Summii Jaalalaa


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Walaloo jaalalaa
@iccitii jaalalaa
Dhokksaa jaalalaa
@Summii jaalalaaa
Walaloo Jaalalaa
@Midhaa jaalalaa fi
Gudunfaa jaalalaa
Taphaa fi gammachuu jaalalaa keessaa
Walaloodhan dhamsaa jaalalaa
Dabarfachuun walin haa hirmanuu......!!!!!
Created by.@Bona

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Hawwii kankoo yaa siddisee
Jireenya koof sin abdadhaa
Dambalii koo si'eessituu
Kofla keenin an taphadhaa

Hin filamtu at yoomillee
Ni shuumamta kaardii malee
Dhaangaa jiruu yaa buskuta
Sumaa jechan taa'aa bulee

Mul'ata koon siin gahadhaa
Jabina koof sin filadhaa
Dhugaa rabbii naaf taanaanii
Lubbuu tantoo siifin laadhaa

Dhaangaa kankoo dhaangaa jiruu
Hin beelahu sin sooradhaa
Dheebuu jiruus siniin bahaa
Yoon dheebodhee sin unadhaa

✍✍✍ by Shamil Nasir


@dmwaamaraa
@dhwalaloo
@bfwalaloo

👆join our top channel!


Репост из: Walaloo fi Baacoo😂
Nuu deebisaa waan keenya😁

Dugda harree irra teessee
Kan dhagaa keessaa bate
Siidaa dabalee saamee
Farda keenyaan galatee....?

Gootummaan of moggaastee
Nu jalaa hattee farda
Harree isaas qalate
Kan isaaf laate dugda.😜

Silayyuu humaa qabdii??
Gaafa dhuftu nafxanyaa
Qurcummaa harka isiituu
Fayyisaan bishaan keenyaa.

Takka lama hin jedhinaa
Afaan qabaa callisaa
Farda keenya kan bade
Ammatti nuuf deebisaa....!😜

✍✍Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo


Hireetu na godhee
Mufannaa siin qabu
Cabni onnee kootii
Siif bu,aa hin dhabu
Halaalaa wal yaaduun
Nu hin baasu dheebuu
Koottu wajjiin gallee
Haa bulluus Agabuu

✍ Bona Bushra

@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa


Репост из: Dhaangaa walaloo
Hin_quufu silaalee

Guyyaa guyyaan nawaantee
Ija koo dura deemtaa
Halkan abjuunis dhuftee
Ful_dura koo teessaa

Osoonin ciisee silaaluu
Ijji koo onnee koo hatee
Jaalala rifachiisaa taheen
Onnee koo na boojitee

Halkan guyyaa sin arga
Siin ija koo takaalee
Hin baddu yoomuu naduraa
Hin quufu ani silaalee

✍✍✍✍✍✍✍
© Shamil Nasir

@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dhwalaloo


Jaalallikee naa gamee!

Siif jedheetan daa'imaa
Jilbakoon jilbeeffadhee
Siifan jooree jawwaraa
Galaa jaalalaa baadhee

Mucucoo rooba gannaa
Yandoof qorra jifadhee
Si dhabuu koorra jedheen
Of dhabee si tikfadhee

Halkan dukkana roobaa
Qoraattii keessa lufee
Ijakee ijaan arguuf
Dugdaa citee gugguufee

Beelaafi dheebuu obsee
Jiraachuukoos dagadhee
Dhiiga barruukoo cobseen
Maqaakee katabadhee

Handara lafaa marseen
Coroqa habbuuqqadhee
Nyaataaf dhugaatiin dhabnee
Yaadumakeen huuqqadhee

Biiftuuf addeessa laalee
Osoon taa'ee abjootuu
Jaalalaan sakaallamee
Hin daldalu hin qotuu

Haroofi galaanicha
Yaadaan daakee hurreessee
Yabala jaalalakeen
Bakka geenye of geesse

Eelaafi caba lafee
Wal dhabuu milkii keenyaa
Seenaa keenya qorannee
Waltaanee galma geenyaa

Ayyaanaan qajeelfannee
Sammuu dabaan meelate
Walumaan bilcheeffannaa
Isa nutti dheedhate

Akka warra kuush durii
Onneerraa wal mararraa
Kigaalii milkiin kaanee
Shaggaritti galma ijaarraa

Shaggeekoo ishee Ruwaandaa
Yaa intala Kaagaamee
Coqorsan sitti ergadhaa
Jaalallikee naa gamee!


✍✍ Bona Bushra


@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa


#Ani_Anuma

An ka namuu miti
Kan kophaa dhalatee
Kan jaalala jibbee
Jibbansa filatee
Kan qaxara cabee
Jaalalaas komatee
Ani kan kootumaa
Kan mataa kootii
Kan onneen saa tokkoo
Isa kumaas mitii
Abaarsa jaalalaa
Kan eebbaatii mitii
Kanaafu ani anaa
Kan namaatii mitii


✍ Bona Bushra

👇👇👇👇👇👇
@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa


Mee nan daddarbin
An onneen koo madaadhaa
Takka sirraa muramnaan
An garaankoo dhagaadha!

