Oromiyaa jiituu


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan


~walaloo jaalalaa
~beekumsa
~mammaksa
argachuu dandessuu.
Share and join
Our channels

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Safuu siimbookee !

Badhaasee siif kennee
Boroo nama maraachuu
Safuudha siimbookeef
Natti horee gammachuu
~
Jechuma kamiin ibsuu
Miidhaginnii kee addaa
Osoo kiyyaa ta'u baattee
Silaalleen bayyeen gaddaa
~
Gaafaan dura si arguu
Baayyeen sitti nahee
Of to'achuu dadhabeen
Gaggabee lafa dhahee
~
Dhibee kufiistuu se'anii
Namoonni na dheessanii
Hiriyoonni koo fuudhanii
Mana yaalaa na geessanii
~
Ergan hospitaalaa seenee
Namaa keessaan bahee
Bu'aan Dhukkubaa kootii
Dawaan siduwwaa ta'ee
~
Argaa guyyaa tokkoon
Keessaakoo waraantee
Booda suutumaa suutaa
Onneekoo wal'aantee
~
Ergan hospitaalaa bahee
Bakka jirtuun gaafadhee
Siargeen sitti gammadee
Onneerraa sijaalladhee
~
Gubaa jaalalaa keetiin
Keessaakoo dhararee
Mi'aa jaalalaa dhugaan
Siwaliin dhandhamee
~
Dugda keessaa labee
Na waraanaa ceekuu
Hangan hardhaa gahuu
Ani argeetoo hin beekuu
~
Lapheerraatti na gubaa
Afuuraalle na dhorkee
Osumaan obsee taa'uu
Yaadnikee nan sokkee
~
Namatuu natti kolfee
Lafan taa'eettin mugaa
Maaloo maalan godhee
Safuu jaalalaa dhugaa !
💋💋💋💋❣❣❣❣❣
@boontuu💋💋💋💋💋
@boontuu❣❣❣❣❣
@boontuu💋💋💋💋💋
@boontuu❣❣❣❣❣
❣❣❣❣💋💋💋💋💋


Safuu arjuummaa kee !

Kinoo Siif dhufeeraa ❤💋
Lafan jiruu jaammisee
Bayyeen siyaadaa turee
Keessaa koo dhiphisee
~
Jaalaalli kee jabduun
Miilaakoo sakaaltee
Atis furmaata taatee
Dawaakee naaf laatte
~
Kanaafin sikunuunsaa
Kabajaan siif laadhee
Halkaniif guyyaan jedhuu
Gubaa yaadaakee baadhee
~
Ganamafi galgalaallee
Yogguu sin yaadadhaa
Umrii naaf dheeradhuu
Bayyeen si jaallaadha
~
Osoo walbira jiraannee
Wal hammannee ciisnaa
Dhungoo jaalala dhugaan
Hidhii dheebotee jiisnaa
~
Guntuutaa kee sukkuumen
Harkaa kootiin qaqqabaa
Handhurake dhungadheen
Mee Siharkattii gaggabaa
~
Wabiikoo lakki dhiisii
Maaluumaaf na miitaa
Baheen nagaan galaa
Maalif miilaa na hiitaa
~
Sinjaalladhee malee
Maalumaan balleessee
Jaalalan sifaarsuu malee
Yoomaan sihadheessee
~
uufff maaloo gubadhee
Ibiddatuu natti qabatee
Gubaan natti godaanee
Qabbannii na baqatee
~
Jaalallii onnee miidhee
Madoo namatti uumaa
Oolmaan kee dachadhaa
Yoom himamee dhumaa
~
Osoo barbaadaniyyuu
Siif hin argaan fakkoo
Wabiikoo haadha firaa
Hubattuu yeroo rakkoo
~
Jaalalaa fi oolmaakee
Ibsuuf jechan dhabaa
Jiruukoo keessaattii
Wabiikoo siqofan qaba
~
Dadhabee hin beektuu
Arjummaan kee addaa
Onnee koo keessaallee
Iddoo guddaa qabdaa
~
Kanaafiin sii kunuunsaa
Qalbiikoo siif dhabee
Halkanii guyyaan jedhuu
Yaadaan siif gaggaabee
~
Ofii keef dhiphaattee
Nama gammachistaa
Beelaa kan kee obsitee
Kan beelaa'ee nyaachiftaa
~
Rakkataa gargaartee
Abboommii kee eegdaa
Safuu arjuummaa kee
Gaddaf gammada beektaa
~
Gammachuu Fuulaakeen
Nama kamuu simaattaa
Nyaaraa guduunfitee
Yoom nama hifaattaa
~
Guyyaan kamiiyyuu
Siif kennaa addaatii
Kan madaallin qabnee
Gammachuu siif qabaatii...
~
Keessaa keen Gaddiitee
Ofiittin ijaartuu gadoo
Anaafuu dawaa taatee
Fayyistee kaa madoo
~
Isa onneekoo hiraarsee
Ofiikeef naa dhidhiibdee
Yoom akka warra alagaa
Madaatti quba na qabdee
💋💋💋💋
@boontuu❣❣❣❣
💋@boontuu💋💋💋💋
@boontuu❣❣❣❣
💋@boontuu💋💋💋💋
💋💋💋💋💋


Hawwiiniin si eegaa !

