'Dexamethasone' qorichi Koronaavaayirasii lubbuu baraaruu danda'u isa jalqabaati jedhame
*****************************
Qorichi baay'ee rakasa ta'eefi salphaatti argamuu danda'u 'dexamethasone' jedhamu dhukkubsattoota Covid-19 haala yaaddessaa keessa jiran lubbuu baraaruu danda'a.
📌Lola koronaavaayirasii waliin addunyaan itti jirtu keessatti argannoon kun boqonnaa haaraadha jedhan ogeeyyiin UK.
📌Carraa du'aa dhukkubsattoota meeshaa ittiin harganan ykn veentileetarii jala jiran harka tokko sadaffaan, kanneen oksijiinii jala jiran ammoo carraa du'aa isaanii harka tokko shanaffaan xiqqeessa jedhame.
📌Qorichi kun qaama sagantaa yaalii qorichooti duraan turan koronaavaayirasiif dalaguun isaanii yaalamaa jiruuti.
📌Qorichi kun osoo akkuma weerarri vaayirasichaa mudateen hojiirra ooluu eegalee silaa UK keessatti qofa lubbuu nama 5000 baraaruun ni danda'ama ture jedhu qorattoonni.
📌Qorichichi rakasa waan ta'eef biyyoota hiyyeeyyii vaayirasichaan wal'aansoo jabaatti jiran haalaan gargaaruu danda'as jedhame.
📌Lubbuu kan baraaru
Dhukkubsattoota Covid-19 20 keessaa 19 osoo gara hospitaalaa hin deemiin wayyaa'u. Kanneen hospitaala dhaqanis irra hedduun ni wayyaa'u.
📌Kaan garuu ooksijinii ykn ammoo meeshaa ittiin harganan (ventileetarii) barbaadu. Qorichi 'dexamethasone' jedhamu kun kan daran gargaaru warra akkanaati.
📌Qorichichi rakkoo fayyaa wayita qaamni namaa wantoota vaayirasichaan lolan maddisiisu uumamuu maluu hambisa jedhame.
📌Deebiin humnaa olii qaamni namaa vaayirasicha loluuf jecha kennu 'cytokine' jedhamu lubbuu galaafachuu danda'a.
📌Yaalii ogeeyyiin yuunivarsitii Oksifoord taasisaniin, dhukkubsattoonni 2000 ol ciisanii yaalamaa jiran qoricha kana kan fudhatan, kanneen qorichicha hin fudhatiin 4000 waliin madaalamaniiru.
📌Dhukkubsattoota veentileetarii jala jiraniif carraa du'aa dhibbeentaa 40 irraa gara 28'tti, kanneen ooksijiiniin hafuura baafataniif ammoo dhibbeentaa 25 irraa gara 20 gadi buuse.
📌Dursaan qorattootaa pirofeesar Piitar Hoorbii akka jedhetti, "amma yoonaa qorichi du'a Covid-19 haalaan xiqqeessuu danda'e kana qofa."
Kuni argannoo guddaadha jedha pirofeesar Piitar.
📌Dhukkubsattoota ventileetara isaan barbaachisu 8 keessaa tokko lubbuu baraaruun akka danda'amu agarsiisa jedhan qorataan biraa pirofeesar Maartiin Laandirii.
📌"Faayidaa ifatti mul'atu qaba. Namni guyyaa 10'f qoricha kanaan yaalame paawondii 5 (birrii 200 ta'u) qofa kafala. Kuni qoricha guutuu addunyaatti argamudha."
📌Hospitaalonni yeroo barbaachisaa ta'e dhukkubsattootaaf haa kennan, namni kaan garuu ofumaa bahee bitatee manatti ittiin galuu hin qabu jedha pirofeesar Maartiin.
📌Qorichi kun namoota mallattoo sasalphaa qaban, kan rakkoo harganuu hin qabaanneef bu'aa hin qabus jedhu.
📌Qorannoon qorichoota duraan turan irratti traasifamuu kan eegale Bitootessa keessa ture.
📌Yeroos bu'aa gaarii agarsiise kan jedhan qorichi busaa haayidiroksiikiloorookiin amma dhorkamee jira.
📌Qorichi biraan abdii qaba jedhame kan remdesivir jedhamu akka dhukkubsattoonni dafanii dandamatan gargaaru ammallee faayidaarra oolaa jira.
#Xiinxala
📌Qorichi du'aatii sababa dhibee Covid-19n qaqqabuu malu hir'isu mirkanaa'e kun kan jalqabaa miti. Garuu kun horomooniirraa xiqqoo fudhataanii gatii salphaa ta'een kan hojjetamudha. Qorichi kun salphaatti kan argamuufi kan bara dheeraa turedha jedha gabaasaan fayyaa BBC Fargas Waalshi.
📌Kun oduu gammachiisaadha sababiin isas dhukkubsattoonni guutummaa addunyaarra jiran dafanii fayyadamuu danda'u.
📌Akkuma addunyaatti kun waan guddaa agarsiisu waan qabuuf qarruun bu'aa yaalii kanaa akka saffisaan itti deemamu ta'eera.
#Deksaametaazoon [Dexamethasone] bara 1960ta jalqabaarraa kaasee hoiirra oolaa jira. Qorichi kun dhibeen fayyaa gara garaa kan akka rakkoo sirna dhiigaa, gogaa, ija, somba, onneefi rakkoo fayyaa yeroo immiyuniitiin dhukkuba namarraa ittisuutti uumamuuf gargaara.
📌Dhibee asmii [asthma] wallaanuudhaaf ni gargara.
Dhukkubsatoonni Covid-19 sadarkaa ventileeteriin isaan barbaachisurr
a gahan walakkaa kan ta'an hin fayyan ture.
📌Kanaaf, qoricha kana fayyadamuun sadii keessaa