Dhageessee?


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Odeeffannoo Haarawaafi qabatamaa ta'e nu biraa argattu #Share gochuun waliif dabarsaa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal tibbana miidiyaa hawaasummaa tiwiitara isaa irratti viidiyoon waa'ee Itoophiyaa gadhiisee tureef dhiifama gaafate.

Qabiyyee waa'ee viidiyoo dhaabbatichi tiwiitara gubbaa buuse dhaabbatichatti qorataan Gaanfa Afrikaa Obbo Fissahaa Takilee akkanaan BBC'tti himu.

''Jimaata darbe ture kan bahe. Kan bahees viidiyoodha. Twitter irratti ture kan gadhiifame. Dhimmi isaa ajjeechaa Haacaaluu Waxabajjii 23 booda hokkora Oromiyaa fi iddoo adda addaatti uumame ilaallata.

''Waa'ee namoota hidhamanii, waa'ee walitti bu'iinsa uumamee tureeti. Viidiyoon sun adeemsa keessootti qabnu osoo hin eegiin ture kan gadi dhiifame,'' jedhaniiru.
@qubaqabdaa
@qubaqabdaa


Abbaan Alangee Federaalaa duraanii Adde Adaanach Abeebee kantiibaa itti aantuu magaala Finfinnee ta'un muudaman.

Yaa'ii atattamaa Manni Maree magaalaa Finfinnee har'a gaggeesse irratti Aadde Adaanach deeggarsa miseensota 77 argataniiru. Namootni 6 kan morman yemmuu ta'u namootni lama immoo sagalee hin kennine.

Ganama har'aa MM Abiy Aadde Adaanach Abbaa Alangeerraa kaasuu akkasumas Injinar Taakkalaan magaalaa Finfinnee bulchuurraa kaasuun Ministira Albuudaafi Boba'aa ta'un muudamuun isaanii ibsame.

Muudama isaanii booda aadde Adaanach sirna kakuuu raawwataniiru.

Waggaa lamaan darban Kantiibaan Itti- aanaa Magaalaa Finfinnee ta'un kan hojjetaa turan Injinar Taakkalaa Uumaa furtuu magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachif kennaniiru.
@qubaqabdaa
@qubaqabdaa

Показано 2 последних публикаций.

47

подписчиков
Статистика канала