Wabii waan ofiikoo
Diimtuu afaan dammaa
Baayyen siyaadaa jiraa
Na dhungadhu ammaa
~
uuuumphaaaa kinoo
Afaan kee keessaa
Diilaallan sin dhahuu
Onnee koorra teessaa
~
Na dhuunfattee jirtaa
Guutuu qaamakoo
Walalaa damma too
Nadhii dhamakoo
~
You have no comparison
Through out the world
Because of your love
My heart is burned !
~
Without you
I don't need never
Because of that
I love you forever
~
Without you I am nothing
Like baby without mother
Wabiikoo ani simalee
I don't want another
~
Words are not enough
To express about you
You didn't know yet
How much I miss you
~
Yaadnii jaalaalaa kee
Dhaabbittii na Gogsee
Si Yaaduu Yooman Dhise
Cininnadhetuman Obse
~
Abdi Hin muruu muddamee
Obseen Dhagaa Affeelaa
Waanti hin milkoofne Hin jiru
Imaalli karaas Naaf Qajeelaa
~
Dhukkuba dhoksanii
daawwaan hin argamuu
si malee akka garaakoo
Naafiin ta'u namuu
~
Madaa onnee kootiif
furmaannisaas sumaa
laphee koo naaf qabii
yaa qulqulluu namaa
~
Whether day or night
When we play together
I miss you very much
Than I miss my mother
~
I want above all
Your soft touch
Please touch me
I need you very much
~
Umrii naaf dheeradhu
Waan ofii wabiikoo
Bayyeen sinjaalladhaa
Boojituu qalbiikoo
~
Akkan sijaalladhuu
Rabbi guddanu beekaa
Abdiin sirraa qabaa
Hawwiniin si eegaa !!
❣❣❣❣
@boontuu
@boontuu
@boontuu
💋💋💋💋


Milaakoo na hiitee !!

Rabbiin galateeffadhaa
Kan sinaaf kenne
Hin dagatiin ammoo
Isaa waliin jenne

Jechaan siif dhabaa
Kan ittin sii ibsuu
Rorroon jaalala kee
Halkaniis nan cibsuu

Akkamumaa siif ta'uu
Maalo bee na miitee
Maal natti gabbitaa
Milaakoo na hiitee

Umee sinaaf kenne
Waaqni umee walabuu
Gorooraa kee keessa
Naadhii damma warabuu

Enyutuu siin madalaa
Adunyaa tanarraa
Kinoo na boojitee
Akkam ta'u kanarra

Gubaan jaalala kee
Bayyee na dhaamasee
Wayyu sittin wakkannee
Hundaan sii badhasee
~
Ani nan rakkadhee !!

Gatii baate galtuun
Hunduu sii mil'ataa
Keessikoo dhiphatee
Akka dessu mixataa

Keessa kiyyatu jedhee
Maalif sii mil'atuu
Osumaa sin beekiin
Maalif sitti hixaatuu ??

Obsuu hin danda'u
Yoosaan nan aaraa
Namnii nan beekne
Akkamiin na nyaaraa

Xiqqa guddan martuu
Waayee ishee dubbataa
nan rakkadhee maalo
enyutu naaf hubataa
~
Tapha kee barbaadee
Qalbiin koo sii yaadata
Sagaalee kee dhabee
Onneetu sii gafataa

Dhugaa kee baree
Garaan siif mar'ataa
Argaa kee dhabee
Ijjikoo siif bir'ataa
💋💋💋💋
@boontuu
@boontuu
@boontuu
❣❣❣❣


Gubaan jaalala kee

Waayee keen himaa
isaa anaaf taatee
Caba koo okkoltee
Rifaatuu koof naatee
Na wal'aanuuf jettee
Nuffii malee kaatee
~
Osoo waliin beekiin
Rabbi walii nu kennee
Tasa osoon yaadiin
Jaalalaatti seennee
Mi'aan jaalala kee
Booji'ee keessa koo
Umrii naaf dheeradhu
Siinjaaladha leensakoo
~
Araadaa natti taateen
Halkanii guyya sifedhaa
Sagaleen keessa kootii
Kottu kottu siin jedhaa
Siifaan joora turee
Jireenyaf abdii muree
Ergaan sii argaadhee
Rakko keessako furee
~
Qodaa fayyaa miti
Cabaadha kan yaasuu
Ergaan sii qabaadhee
Maalumtuu nan raasuu
Bayyen siijaaladhaam
Hunda irra caalchisee
Dhukkuba onnee koo
Sibirattin yaalchisee
~
Maalin sii madaaluu
Sila gita hin qabduu
Akka sii jaalattun
Onnen siin dhabduu
Simalee kan biraa
Onneen yoom fedhee
Siif mallatteesseraa
Ani keetuma jedhee
~
maaluma siif ta'uu
Mee natti himadhuu
Sagaleen siif taa'aa
Ati natti iyyadhuu
Anis sittan himaa
Iyya koo birmadhuu
Rakkon kiyya keeti
Kottu narra hiraadhuu .
~
Ganamaa fi galgalaa
Yommun yaadan baduu
Maal taatee nan jedhu
Ciisee yoon siif aaduu
Homtuu nan hubaanne
Akkan ani sii yaaduu
Ana yaadaa keetuu
Mata koo na koree
Gubaa jaalala keetu
Narratti wal horee
~

