Akkam jirtu cuftinuu! 👋🏾
::
Baga jiraattan isiniiin jechaa! Jaatanii haaraya qabannee anaa dhufu isiniin jenna! Akkuma beekkamu addunyaan yaroo ammaa haala tilmaamuun dhala namaatiif qormaata tahuun - safisa ol’aanaan guddachaa fii jijjiiramati jirti kan sababeeyfachuun Nutiis yaroo garagaraatti ogummaa qabnuun karaa barruu fii live tiin qunnama hawaasa garagaraa irratti gumaacha turuun ni yaadatama tahuus garuu bifa qindaaween waan hin turiniif hawaasa Oromoo bal'aa waliin gahuun hin dandeenye ture.
Amma kan dur-daran karaa yaa'aa yuutibuubii
NAADURAA Daily tiin—hawaasa keenyaaf hubannoo ogummaa diinaggee, daldalaa, faayinaansii fii teeknooloojii irratti if kennuun hawaasni beekumsa addunyaa kanatti akka makaman yaroon isin afeeruun gammachuun too guddaadha.
Hundeysa Ahimdenur, ogeessa diinaggee fii faayinaansii muuxannoo fii beekumsa qabuun kan qophaawe, chaanaaliin keenya qabiyyee qulqullina olaanaa qabu Afaan Oromoo, afaanota Afrikaa keessatti bal'inaan dubbataman keessaa tokko kan tahe kan dhiheessudha.
Baankii fii Faayinaansii Islaamaa irratti fedhii yoo qabaattan ykn diinaggee dijitaalaa keessa keessa tarkaanfachiifiis yoo tahe, NAADURAA Daily qabeenya keessani.
NAADURAA: Beekumsa daldalaa, diinaggee fii faayinaansiitiin weelkaa keessan guutuuf bakka irra dubbuuyfattani!
Qabiyyee keenya akka subscribe(hordofuun), share (Qooduun), fii yaada nuuf laachuun akka nu waliin taatan isin afeerra! Akkasumaas maatii hiriyoota fii namoota jaalattaniif qooduun imala nuti hawaasa keenya beekumsaan utubuuf taasisnu nu waliin imalatan isiniin jenna!
Ogummaa keenya waliin gabbifachaa hawaasa odeeffannoo gaarii qabu haa waliin jaarru. Nu eegaa imala gammachiisaa kana irratti nu waliin tahaa!
NAADURAA weelkaa beekumsa daldalaa, diinaggee fii faayinaansii keessa habbuuqattu!
https://youtube.com/@naaduraa?si=8Db21dXvTo_t6AeP