaaf


##Bultii_Addaa##


Guyyaan galmee barattoota Kutaa 9ffaafi 10ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa ifoome!

Guyyaan galmee barattoota Kutaa 9ffaafi 10ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa ifoomuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi bara barnootaa 2015tti barattoota kutaa 9ffaa barataniif qorumsa seensaa kennuun adda baasee Manneen Barnootaa Bulti Addaa Sadarkaa 2ffaa torba keessatti raabsuu yaadachiiseera.

Guyyaan galmee barattoota kutaa 9ffaa Onkololeessa 19/2015 -20/2015ta’uufi Onkololeessa 21,2015 adabbiin kan galmaa'an ta'uu beeksiseera.

Barattoonni kutaa 9ffaa haaraa waan ta’aniif kanneen akka Uffata halkanii, Uffata Ispoortii, Meeshaalee Barnootaa, Ragaalee barnootaa kutaa 8ffaa irraa gara 9ffaa ittiin darban orijinaalaafi koopii tokko tokko waliiniifi Suuraa isaaniifi kan maatii 3×4 lama lama kan yeroo dhiyoo keessatti ka’an qabatanii manneen barnootaa itti ramadamanitti akka argamnan yaadachiiseera.

Guyyaan galmee barattoota kutaa 10ffaa ammoo Onkololeessa 14/2015 - 15/2015 yoo ta'u Onkololeessa 16, 2015 adabbiin kan galmaa'u ta’uu ibseera.

Barattoonni kutaa 9ffaas ta'ee 10ffaa guyyaa galmeef ibsaman booda dhufan fudhatama akka hinqabne hubachuun guyyaa jedhaman keessatti akka galmaa’an jedhame
👇
https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf


#Yakka

Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa hanni qormaataa yakka jedhe. Tajaajilichi akka ibsetti hanni qormaataa seeraan nama gaafachiisa jedheera.

Qormaati qabeenya hawaasaati Yakka qormaata irratti hojjetamu kamiyyuu waliin taanee haa ittisnu jedha Tajaajilichi.
👇
https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf


Sagantaa Qormaata kutaa 12ffaa Barattoota Saayinsii Uumamaaf!

Barattoonni Saayinsii Hawaasaa Onkoloolessa 3fi 4 guutummaan guutuutti mooraadhaa yeroo ba'an, barattoonni Saayinsii Uumamaa Onkoloolessa 5 irraa eegaluun mooraa seenu.

Bu'uuruma kanaan👇

Kibxata   08/02/15
       3:00 - 5:00 English
       9:00 - 12:00  Mathematics

Roobii 3:00-5:00 Aptitude
            9:00 -11:00 Physics

Kamisa 3:00 - 5:30 Chemistry
              9:00 -11:00 Biology

Jimaata 3:00 - 5:00 Civics

Carraa gaarii
👇
https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf




#Yuunivarsitii_Wallaggaa

Ergaa Pirezidaantii Yuunivarsitii Wallaggaa!

#Odeeffannoo Dabalataa Maatii_barattootaaf

Qormaata kutaa 12ffaa Biyyooleessaa bara kanaa (2014) Yuunivarsiitoota keessatti akka gaggeeffamu murta'uun isaa nibeekama. Bu'uura kanaan, Yunivarsitii keenya barattoota lakkoofsi isaanii Kuma 30 ol ta'an marsaa lamaan qormaata kana Yuunivarsiitii Wallaggaatti fudhatan simatee keessummeessuuf qophii guutuu taasiseera. Nyaanni barataa sadarkuma nyaata barattoota Yuunivarsiitii eegeen qophaa'ee barattootaaf dhiyaataa jira. Taajaajiilli mana ciisiichaafi yaala fayyaas karaa guutuu ta'een barattoota qormaataaf gara mooraa Yuunivarsiitii  keenyaa seenaniif kennamaa jira. Yaala fayyaa ilaalchisee Hospitaalli Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaa abbummaan qabatee taajaajila guutuu kennaa jira.