Egaa suutuma suutaa
Keessa koo na miitee
Akka nama qorri dhahee
Jilbaa koo na hiitee
Maaliree furmaatni isaa
Ani siif miidhameeraa
Yakka tokkoo malee
Ani siin hidhameeraa
~
Fayyaan silaa faayaa
Nagaa fayya naa ta'ii
Rabbin siyaa gargaruu
Lafa yaadde naa gahii !!
~
Maalif boquu buusta
Nan jedhuu hiriyoonni
Yaadan tullu qarii'ee
Nan hafan biyyonni
~~~~~
Ole buluus sin ilaalaa
Ani takka sin quufuu
Ani jaalala keetiif
Abadaan hin nuuffuu
~~~~~~
To'attu qaama kooti
Lookoo mudhin migiraa
Dhugaan sii jaaladhee
Yoomuu ani siifjiraa
~~~~~~
Erga gannii darbee
Mana hin ijaaranii
Erga wal jaallanii
Garaa hin hiraanii
~~~~
Mee hangaa yoomiitti
Kophumman na moo'aa
jaalalaa keef jedhee
Siif taa'ee boo'aa ?
Natti himii kameettikoo
Lookoo mormii warqee
Danuu keessaa filatee
Durbaa qalbiin koo argee !!
~~~~
maal naaf yaaddeme
Waayee kophumma kooti
Silaas nii beekta turee
Kophan adda nama gooti
Adda ta'uu maaltu fedha
Mee atumtuu hubadhuu
Inumaa sitti tolaree
Yoon kopha gubaadhuu ??
~ ~~~~
Bareeddu lucce tiyyaa
Kottu waliin jiraanna
Rakkof gidiraa dhuftee
Walumaan hiraanna
Gadda nu mudaatef
Walumaan rifaanna
Gammachu waliimmo
Walumaan gammanna !!
~~~~~
Simaalee namnii martii
Homaa natti hin fakkatuu
Egaa malan siin jedhaa
Fageenyatti yaa hammatu
💋💋💋💋💋
❣❣❣❣❣❣
@boontuu
@boontuu
@boontuu
💋💋💋💋💋💋
❣❣❣❣❣


Oromiyaa jiituu:
Yaadnii na jeeqaa !
~
Furtuu onnee kootii
Fuutee ofbira gootee
Giiftii sanyii mootii
Jaalalaan na mootee
~
Siif jedheen jibbamee
Hiriyoota koo biraa
Jibbamuus homa miti
Anaafiis rabbin jiraa
~
Lafan taa'ee ka'uutti
Waayeekeen yaadaa
Rafeetis hin buluum
Ani sumaafin aada
~
Sagaleekee dhagahuu
Onnen siif bir'ataa
Bareechee sii uumee
Maaltu sitti hir'ataa
~
Deemsa miilaa keen
Garaan na raafaama
Halkan guyyan jedhu
Ani Sumaafin raakaama
~
Keessaa onnee kootii
Osoo bantee ilaaltee
Onnen sumaa filattee
Obsiitoo na eegii
Obseetan sii eegaa
Maafan sardamee
Yaadnii na jeeqaa
Ofduratti silaaleen
Kolfeetoo seeqaa
~
Bareedduu tiyyaa
Lookoomudhin soonsa
Sijaalaachun koo egaa
Heddu na boonsaa.

~
Ija keessaa siilaaleen
Garaa naaf laaftee
Jaalalaaf iddoo laatte
Dharra kee na baastee
~
Seenaa heddu kaastee
Garaa na balleesitee
Jaalalaa naaf laattee
Jiruu koo bareechitee
~
Wabii jireenyaa kootii
Jaalallee too jalqabaa
Kaadhimaa onnee kootii
Hiriyaa too bar-gamaa
~
Fayya na dhukkuubaa
Yoon of biraa sidhabee
Naduraa hin fagaatinii
Uumaa keen siqabee
~
Qalloo bareedduu koo
Lookoo mudhiin migiraa
Najalaa hin yaadda'inii
Ani yoomuu siifjiraa
~
Guyya sana yoomuu
Abadaan hin dagadhuu
Sichii siin wal'anameeraa
Nyaatalle hin lagadhuu
Osoo maalumtuu dhufee
Sirras hin baqadhuu
Qaaman sirraa fagaadhus
Yaadan sirraan fagaadhuu.
💋💋💋💋💋

💋💋💋💋💋💋
Share share share share share share share share share share share share share share share share share share share💋💋
@boontuu
@boontuu
@boontuu
@boontuu
💋💋💋💋💋💋💋

💋❣❣❣❣💋💋💋


WALALOO ♻ dan repost
"Koronaa vaayirasiidhaan yoo qabamte dhagna gubaa kanaan dura tasumaa argitee hin beeknetu sitti dhagahama. Qufaa yookaan mataa dhukkubbii akka isa kanaan dura si mudachaa turee sitti hin fakkaatiin. Akka waan ispoonjiidhaan funyaan kee cufameetti harganuuf baay'ee rakkatta.

Somba kee qilleensaan guutuuf yemmuu humnaan gara keessaatti hargantu qilleensa ol galchuu fi gadi baasuu dadhabda. Yemmuu kana baay'ee sodaatta. Humna guddaan qufa'uu keerraa kan ka'e dadhabbii guddaan hamma of wallaaltutti geessa. Hammuma qufaatu laphee kee, harkaawwan kee, dugda kee, quboota harkaa kee fi quboota miilla keetti dhukkubbiin asii kooti jechuu hin dandeenye sitti dhagahama.

Funyaan keetiin waan qilleensa ol galchuu hin dandeenyeef oksijiinii siif kennu. Kunimmoo ujummoowwan funyaan keetti akka waan ibiddi sitti qabsiifameetti muddama hamaa sitti dhagahamsiisa. Kanaanis hafuura baafachuu yoo dadhabde, hakiimiin biraa dhufee ujummoowwan walakka inchii dheeratu lama liqimsituu kee keessaan gara somba keetti galcha. Kun waanta 'Artificial respirator' jedhamu harganuuf kan si fayyadudha.

Haalli kun baay'ee si jibbisiisuu fi sitti ulfaachuurraa kan ka'e nyaachuu fi dhuguu hin dandeessu. Haala kana keessatti immoo kophaa kee ta'uu waan qabduuf haadha kee, abbaa kee, ijoollee kee, haadha manaa kee, obboleessa kee, obboleettii kee yookaan hiriyoota keetiin wal arguun siif hin eeyyamamu. Sababni isaas dhukkuba si ajjeesuuf jedhu kanaan akka isaan hin faalleefi.

