Indiyaa bilisaa Maahtamaa Gaandii!
~~~~
Bara biyyi Indiyaa bittaa warra Ingilizii jala turteetti, Maathamaan Gaandii, lammii biyya Indii kan ta'e, maqaa haalli yeroo sanaa akka waamuuf isa dirqisiisuun osoo hintaane, maqaa isa sammuu keessaan Indiyaa waamaa ture. Indiyaa bittaa jala jirtuun Maahtamaan, "Indiyaa Of Dandeessuu!" jedhee waama. Indiyaa bittaa jalaa jirtu kanaan mee maaltu akka haala kanaan waamu godhe? Kun gaaffii hinqabu! Indiyaa bilisoomtuu sammuusaa keessaa waamaa jira. Biyyi Inglizii lafaafi qaama nama biyya Indii qabatte malee, sammuu nama biyya kanaa hinqabanne. Kana immoo hunda miti kan hubate. Muraasa gochaafi jechaan kana lallaban keessaa tokko Maahtamaa Gaandiiti. Bilisummaan inni waamaa jiru kun qabatamaan dirree Indiyaa irra jiraachuu baatullee, sammuu nama kanaa keessa fuuldurri Indiyaa ture.
Waan argaa jiru kana gara dhugaatti fiduuf, imaala isaa kanaaf qajeele. Kan baay'ee nama ajaa'ibu, namoonni hedduun, "Wanti gochaa jirtu gonkumaa waan ta'uu hindandeenyedha. Indiyaa of dandeessee dhaabatte osoo hin taane, Indiyaa bittaa jalaa qofaa argaa jirra. Namni kun sammuutu darbe ta'a," jechaa turani. Haamileen nama sana jabaa waan tureef, kanaan hindhaabamne. Qabsoon isaa hanga aarsaa lubbuutti waan isa gaafateefis hinmararsiifanne. Aarsaa lubbuu isaa!
Namni fuuldura isaatti waan mil'anne, kan addunyaa sammuu isaa keessaatti waan haaraa tokko hinargine, nama biraarraa adda of baasee imaala akkanaa deemuun ni ulfaata. Waa malee waa hinhimani! Seenaa nama kanaarraa maaltu baratama? Maalis irraa barte? Wanta ati agartuu yaadakeen argaa jirtu siifiifi sii qofaatti argama jira ta'uu mala. Namootaaf waan haaraa waan ta'eef, sitti qoosisuurra darbee hanga arii'atamuufi aarsaa lubbuu si gaafachiisuutti deemsisuu danda'a. Isa kanaaf deebiinkee akka namoonni sirraa barbaadanitti osoo hintaane, akka mul'annikee galma gahuu danda'utti ta'uu qaba. Walii galle!
Maahtamoota bara keenyaa yaadachaa, dilbata gaarii!
©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
~~~~
@Orobook