Falaasama 2ffaa / 2nd Philosophy
MILKII FI ADURREE GURRAATTII
Har'a akkuman irribaa dammaqee mana kootii gadi ba'een Adurree gurraattiitu na fuuldura darbe waan ta'eef harra milkii hin qabu.
Nan yaadadha bara 2007 baran Yuuniversiitii Haramaayyaa Seene Barsiisaankoo yeroosii akka ammaa kana muudama hoggansa Ol-aanaa PP tti utuu hin dhufin laalchaafi haasawwaa Akkasii kanaan warri faalaasii 'Non Cousa pro cousa' akka jedhan anaafi barattoota daree kootiitti himee ture.
Dhugaa dubbachuuf haqni hin haqaaqamne garuu maal akkam Adurreefi milkiinkoo walitti hidhata? Ani Nama isheen bineentii, Anatu hoggana malee isheen Giiftii Duree milkiikootii Miti. "Adurreefi ana mitiitii anaafi Eebbaayyuu waantotni addaan nu baasan hedduudha.
Milkiin koo ka biraa adurreen antuuta gaaddu ka biraa.
Namittii wayiitu qullaashee oobdiikoo keessa gangalataan argee bishaan itti naqee hari'e, silawoo maal natti gomatte laata? 🙄🙄
Gufuutu ganamaan miilla na rukute harr'a milkii hin qabu,
😭😭
'Eci!' Namittii bifa badii tokkotu ganamaan natti dhufe harra akkan joorettan oola fakkaata
' Nama huccuu halluu gurraacha uffatutu natti dhufe silawoo nan gaddaa laata?
Maal aabbee wayyaama diimaa nama uffatutu anatti yaa'aawo ganamaan maali dhiiga eenyuutu dhangala'a laata?
Hidhiin of ciniine nama diimaatu na hamachaa jira.
Nan hirqinfadhe eenyu laata kan maqaa na dhawuutti jiru?
Harr'a baayyeeman kolfe aboo ganaan gadda fakkaata , bo'uun koo hin oolu.
Sana kana jettee of hin dhiphisin dhugaa dubbachuuf ati kaayyoo uumamteef utuu galmaan hin ga'in yoo of fannisteyyuu, yoo abidda lixxeyyuu, yoo bishaaniin nyaatamteyyuu, hin duutuu.
Guyyaa kaayyoo uumamteef goolabde ammoo niiwukileerii qabaatteef , qarshii qabaatteef, ijoollee jajjaboo qabaattee, haadha manaa miidhagduufi ogettii qabaatteef, ragaa barnootaa hedduu lakkaawwatteef goonkumaa ooluus of oolchuus hin dandeessu ykn gororuma afaan kee keessaatu garba guddaa sitti ta'ee si obbaafachiisa. Ykn ammoo dhukkuba koroonaatusi fudhatee darba. Kalaas!
Waan akkasii hin sodaatin. Isaan waan uumamaniif qabu.
Atis akkasuma.
Nama uffata babbadaa hin jibbin uffata miti kan kabajamuufi kan jaallatamu nama waan ta'eef.
Ati Nama isaan bineensa lachuuyyuu of hin uumne kaayyoo uumamaniif qabu.
Nan bo'a jennaan akkamitti kolfita?
Nan rakkadha jennaan akkamitti ballina argita?
hiriyyummaa keenyaaf baayyeen eeggannoo godha Eebbaa Qananii Hundeessaa.
Uumama guraattiifi adii jettee of hin dhiphisin isaan uumama atimmoo aboo isaan irratti qabda
Eebbaa
@yesusinwaqefama