Dhiphina kana hundumaa keessatti kophaa kee ta'uurraa kan ka'e ni sodaatta, ni boocha, si ajjeesuu akka danda'u yaadda. Isuma dhugaa immoo du'uu dandeessa. Namoota jaalattu yaadaa, nama si gaafatu tokko osuu hin argatiin hakiimota lubbuu baraaruuf olii gadi fiiganiin marfamtee hafuura kee waliin waldhaansoo qabaa boocha. Fageenya kee eeggadhu, Maskii godhadhu kan jedhamteefis yeroo sana siif gala."

Dr. Liya Tadesse, Ministeera Fayyaa Itoophiyaa
Madda: Fuula Fb Hana Adem irraa Afaan Amaariffaan kan ture gara Afaan Oromootti akkan hiiketti.


Adaraa hiriyoota koo:-
➲ Yoo dirqamtan malee manaa hin bahiinaa, yoo baatan immoo Maskii fayyadamaa, fageenya keessan eeggadhaa. Bishaanii fi saamunaa fayyadamuun harka keessan dhiqadhaa, yookaan Sanitizer fayyadamuun qulqulleeffadhaa. Harka keessan hin qulqulloofneen ija, funyaanii fi Afaan keessan tuttuquurraa of qusadhaa.

Namoota jaallattaniif qoodaa!


Oromiyaa jiituu:
Gubaa jaalalaa kee
💋. 💋. 💋. 💋
Dumeessii wal guuree
Roobee bishaan lola'ee
Gubaan jaalalaa keetii
Nakeessatti boba'ee .🔥
Akka isaan wallaalee
Amalaas na balleessaa
Kottu mee na wal'aanii
Beektukoo ni dandessaa .
~
Burqituu galanaa se'een
Bishaan booruu waraabee
Eeboon jaalalaa keetiis
Akkasumaa na waraanee .
Osoo hin gaamaariin 💘
Umrii kichuu kanaan
Jireenyii koo qajeelee
Nutii michuu taanaan
~
Beektuu duudhaaf safuu
Lookoo mormii saatawwaa
Halkanii guyyan jedhuum
Sumaa jedheen naannawa
Jaalalli kee na miidhee
Kottuu na qabbaneessi
Jabeesitu jiruu kootii
Boontuu na jabeessii
~
Waayee kee yaaduttii
Halkan yoomaan rafaa
Hirribnii koo dhabbataan
Obboroo barii lafaa 👇
Ta'uu isaa ni beektaa
Jaalalaa koo hubattee
Jajjabinaan siif hawwaa
Akka koo yoo gubattee .
~
Waayee keen himaa
isaa anaaf taatee
Caba koo okkoltee
Rifaatuu koof naatee
Na wal'aanuuf jettee
Nuffii malee kaatee
~
Osoo waliin beekiin
Rabbi walii nu kennee
Tasa osoon yaadiin
Jaalalaatti seennee
Mi'aan jaalala kee
Booji'ee keessa koo
Umrii naaf dheeradhu
Siinjaaladha leensakoo
~
Araadaa natti taateen
Halkanii guyya sifedhaa
Sagaleen keessa kootii
Kottu kottu siin jedhaa
Siifaan joora turee
Jireenyaf abdii muree
Ergaan sii argaadhee
Rakko keessako furee
~
Qodaa fayyaa miti
Cabaadha kan yaasuu
Ergaan sii qabaadhee
Maalumtuu nan raasuu
Bayyen siijaaladhaam
Hunda irra caalchisee
Dhukkuba onnee koo
Sibirattin yaalchisee
~
Maalin sii madaaluu
Sila gita hin qabduu
Akka sii jaalattun
Onnen siin dhabduu
Simalee kan biraa
Onneen yoom fedhee
Siif mallatteesseraa
Ani keetuma jedhee
~
maaluma siif ta'uu
Mee natti himadhuu
Sagaleen siif taa'aa
Ati natti iyyadhuu
Anis sittan himaa
Iyya koo birmadhuu
Rakkon kiyya keeti
Kottu narra hiraadhuu .
~
Ganamaa fi galgalaa
Yommun yaadan baduu
Maal taatee nan jedhu
Ciisee yoon siif aaduu
Homtuu nan hubaanne
Akkan ani sii yaaduu
Ana yaadaa keetuu
Mata koo na koree
Gubaa jaalala keetu
Narratti wal horee
~
Egaa suutuma suutaa
Keessa koo na miitee
Akka nama qorri dhahee
Jilbaa koo na hiitee
Maaliree furmaatni isaa
Ani siif miidhameeraa
Yakka tokkoo malee
Ani siin hidhameeraa
~
Fayyaan silaa faayaa
Nagaa fayya naa ta'ii
Rabbin siyaa gargaruu
Lafa yaadde naa gahii !!
💋💋💋💋
@boontuu
@boontuu
@boontuu
💋💋💋💋
Share and join our channel


BBC Afaan Oromoo Official dan repost
Qorichi garee qorichoota 'gilukookortiikooyid' jedhaman jalatti ramadamu kun, Itoophiyaa keessatti yeroo dheeraaf ogeeyyiin fayyaa itti fayyadamaa akka turan hima ogeessi BBC'n dubbise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/2YHgTnE


harka tokko hambisuun milkaa'ina guddaadha.
Qorichi kun namoota dhukkubni itti cimee kunuunsi addaa kennamaf jiruuf karaa idda dhiigaa kennama. Namoota dhukkubni itti hin hammaatiin jiruuf ammo bifa kininiin liqimsaatiin kennmaaf.