Kuni kanaan osoo jiruu, barattoonni lakkoofsii isaanii muraasa kan ta'e qormaata biyyoolleessaa kanaaf qophii ga'aa kan hin taasine ega gara mooraa dhufaniin booda qoramuuf fedhii dhabuu isaanii hubachuu dandeenyeera. Nyaata dhiyaataafi jirus fayyadamuuf fedhii dhabaniiru. Qorannoo rakkoo fayyaa barattoota lakkoofsaan 25 ta'ani gara Hospitaala Yuunivarsiitii Wallaggaa deemanii yaalaman kan agarsiisuus Naayaata nyaachuu dhiisuu, dhukkuba busaa qaama keessaa  yeeroo eeggatee mul'atuuf barataan tokko ammoo ipilipsii (gaggabdoo) irraa kan maddee ta'uu isaa mirkaneeffanneera. Faala nyaataaf hanqina nyaataa gama Yuunivarsiitiin dhiiyaatu ilaalchisee rakkoon mul'ate hinjiru.

Barattooni muraasni kuniin garuu barattoota fayyaaleeyyii qormaata isaanii qoramuuf qopha'aanii dhufan keessatti burjaajjii hin barbaachisne uumanii ofitti makatanii mooraa keessa fudhatanii ba'uuf yaali taasisaniiru.  As irratti kan hubatamuu qabu qormaata kana barattoonni martuu fedhii isaaniitiin qofa kan fudhataniif kan fedhii hinqabne kan hin dirqisiifamnee ta'uu isaati. Qormaata akka biyyoolleessa barattooni bakka addaa addaa fudhatan kan irraa hafuun garuu dursa barattootuma keenya addatti kan miidhu ta'uu isaa waan hubannuuf barattooni muraasni kunis taanaan tasgaba'aanii qormaata isaanii xummuranii gara qe'ee isaaniiti akka deebi’aan yaalii taasisaa jirra. Dhimmi qormaata fudhachuuf dhiisuun murtii dhuunfaa barataa tokkoo tokkoofi maatii isaaniidha malee kan qaama biraan murtaa'uufis ta'u hin qabu. Dhalootaaf yaaduunis gaarii ta'a.

Hanga sa'a kanaatti (#3LT) mooraa keessan jira. Barataan dhibee guddaaf saaxilamees ta'e miidhame tokko hinjiru. Ijjoolleen gara mana yaalaatti ergamanis yaala xiqqaatiin fooyya'aanii gara mooraatti deebi'anii jiru.
👇
https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf


✅Barattuu kutaa 12ffaa Yuunivarsiitii Ambootti qormaataaf ramadamte mucaa dubaraa nagaan deesse.

Fuulbaana 28, bara 2015 Barattuu Geexee Baqqalaa Tamasgeen Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree mana barumsaa Goodaa Biloo sadarkaa 2ffaa irraa yuunivarsitii Ambootti qormaata kutaa 12ffaa qoramuuf ramadamtee dhufte Hospitaala Riferaala Yuunivarsiitii Ambootti guyyaa kaleessaa nagaan akka deesse Dr. Gonfaa Mootii daarekteerri ol'aanaa Hospitaalichaa himaniiru.

Haatifi daa'imnishees yeroo ammaa haala gaariirra akka jiran Dr. Gonfaan himaniiru
👇
https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf


✅ barattoonni keenya ofitti amanaa haalotaaf harka hin kenniinaa💪🦾

https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf


✅ barattoonni keenya ofitti amanaa haalotaaf harka hin kenniinaa💪🦾
👇👇👇
https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
✅barattoonni bara 2015 kutaa 12 barachaa jiran waktii qormaataa duriitti jechuunis baatii 9ffaa keessa akka fudhatan beekameera.
👇
https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf


✅ NAMOONNI YUNIVARSIITII JIMMAATTII QORAMATAN HUNDUU ☝️
👇
https://t.me/qormaatabiyyaalesaaf

Показано 20 последних публикаций.

248

подписчиков
Статистика канала