Galaa Sammuu


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Kabajamtoota jaalattoota hogbarruu Oromoo!
Kitaabni kun guutuu Oromiyaa fi iddoo ilmaan Oromoo argaman hundatti akka dubbifamuuf, kitaabicha midiyaa irratti beeksisuufi namoota biraan gahuun dirqama keessan akka baatan kabajaan isin gaafadha.




Kabajaajamoo misernsota chanalii kana, kitaaba Coqorsa Abdii jedhu akkuman waadaa isiniif gale, boru ganama abdii sa'aa 12 tti isiniifan maxxansa!
Waadaan waadaadha.
Halkan gaarii!


Miseensonni chaanalii Galaa Sammuu! Kitaabni koo Coqorsa Abdii jedhu gaafa kibxataa(Facaasaa) waan gadi dhiifamuuf, karaa siniif mijateen jechuun fb, telegram group fayyadamuun hiriyyoota keessan biraan gahuun beeksisaa akka na deeggartan kabajaan isin gaafadha.


@Galaakoo join this channel! Kitaaba Xiinsammuu (psychology) Coqorsa Abdii jedhu download gochuun dubbisi.






Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo ati waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani. Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata. Inni kan biraan namni hedduun duubakee ilaalee, kufaatii kaleessa si muudate, qabeenyaafi fira kee ilaalee waan si tuffatuuf akka ati homaa hin dandeenyetti si tilmaamu. Maarree sammuun kee gabrummaa jala jira taanaan hin dandeessu yoo jedhee dhibaa'aan mogolee si buusu harka marattee teessa yoo ta'e eessaan waan haaraa hojjettee milkooftaa? Kara kamiinis gulantaafi ejjennaa isa gara mul'ata kaayyatteetti si geessuu deemtaa? Akkamiin kaayyoo kee galman geessee seenaa kee galmeeffatta?
Lafa kanarratti waan ofiikee yaadde gaarii fi qajeelaa taanaan namni ni dandeessaafi hin dandeessu jedheef osoo hin taane, waan ofiif nan danda'a jette hojjedhu. Waa'ee keef ragaan si caalu hin jiru. Waan hojjechuu dandeessu kan beeku oollaakee osoo hin taane si mataa keeti. Eeyyee ati galma gahuuf murtee kee malee wacni nama biraa homaa si hin fayyadu. Kanaafuu harka namaa ilaaltee raafamuu irra kutannoon gara yaaddetti imaluu siif wayya.

Kitaaba Xiinsammuu "Coqorsa Abdii" jedhu keessaa fudhatame. Guutummaan kitaabichaa guyyoota muraasa booda isin dhaqqaba.
Channel @Galaakoo join godhaa!


Namni dubbisu hundi hayyuu ta’uu baatus, hayyuun hundi garuu nama dubbisudha.

Ijaarsa qaamaaf nyaanni akkuma barbaachisu, sammuun ilma namaa immoo ijaarramee guddachuuf barnoota sirrii barbaada. Barnoonni immoo barachuu, dubbisuufi qorachuun argama. Biyyi takka guddattee siyaasaan, dinagdeefi birmadummaa ishee eeggattee jiraachuuf lammiileen ishee sammuudhaan guddachuu qabu. Sammuun namaa kan guddatu immoo inni tokko dubbisuudhaan.
Addunyaa kana irratti warra dubbisee, baratee, qorateefi qo’atee beekumsa sirriin fagaatetu seenaa dalaga. Seenaan namoota gurguddaa kanneenii immoo barreeffamee dhaloonni dhufu dubbisa. Irraa baratees, jijjiirama yaadaa, beekumsaa, ofitti amanamummaa, ogummaafi dandeettii sammuu ofii gabbifata. Sammuun yoo gabbate, biyya gabbisa. Sammuun deegaa taanaan biyya gabbatuu, qabeenya uumamaan badhaate keessa taa’anii, biyya qabeenya uumamaan deegduu garuu sammuun gabbatte kadhachuun waan hin oolledha.
Biyya kan gabbisu sammuu hayyootaati. Namni dubbisu hundi hayyuu ta’uu baatus, hayyuun garuu nama dubbisudha.


Channel kana fayyadamnee kitaabaafi ergaawwan nama onnachiisan, barsiisaniifi bohaarsan namoota biraan geenya!

10 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

697

obunachilar
Kanal statistikasi