📌Qorichi hanga ammaa Covid-19 ittiin wallaanuudhaaf mirkanaa'eefi hayyamame remdesiviir qofaa ture. Remdesiviir qoricha farra vaayirasii Kanaan dura Iboolaa wallaanuuf gara gaaraa turedha.

📌Remdesiviir namoonni koronaavaayirasiin dhibaman mallattoon dhibee kanaa guyyaa 15 irraa gara guyyoota 11tti gadi xiqqeessa jedhameera. Haata'u malee, du'aatii akka hir'isuu ragaan cimaa ta'e hin jiru.❣❣❣


'Dexamethasone' qorichi Koronaavaayirasii lubbuu baraaruu danda'u isa jalqabaati jedhame
*****************************
Qorichi baay'ee rakasa ta'eefi salphaatti argamuu danda'u 'dexamethasone' jedhamu dhukkubsattoota Covid-19 haala yaaddessaa keessa jiran lubbuu baraaruu danda'a.

📌Lola koronaavaayirasii waliin addunyaan itti jirtu keessatti argannoon kun boqonnaa haaraadha jedhan ogeeyyiin UK.

📌Carraa du'aa dhukkubsattoota meeshaa ittiin harganan ykn veentileetarii jala jiran harka tokko sadaffaan, kanneen oksijiinii jala jiran ammoo carraa du'aa isaanii harka tokko shanaffaan xiqqeessa jedhame.

📌Qorichi kun qaama sagantaa yaalii qorichooti duraan turan koronaavaayirasiif dalaguun isaanii yaalamaa jiruuti.

📌Qorichi kun osoo akkuma weerarri vaayirasichaa mudateen hojiirra ooluu eegalee silaa UK keessatti qofa lubbuu nama 5000 baraaruun ni danda'ama ture jedhu qorattoonni.

📌Qorichichi rakasa waan ta'eef biyyoota hiyyeeyyii vaayirasichaan wal'aansoo jabaatti jiran haalaan gargaaruu danda'as jedhame.

📌Lubbuu kan baraaru
Dhukkubsattoota Covid-19 20 keessaa 19 osoo gara hospitaalaa hin deemiin wayyaa'u. Kanneen hospitaala dhaqanis irra hedduun ni wayyaa'u.

📌Kaan garuu ooksijinii ykn ammoo meeshaa ittiin harganan (ventileetarii) barbaadu. Qorichi 'dexamethasone' jedhamu kun kan daran gargaaru warra akkanaati.

📌Qorichichi rakkoo fayyaa wayita qaamni namaa wantoota vaayirasichaan lolan maddisiisu uumamuu maluu hambisa jedhame.

📌Deebiin humnaa olii qaamni namaa vaayirasicha loluuf jecha kennu 'cytokine' jedhamu lubbuu galaafachuu danda'a.

📌Yaalii ogeeyyiin yuunivarsitii Oksifoord taasisaniin, dhukkubsattoonni 2000 ol ciisanii yaalamaa jiran qoricha kana kan fudhatan, kanneen qorichicha hin fudhatiin 4000 waliin madaalamaniiru.

📌Dhukkubsattoota veentileetarii jala jiraniif carraa du'aa dhibbeentaa 40 irraa gara 28'tti, kanneen ooksijiiniin hafuura baafataniif ammoo dhibbeentaa 25 irraa gara 20 gadi buuse.

📌Dursaan qorattootaa pirofeesar Piitar Hoorbii akka jedhetti, "amma yoonaa qorichi du'a Covid-19 haalaan xiqqeessuu danda'e kana qofa."
Kuni argannoo guddaadha jedha pirofeesar Piitar.

📌Dhukkubsattoota ventileetara isaan barbaachisu 8 keessaa tokko lubbuu baraaruun akka danda'amu agarsiisa jedhan qorataan biraa pirofeesar Maartiin Laandirii.

📌"Faayidaa ifatti mul'atu qaba. Namni guyyaa 10'f qoricha kanaan yaalame paawondii 5 (birrii 200 ta'u) qofa kafala. Kuni qoricha guutuu addunyaatti argamudha."

📌Hospitaalonni yeroo barbaachisaa ta'e dhukkubsattootaaf haa kennan, namni kaan garuu ofumaa bahee bitatee manatti ittiin galuu hin qabu jedha pirofeesar Maartiin.

📌Qorichi kun namoota mallattoo sasalphaa qaban, kan rakkoo harganuu hin qabaanneef bu'aa hin qabus jedhu.

📌Qorannoon qorichoota duraan turan irratti traasifamuu kan eegale Bitootessa keessa ture.

📌Yeroos bu'aa gaarii agarsiise kan jedhan qorichi busaa haayidiroksiikiloorookiin amma dhorkamee jira.

📌Qorichi biraan abdii qaba jedhame kan remdesivir jedhamu akka dhukkubsattoonni dafanii dandamatan gargaaru ammallee faayidaarra oolaa jira.

#Xiinxala
📌Qorichi du'aatii sababa dhibee Covid-19n qaqqabuu malu hir'isu mirkanaa'e kun kan jalqabaa miti. Garuu kun horomooniirraa xiqqoo fudhataanii gatii salphaa ta'een kan hojjetamudha. Qorichi kun salphaatti kan argamuufi kan bara dheeraa turedha jedha gabaasaan fayyaa BBC Fargas Waalshi.

📌Kun oduu gammachiisaadha sababiin isas dhukkubsattoonni guutummaa addunyaarra jiran dafanii fayyadamuu danda'u.

📌Akkuma addunyaatti kun waan guddaa agarsiisu waan qabuuf qarruun bu'aa yaalii kanaa akka saffisaan itti deemamu ta'eera.