Sitti dhaame!

✍ by @Shaminasir


Yaa summii jaalalaa
Dhibamsiftuu onnee koo
Walaloon ati dhangalaastu
Na maraachuufi jiruukoo

Maaliif hinseenne ree
Jaarsummaa kiyyaas fuutee
Bakka garaan koo yaadu
Afaan koo bakka buutee

Sitti dhaammadhe kunoo
Yaa #Summii_jaalalaa
Natti qabsiisuu dhiistee
Akka dhaamsitu kee dhamala

✍✍✍✍✍✍
© #Dhibba / Shamil Nasir

@Summiijaalalaa
@Summiijaalalaa


Репост из: Dhaangaa walaloo
Hawwii koo siin gahadheen
Kaayyoo dhugaaf si jaalladhe
Murtee dhumaa sirra kaadheen
Jireenya koof si filadhe

Ati garuu akkas miti
Jaalala koo hadoochitee
Kaayyoo koo narraa fuutee
Daaraa bubbeen fuute goote

Mee maalin si yakkee
Onnee kan koo madeessita
Afaan kan kootirraa fuutee
Diina kootti odeessitaa

Jaalala dhugaan siif qabuu
Maaliif firii daldalaa gootaa?
Anaan afaaniin na sobdee
Kan biraa qabachuuf jettaa?

Silaa hiika jaalalaa beektee
Jaalalti hin qabdu hammeenyaa
Jaalala dhiifteetis jibbaa
Silaa gaarii waliif keenyaa.


✍ Shamil Nasir

@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dhwalaloo


❤️


Репост из: Dhaangaa walaloo
Jaalallee too gaarii
Yaa burqaa waamaraa
Summiin na hidditee
Nan miidhin ofirraa

Suuta gochaaf jechaan
Onneetoo na hattee
Hafuura koo fuutee
Maalif narraa ustee?

✍ Shamil Nasir


❤️❤️❤️❤️❤️❤️


Atu dhugaan na jaalatuu
Kanaf an sii hin amannee
Jaalalaan an sii qabuutii
guyyaa tokko hin gamanee
~
Garan kee yoo shakkee
Jaalala onnee koo keessaa
Anu yoomiyuu sin jaaladha
Onneen kee malif of yakke
~
Midhamni jaalalaa keenya
Kan bayyaatee nu jiduutii
Kan koo onneen maalif
Kophaa ishee qofa duutii



✍✍ Bona Bushra



@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa


#Amala_koo
Tamboon xuuxu jedhee 🚭
An sittin kijibuu ❗️
Anaaf tamboo kootiis 🚬
Maaf waliin najibbuu ❓
Ati na jaalattee ❣
Tamboo koos jaalannan 🚬
Siif jedheetiin dhiisaa
Guyyuu nadhungannaan 💋


Namni jaalatame
Yoomu maratadha
Namaaf hin hubatuu
Garaa jabaata dhaa
Me nattin jabaatin
Garaa ke naaf laafii
Diina nan godhatin
Uumamni koo siifii
👇👇👇👇👇👇👇


❤️ Xiyyaa jaalalaa .....


Xiyyaa jaalalaa fagoorraa
Yoo darbitee an hin hafuu
Yoo walin rafnee malee
An kophaa danda'ee rafuu
~
Waa'ee jaalalaa keenyaa
Kan ormi itin sirbuu
Nan yaadadhaa guyyaa
Gaaf wali seenne irbuu
~
Jaalalii koo akka bishaani
Yoo dhangala'ee garmale
Kophaa koo midhamee
Hin hafuu ni qodata male
~
Anis keetii atis kan kootii
Jirachuun kee naf jirenyaa
Lubbuu wali kunuusinee
Bakka garii wali keenyaa



✍✍ Bona Bushra



@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa


Репост из: Robale Tube
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
━━━━━━━━━━━━━━━━━
Afaan Oromoo yoo hin jalaannee akkamitti Afaan biroo jalaachuu dandeenya?

Chaanaloota Afaan Oromoo jalaatamoo isiiniif dhiyeessinee kanneen itti dabalamuun (Join gochuun) Afaan keenyas guddisaa irraas baraadha.

━━━━━━━━━━━━━━━━━
If you need to register your channel inbox @robi17

POWERED BY @HawiPromotion


Milaakoo na hiitee !!

