Namni dubbisu hundi hayyuu ta’uu baatus, hayyuun hundi garuu nama dubbisudha.
Ijaarsa qaamaaf nyaanni akkuma barbaachisu, sammuun ilma namaa immoo ijaarramee guddachuuf barnoota sirrii barbaada. Barnoonni immoo barachuu, dubbisuufi qorachuun argama. Biyyi takka guddattee siyaasaan, dinagdeefi birmadummaa ishee eeggattee jiraachuuf lammiileen ishee sammuudhaan guddachuu qabu. Sammuun namaa kan guddatu immoo inni tokko dubbisuudhaan.
Addunyaa kana irratti warra dubbisee, baratee, qorateefi qo’atee beekumsa sirriin fagaatetu seenaa dalaga. Seenaan namoota gurguddaa kanneenii immoo barreeffamee dhaloonni dhufu dubbisa. Irraa baratees, jijjiirama yaadaa, beekumsaa, ofitti amanamummaa, ogummaafi dandeettii sammuu ofii gabbifata. Sammuun yoo gabbate, biyya gabbisa. Sammuun deegaa taanaan biyya gabbatuu, qabeenya uumamaan badhaate keessa taa’anii, biyya qabeenya uumamaan deegduu garuu sammuun gabbatte kadhachuun waan hin oolledha.
Biyya kan gabbisu sammuu hayyootaati. Namni dubbisu hundi hayyuu ta’uu baatus, hayyuun garuu nama dubbisudha.