#Deksaametaazoon [Dexamethasone] bara 1960ta jalqabaarraa kaasee hoiirra oolaa jira. Qorichi kun dhibeen fayyaa gara garaa kan akka rakkoo sirna dhiigaa, gogaa, ija, somba, onneefi rakkoo fayyaa yeroo immiyuniitiin dhukkuba namarraa ittisuutti uumamuuf gargaara.

📌Dhibee asmii [asthma] wallaanuudhaaf ni gargara.
Dhukkubsatoonni Covid-19 sadarkaa ventileeteriin isaan barbaachisurr

a gahan walakkaa kan ta'an hin fayyan ture.

📌Kanaaf, qoricha kana fayyadamuun sadii keessaa


1,boonsituu haadha firaa !

Yaadaaf ilaalchii kee
Bareedina kee caalaa
Sagaleen dubbii kees
Kan dhibamee yaalee
Waayee kee hubatee
Xiqqa guddan sihawwaa
Mara keessaa filamtee
Yaadanu taatee dawwaa
~🌷🌷🌷🌷
Ganamaa siif laatee
Tooftaf ogumma guddaa
Boonsituu haadha firaa
Ogeetti namaa hundaa
Waayee kee himuuf
Jechii na hanqataa
Namnii gaariin duruu
Rabbi irraa argataa
~❣❣❣❣
Jaalalaa namaa qabdaa
Kan dhibamee yaalchiftaa
Arjumman kee addaa
Kan beelaayee nyaachiftaa
Yaadaan nama ijaartaa
Ofii keetiif dadhabdee
Fakkenyumman kee adda
Ijoolluummaa kee jalqabde
~💋💋💋💋
Kana hundaa ilaaleen
Sijaalachuf dirqamee
Osoo sitti hin himiin
Dhoksaattii dhibamee
Osoo oolee hin buliin
Yaadni koo hiramee
~💋💋💋💋
Waayee dhukkubaa koo
Lalameen turee ogeessan
Halkan kophaa koo ta'een
Waayee kee odeessaam
Keessaa koo hidditeen
Yaadaan sifaanaa jooree
Siif dhibamaa turuullee
Amma onneekoo sooree
💋💋💋
2,Jaalallee ijoolluummaa

Deemsii miilaa kee
Ajaab tarkaanfiisaa
Dachee irra marsuuf
Dinqiidha tattanfiinsa
Ijoollumma jalqabnee
Kan waliin guddannee
Hiikaa jaalala dhugaa
Amma reefuu hubanne
~💋💋💋
Rakkof gidiraa hedduu
Kan waliin dabarree
Imaala jireenyaa illee
Bayye waliin dabarree
Guyyaa San yaadatta
Naaf jettee reebamtee
Iddo malee si reebanii
Anaaf jettee dhibamtee
~💋💋💋
Sigaafachun dandenyee
Mana taa'een boo'ee
Suni martuu darbee
Situu jaalalan na moo'ee
Akka ati nabira dhuftuu
Maatiin Yoom fedhanii
Manatti olsideebisanii
Essa dhaqxaa jedhanii
~💋💋💋
Egaa barootaa hedduf
Anaaf manatti haftee
Ciisaa takkaa ka'aa
Hirriba lukku raftee
Maatiin nu dangessanii
Yaadaan wal hiraarsinee
Ta'uus abdii hin murree
Wal ilaallee obsinee
Jaalalatti waliin sennee
Iciitii keenya dhoksinee
Barri ni darbaas jenne
Rakko heddu dabarsinee
~💋💋💋
Ati amma kunii
Jaalalleen ijoollumma
Ati durii sunii
Jabeesituu kophumma
Hiree ganamaa too
To'aattuu jiruu kooti
Sinaan ifa argeem
Jiituu sanyii mootii
~💋💋💋
Garaa lafeetti namaa
Yaa birmattu rakkinaa
Gaddikoo gadda keeti
Yaa hiraattu dhiphinaa
Narra hin dheessinee
Gammachun ta'u gaddan
Yoomuu nabukke tti
Iddoo guddaa qabda
~💋💋💋
Siif jedheen dhibamee
Manatti hafun dirqamee
Waayeen kee hin dhumuu
Onnee koo irraa ibsamee
Hallayyaf gaara hin jedhuu
Yaadaan yoon sibarbaaduu
Beelaayee dheebodhe miti
Sumaaf jedhen kan aadu
Waa najala badees mitim
Ani sumaa kan yaaduu
~💋💋💋
Siinjaaladha yoomuu
Guddisa haadha firaa
Sirra jiraadhus haalala
Yaadnikoo sibiraa ....

💋💋💋💋
Yaadaaf qeeqaa akkasuma sirreeffama qabdaniif karaa @Uumpha na qunnamaa !
💋💋💋
@boontuu
@boontuu
@boontuu
@boontuu
❤💚❤ ❤💚❤💗
💋💋💋💋💋💋💋
🌹🌹🌹🌷🌷🌷🌷
❣❣❣❣❣❣❣