Rabbiin galateeffadhaa
Kan sinaaf kenne
Hin dagatiin ammoo
Isaa waliin jenne

Jechaan siif dhabaa
Kan ittin sii ibsuu
Rorroon jaalala kee
Halkaniis nan cibsuu

Akkamumaa siif ta'uu
Maalo bee na miitee
Maal natti gabbitaa
Milaakoo na hiitee

Umee sinaaf kenne
Waaqni umee walabuu
Gorooraa kee keessa
Naadhii damma warabuu

Enyutuu siin madalaa
Adunyaa tanarraa
Kinoo na boojitee
Akkam ta'u kanarra

Gubaan jaalala kee
Bayyee na dhaamasee
Wayyu sittin wakkannee
Hundaan sii badhasee
❣❣❣❣❣🌷🌷🌷🌷
Ani nan rakkadhee !!

Gatii baate galtuun
Hunduu sii mil'ataa
Keessikoo dhiphatee
Akka dessu mixataa

Keessa kiyyatu jedhee
👊Maalif sii mil'atuu
Osoo waliin beekiin
Maalif sitti hixaatuu ??

Obsuu hin danda'u
Yoosaan nan aaraa
Namnii nan beekne
Akkamiin na nyaaraa

Xiqqa guddan martuu
Waayee ishee dubbataa
nan rakkadhee maalo
enyutu naaf hubataa ??
❣❣🌷🌷🌹🌹🌹🌹🌹
Jalaalaa dhugaa miooftuu
🎗
Moo'aa adunyaa maraa
Sammuutu sii yaadata
Sagaalee kee dhabee
Onneetu sii gafataa

Dhugaa kee baree
Garaan siif mar'ataa
Argaa kee dhabee
Ijjikoo siif bir'ataa

Maalif jala baddee
Qalbituu sigafataa
Dhugaan siin jedhaa
Hundatuu sigafataa

Garbbi nama nyaata
Yoon beekne dakkii
Sii dibaabeen jireenya
Kan hin qabne wakkii

Situ fagaatee malee
Nutii sii gafaannaa
Osoo nurran faganne
Gara kee baqannaa

Maalo nuttii himii
Tessoon kee essaa
Maalif nu dhooksitaa
Tarii jannataa keessa ??

👉yoo sii qabannee
Nutiis wal amaannaa
Yoo ati hin jiraannee
Essaa sii wammannaa??

Addaa hin baastuu
hiyyeesaa fi sorressa
Osoo atiin jirannee
Jibbii nu booressaa

Wal qunaamsiisaa nama
Kan bareedaf fokkisaa
Gariin hirribaa dhoorke
Onnee keessa bokkisaa

Ni rakkatee namnii
Sidhabuun fedhuu
Essumaa jirta mee
Kanaan ani jedhuu ??

Sii barbaadan jira
Merree essa jirta
Siifuun ija hira
Maaf garaa hirta??

❣❣❣❣❣❣❣❣❣
Yaadaaf qeeqaa qabdaniif karaa @Uumpha ❣❣❣
N qunnamaa .
❣❣❣❣❣❣❣❣❣❣
@boontuu
@boontuu
@boontuu
@boontuu
❣❣❣❣❣❣❣❣❣❣


Репост из: Walaloon afoolaa
Kiyyaa koo sin jedha
Maqaa jaalala siif baase
Si jaje hin quufuu yoomu
Onneerra kee olkaase.

Booji'ame jaalala keetini
Situ qalbii koo fuudhe
Halkaan hirriba na dhorka
Jaalalli kee na hudhee.

Halkaan waariin ka'a
Suura keen dawwadha
Wayii onnee koo qabbanoofti
Tolan lapheera kawwadha

I LOVE YOU

@sona_walaloo


❤️ maaf wal gannaa.......



Dhukkubaa jaalalaa
Kan hin qabnee dawwaa
Onnee koo madeesitee
Maaf nati bentee qawwaa
~
An akkan hin seene
Guyyaa gaaf wal baruu
Hara maltuu godhee
Akkaa wal gaanuu
~
Onnee gutuu siif kennee
Sii jaaladhee turee
Lubbuun koo keetii
Jedheen yaadaa turee


✍✍ Bona Bushra


@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa
@SummiiJaalalaa


Deyma daammuu tiyya
Sii deyma naaf caalaa
Yaa halangaa onnee
Tolchituu jaalalaa

Sukkara naaf taatee
Sii jiruu mi'eeysaa
Jiruu tiyya tolchuuf
Siitu naaf ogeysaa

Daawwitii jireenyaa
Qoodduu hamtuuf tolaa
Qabeenya naaf taanaan
Tujjaaraas naa caalaa

Tarkaanfii miila koo
Yaa ajjata jiruu
Bakki guddaan qabdu
Onnee dhaa fi tiruu
Seenii naaf qubadhuu
Namaan sin jijjiiruu

By @kaxari03

Показано 20 последних публикаций.

141

подписчиков
Статистика канала