Waloo Mootii (Gooticha Dirree kokor)


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Nan beeka
✓akkan dhugaaf lubbuu koo kennu fi
✓akkan warra dhugaaf lubbuu isaanii kennan immoo faarsu.

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri










Oromia Libration Front(OLF) dan repost
Jajjabee_Oromiyyaa
@OLFOLF
@OLFOLF
@OLFOLF




Obsaaf malee....
@motitakele


Jette jaartiin

maal taate ilma koo
maal taate yaa gurbaa
kan koo quufuu diddee
hootaa harma durbaa?

dhiisi yaa ilma koo
maalumaaf na diddaa
innoo homaan qabuu
mee hootee maal fiddaa?
@motitakele


waa'ee keen araadaa
ol ka'ee gad ciisee
siif jedheen godaanee
maatiif fira koo dhiisee

siif jedheetan cabeeraa
kunoo caba lafee
si eeguudhaaf jecha
karaa dhaabbeen hafee

Join
@motitakele
@motitakela


Gandummaa

Gandummaan facaanee
Hin taanu ulee hokkoo
Walirraa fagaannus
Hiddi keenya tokkoo

Jireenyi hardh'aa kun
Osoon ta'iin burree
Oromoon bahaaf lixaa
Waliin bulaa turree

Elaamee yaa lammii
Elaamee yaa tiruu
Oromoon hortee tokkoo
Qomoon addaa hin jiruu

Atimee yaa isa:-

Gandummaan bokoktee
Fakkattu quufaa raachaa
Kan hiyyeessa beelisitu
Ofii murtee nyaachaa

Isa dhugaa sobaan faaltee
Lammii addaan baastee
Kun boorana kun wallaggaa
Jechuun nu facaastee

Inni kuni shawwaa inni kun inni kuni baalee
Inni kun harargee inni kun salaalee

Yaa isa jechuun qooddee
Haadhoo addaan baastuu
Isa jaalala faaltee
Gandummaa facaastuu

Isa haadhoo gidduu
Keesse ibiddaaf kiyyoo
Ani siifan boo'ee
Dhuma keetiif wayyoo.

@motitakele
@motitakele
@motitakele
@motitakele join godhaa yaada keessaniif karaa @Tokkicho naaf qoodaa.


Jaal marroo

ilma ciniinsuun dhalate
ilma gootaaf hayyuu
cabaan saba keetii
harka keen kan fayyuu

leenca bosonaa bookkisu
gadheen saree seetii
jabaa koo jabaadhuu
Injifannoon keetii

ilmaan hedduu hortee
oromiyyaa keessaa
si abdiin oromoo
goota koo dhageessaa.

@motitakele
@motitakele
@motitakele join godhaa


Qomcoota garaa raachaa
Maaltu dubbiif maraachaa?
Qomcoota garaa raatuu
Si beekna nuun taatuu
Qomcoota garaa gaanii
Sinirra haa buufatu dhagaanii.

@motitakele join godhaa


Finfinnee❤️

Qe'ee Tufaa Munaa
Qe'ee Abeebee Tufaa
Ilmi ciniinsuun dhalate
Amma burraaqee siif dhufaa

@motitakele
@motitakele join godhaa


Galaa jal'inaa baatee
Kan oofu bidiruu
Lammiin lammiisaaf malee
Kan nuuf iyyu'n jiruu

Foon lakkaayi jennaan
Rajiijii tokko jedhee
Oromoon koo tokkoo
Haa odeessu abbaan fedhee

Gandummaan facaanee
Hin taanu buraan burree
Yeroo cinqiif gidiraa
Waliin falmachaa turree

@motitakele
@motitakele
@motitakele join gochuun hordofaa.


Sin eebbisa

Nan dubbadha yaa sabaa
Nan hafiin garaattii
Deemsa kee eegaltee
Hin hafiin karaattii

Booreef xiiqiin kaatee
Mogoleen cabiinii
Nagaa fi gammachuu
Mana keetiin dhabiinii

Eebba kee ati nyaadhu
Halagaan sooriinii
Guutii irraa hafi
Dhabdee hin jooriinii

Ameen jedhaa takkaa link armaan gadii join godhaa
@motitakele
@motitakele
@motitakele
Yaada yoo qabaattan karaa @Tokkicho na quunamaa.


Guca Dhalootaa
✍️KUTAA 1ffaa
❤️ABIISHEE GARBAA❤️

Goota baddaa horroo
Goota kokor keessaa
Seenaa kee facaaseen
Addunyaaf odeessaa

Akkam dacheen ormaa
Dandeessee si baattee
Eessa jirti laataa
Fardoonni si nyaattee

Erga horroo baatee
Hin deebine biyyaa
Ilmaan keetu kunoo
Hirqinfatee iyyaa

Lammiitu lammii qabee
Alagaaf dabarsee
Erga gaafa baatee
Yeeyyiitu nu marsee

Allaadduu bishaan keessaa
Qilleensatu raasee
Gadhee gedhee malee
Maaltu maqaa kaasee

Lubbuun gootaa darbus
Seenaatu dhalootaf darbaa
Goota nafxanyootaa
Abiishee ilma Garbaa......

Kutaa 2ffaa
Taaddesaa Birruun walitti deebina galatooma.
@motitakele
@motitakele
@motitakele

Yaada keessaniif karaa @Tokkicho naan gahaa.
Galatoomaa


Galma siif hin gahu

Tokko dhagaa keessa rafee
Tokko manaa bookkisaa
Tokko hagabuu bulee
Tokko quufee hooqqisaa

Tokko bishaan dhabee iyyaa
Tokkommoo biiraa quufee
osoo hunkuruu biyya

Dhugaaf bosonatti galee
osoo reeffisaa bahuu
Jijjiiramni yaadame kuni
galma siniif hin gahu.

Walaloo bareedduu argachuuf link armaan gadii join godhaa.
@marroomararaa
@marroomararaa
@marroomararaa


Hammam hammaatullee ABO'n dhugaa isaaf duguugamee dhuma malee dhugaa isaa fi dhugaa uumata isaa gad hin lakkisu.
@marroomararaa
@marroomararaa
@marroomararaa


Jechoota Dinqisiisoo Gooticha Jaal Marroo Kumsaa:-
1) Ani WBO'n waanin godhu beeka ati qeerroon waan gootu beeki waan goonummoo waliin taanee ta'uu qaba.
2) Kutaaf lagaan wal hirta taanaan dhuguma ati qeerroo osoo hin taane akkuma siin jedhaniyyuu kashalabbeedha.
3) Qeerroon tokko qofaadha innis Qeerroo Bilisummaa Oromooti (QBO)
4) Yoo ati bilisummaa hin barbaadu ta'eyyuu ani immoo bosona Oromiyyaa mana koo naaf ta'ee fi bineensa daggalaa soorata naaf ta'en bilisoomsa kanaaf nan danqiin.
5) Mukti Oromomiyyaa daandii cufuun waan diina keenya nurraa dhorkeef bilisoomuu qaba.........

@marroomararaa
@marroomararaa
@marroomararaa


Dhugaaf Aduun Osoon Bahiin Hin Hafani

@marroomararaa

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

331

obunachilar
Kanal statistikasi