"Naamusa Namummaa
“Amalli abbaa dhiba, hamaan ganda dhiba.”Jetti harmeen koo!
Ilmi namaa uumama kabajamaafi beekaa sammuu isaatti dhimma
bahuun jiruufi jireenya isaa gaggeeffatudha. Uumama biraa irraa wanti
dhala namaa adda godhu immoo safuufi safeeffannaan kan jiraatuufi
naamusaan jireenya ofii kan gaggeeffatudha.
Naamusa jechuun maal jechuudha? Namni naamusa qabu hoo nama
akkamiiti? Naamusni hoo maaliin safaramaa?
Naamusni namummaa, kabaja dhalli namaa ofiif akkasumas nama
biraaf darbees uumamaafi uumaaf qabudha. Oromoon gaafa safuun hin
badin irraafi jala qaba. Ilmi abbaa safeeffata. Abbaan illee ilma isaaf
safuu qaba. Kana qofa miti lagaaf, gaaraaf, mukaaf, bineensotaaf illee
safuu laata. Kana irra darbee ilmi naamusa ilmarraa eegamu qabatee
jiraata. Gaafa guddatee abbaa manaa ta'uus ilma isaa naamusa gaariin
guddisee ofiif, firaafi aanteef, biyyaaf akkasumas addunyaaf kenna.
Dhalli kan abbaafi haadhaa qofa miti, kan biyyaa, firaafi aantee
akkasumas kan addunyaati jedha Oromoon. Kanaafuu ilmaan isaaniif
eegumsaafi kunuunsa addaa godheefi guddisa."

Kabajamtootaa fi jaalaatamtoota maatii oromiyaa jiituu yeroo boqoonnaa mana jirtan kanattii koronaa irraas of eegaa kitaabaa Coqorsa abdii jedhuu kana dubbisaa .Waa heddu irraa barattuu jedheen yaadaa.....itti dhihaadhaa


Milaakoo na hiitee !!

Rabbiin galateeffadhaa
Kan sinaaf kenne
Hin dagatiin ammoo
Isaa waliin jenne

Jechaan siif dhabaa
Kan ittin sii ibsuu
Rorroon jaalala kee
Halkaniis nan cibsuu

Akkamumaa siif ta'uu
Maalo bee na miitee
Maal natti gabbitaa
Milaakoo na hiitee

Umee sinaaf kenne
Waaqni umee walabuu
Gorooraa kee keessa
Naadhii damma warabuu

Enyutuu siin madalaa
Adunyaa tanarraa
Kinoo na boojitee
Akkam ta'u kanarra

Gubaan jaalala kee
Bayyee na dhaamasee
Wayyu sittin wakkannee
Hundaan sii badhasee
❣❣❣❣❣🌷🌷🌷🌷
Ani nan rakkadhee !!

Gatii baate galtuun
Hunduu sii mil'ataa
Keessikoo dhiphatee
Akka dessu mixataa

Keessa kiyyatu jedhee
👊Maalif sii mil'atuu
Osoo waliin beekiin
Maalif sitti hixaatuu ??

Obsuu hin danda'u
Yoosaan nan aaraa
Namnii nan beekne
Akkamiin na nyaaraa

Xiqqa guddan martuu
Waayee ishee dubbataa
nan rakkadhee maalo
enyutu naaf hubataa ??
❣❣🌷🌷🌹🌹🌹🌹🌹
Jalaalaa dhugaa miooftuu
🎗
Moo'aa adunyaa maraa
Sammuutu sii yaadata
Sagaalee kee dhabee
Onneetu sii gafataa

Dhugaa kee baree
Garaan siif mar'ataa
Argaa kee dhabee
Ijjikoo siif bir'ataa

Maalif jala baddee
Qalbituu sigafataa
Dhugaan siin jedhaa
Hundatuu sigafataa

Garbbi nama nyaata
Yoon beekne dakkii
Sii dibaabeen jireenya
Kan hin qabne wakkii

Situ fagaatee malee
Nutii sii gafaannaa
Osoo nurran faganne
Gara kee baqannaa

Maalo nuttii himii
Tessoon kee essaa
Maalif nu dhooksitaa
Tarii jannataa keessa ??

👉yoo sii qabannee
Nutiis wal amaannaa
Yoo ati hin jiraannee
Essaa sii wammannaa??

Addaa hin baastuu
hiyyeesaa fi sorressa
Osoo atiin jirannee
Jibbii nu booressaa

Wal qunaamsiisaa nama
Kan bareedaf fokkisaa
Gariin hirribaa dhoorke
Onnee keessa bokkisaa

Ni rakkatee namnii
Sidhabuun fedhuu
Essumaa jirta mee
Kanaan ani jedhuu ??

Sii barbaadan jira
Merree essa jirta
Siifuun ija hira
Maaf garaa hirta??

❣❣❣❣❣❣❣❣❣
Yaadaaf qeeqaa qabdaniif karaa @Uumpha ❣❣❣
N qunnamaa .
❣❣❣❣❣❣❣❣❣❣
@boontuu
@boontuu
@boontuu
@boontuu
❣❣❣❣❣❣❣❣❣❣


Yommuu ati jirtuu
Qilleensa gaarin fudhadha
Onnee sossobuf jedheen
Suuraa kee dhungadhaa
~
Of ful-duraa sidhabeen
Siyaadee dhugaa gooftaa
Yennaa waliin haasoofnuu
Furmaataa naaf dhooftaa
~
Jaalalli kee na dirqeen
Argaaf dhageetti araadee
Ani dhuguma koon jedhaa
Yoomaan tufee arraabee !
~
Irbuu cimaa waliin qabnaa
Kanaaf siin na feesiisaa
Yoon sidhabeellee kinoo
Kophaa na hasoofsiisa !!
~
Simboo kee argee
Maaltu ija isaa libsa
Bareediinni kan kee
Afoo lafa barii ibsaa
~
Dhaabbin qaama kee
Xiqqaalle gomjaasiisaa
Guddan silaa duraattuu
Argaa kee ofwallaalchisaa
~
Simboo qabeettikoo
Lookoo mudhiin soonsaa
Kan koo ta'uun kee
Hundarraa na boonsaa .
~
Waan ofii looshaatoo
Baareeda harki shimalaa
Dadhabbii kootiif silaa
Sumaa qofatuu malaa
~
Guyyaan naaf dukkana'a
Halkan naaf hin bari'uu
Yoo rorroon jaalalaa kee
Mana keessa na ari'uu
~
Uuuuuuuuuuuuuuuu
Iyyi iyyii na tasiisaa
Badii tokko malee
Kophaa na naasiisaa
~
Jaalalaaf safuu jedhuu
Maalaan ballesse garuu
Midhamuus homaa miti
Midhamani rakkoo taruu
~
Fayyumaa na dhukkubaa
Ciiseen kophaa aadaa
Namuus nabiran jiruu
Bar-gamaattin siyaadaa
~
Maaliiree furmaatni
Gubaa jaalalaa keetii
Yoon sidhabeellee
Onneen suma feetii
~
Yennaa atii jirtuuuu
Wabikooo uuuuuumphaa
Yennaa ati hin jirree
Dafiitoo uuuuuuuuuufffffff
~
Bayyeen sijaaladhaam
Luccee kee na booji'ee
Silaas dura na maraachee
~
Achin nu haa gessisuu
Gooftan jaalalaa kalaqee
Guyyaa San hawween
Hirribbarran dammaqee
~
Maaltu sigammachiisaa
Maalo natti himadhuu
Gaddaf gammachuu kee
Takka laman hiradhuu
~
Ano nan qooddadhaa
Iccitii keessa garaakee
Bayyeen sijaaladhaa
Nan dhoksiin adaraakee !
~
Maalumaa siif ta'u kaa
Uffata gatuutu na hafee
Jaalalaa keetif jedhees
Yooman ciisee rafee
~
Jechaan siif dhabaa
Kan keessa kee ibsuu
Wabiikoo lubbukoo
yaadniikee nan cibsuu !!
~
Tapha kee baradhee
Sumaa waliin ooluu
Yoo nabira deemtee
Anaan nattin toluu .
~
Araadaa natti taatee
Na hamoommachiisaa
Yogguu najalaa raftuu
Si na hammachisaa
~
Wabikoo waanofikoo
Siqofattin ijakoo libsaa
Bareedinnii kee silaa
Halkan walakka ibsaa !
~

Yaadaaf qeeqaa qabdaniif
Karaa @Uuuuuuupha na qunnamaa.Yaadni keessan na jabeessa.Walaloon jaalalaa.Walaloon abdiidha.Walaloon jireenyaa.Walaloon dammaqsituu dadhabbiitii .Walaloon sooraa sammuutii.Walaloon ibsituu jiruuf jireenyati.Walaloon gumaata jaalalaatii !!
❣❣❣❣❣❣❣❣

Yaadaaf qeeqaa qabdaniif
Karaa @Wabiibot na qunnamaa .Yaadni keessan najajjabeessaa !!
❣❣❣❣❣❣❣❣
@boontuu
🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@boontuu
🌷🌷🌷🌷🌷🌷
@boontuu
❣❣❣❣❣❣
@boontuu
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹


@Uuuuuuupha:
Without you I am nothing !

❣❣❣❣❣❣❣❣❣❣

If you leave me
I feel with tension
Just like Internet
Without connection.
~
I can't sleep my love
Always During night
Because of ur love
I start dream fight
~
Having you is just
Like baby with mother
Due to the fact that
I don't want another !
~
I can't forget you
Through out my life
I love you very much
My respectable wife.
~
Already i cheeked my self
With out you I am nothing
When you going from me
I feel with something .
~
Your iye is reflect
Just like a knife
I respect you
My sweet wife
~
I Love you Wabiikoo
Dhugaa dhuma Rabbi
Jaalalaan na mootee
Nafuuteekaa qalbii

~
I love both of
Eagles and birds
But I miss you
Among all girls
~
I love you more
Than my mother
My life is brilliant
With you together
I keep you safe
I don't want another .
~
Still you are baby
Not reached old
You are strong
Greater than Gold
Above all things
I love your conduct
Except your love
I don't have any contact
~
Not only my chocolate
You are also my honey
Love is gift of the God
Rather > earning Money
~
I preferred you
Among all girls
Your eye blow
Just like birds

❣❣❣❣❣❣❣❣
@boontuu
@boontuu
@boontuu
@boontuu




Qalloo mudhiin soonsaa !
~🌹
Bareeda lookoo tiyyaa
Kuullee rifeensii foo'aa
Karaan na dangeesseen
Sidhabee taa'ee boo'aa .
Yennaa ati hin jirree
Guyyaan naaf halkanii
Koottuu na qaqqabiii
Narra deemii harkanii
~🌹
Morma kee jala seeneen
Guntutaa kee qaqqabaa
Miiraa keessaa galeen
Sumaa jedhee gaggabaa
Gola onnee kootii
Gati malee bittee
Keessoo qaama kootii
Eyyamaa malee lixxe .
~🌹
Maal natti gaabbitaa
Waa maraan na mootee
Kophaa koon haasa'aa
Maraatuu na gootee
Edaa jaalalli akkasii
Ani hin beekuun turee
Leenjiin sirraa fudhee
Oolee ka'ee bulee.
~🌹
Keennaatoo ganamaa
Qalloo mudhiin soonsaa
Gaabbii tokko hin qabuu
Sijaalachuun na boonsaa
Umrii naaf dheeradhuu
Ebboifamtuu namaa
Bayyeen si jaaladhaa
Hangaa ijakoo lamaa
~🌹
Carraa qabeettikoo
Gaariin sindarbiinii
Simboo qabeettikoo
Hamtuun sin arginii .
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
Share and join 👇
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@boontuu
@boontuu
@boontuu
@boontuu



20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

324

obunachilar
Kanal statistikasi