KENNAA dan repost
NABIYYU ARRAHMAA
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
Bisimillaahi maqaa Rabbiitiin eegala.
Jaalala Sahaabaan Rasuulaaf qaban.
#KUTAA_1FFAA
✍by Abdulaziz Ahmeddiin
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
Dubbisii share hiriyyaa kee/tee tiif qoodi
Gaafa Ergamaan Rabbii (Nagaa fi Rahmanni Rabbii isaanirra haa jiraatuu) Makkatti lafaa ka’ee da’waa godhe.
✅Islaamummaatti koottaa, haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha malee hin jiru, wanni biraa Rabbi wajjiin waammachuun shirkiidha. Jechuun Qureeyshiitti lallaba. #Abu_Jahal kan jedhamuu fi Firo'oownaa ummata kanaa kan jedhame dhufee aariidhaan ergamaa Rabbii (s a w) duubaan qabee carqiidhaan morma isaanii hudha.
#ABUBAKRI_ASSIDDIIQ Dhufee Abujahal ergamaa akka gad dhiisuuf jedhee darbatee lafatti kuffisee akkana jedhe
"Muhammed (s a w) ajjeeftuu?, waan rahima maxxanfadhaa jedheef, waan Rabbii tokkicha gabaabaa jedheef, waan namni wal qixa jedheef??"
Waaqeefattoonni Makkaa wal guurratanii dhufanii ergamaa Rabbii (s a w) dhiisanii Abubakri reebuu jalqaban.
✅Hanga if wallaalee lafa dhahutti. Kaabineen biyya Makkaa kan Utbaa binu Rahii’aa je’amuun beekkamu tumee aara bahuu dadhabnaan kophee Isaatiin fuula Abu Bakrii irra dhaabbatee lafatti tumuun waan biraatti deebise. Hanga dhiiga Isarraa yaa’uuf funyaanii fii waan biraa addaan wallaalan gahe. Gosti Abuu Bakrii dhufanii kan gaggabe fuudhanii manatti galchatan. Yoo Abuu Bakri du’e akka Utbaa ajjeesan dhaaddatanii beeysisa baasan. Abuu Bakri guyyaa guutuu if wallaalee humaa hin dubbatu. Halkan hoggaa dhiyaate xiqqo beeyfatee dubbachuu jalqabe.
Maaluma dura dubbate sitti fakkaata?
✅“Rasuulli Rabbii s.a.w nagaya qabaa?, Rasuulli s.a.w maalirra jira?” jechuun haasawa isaa jalqabe. Kan Inni tumameef, cafaqameef Amantii Rasuulaa s.a.w qeebaluu fii itti nama yaamuudha. Eega balaan guddoon akkasii Isa qunnamte booda gaafiin inni gaafate gosa Isaa tan du’a Isaa eegaa jirtu waan dallansiiseef dhiisanii biraa kutan. Haadhaan waan dandeeysu gargaari, kuni nama faayidaa qabuu miti je’anii biraa dabran.
Abu Bakri haadhaan maal jedhe sitti fakkaata?
✅“Rasuulli s.a.w maalirra jira, nageenyi Isaa?” jechuun gaafate. Haati isaa akka hin beyne itti himte. Abu Bakri “yoon Rasuula s.a.w hin agarre nyaata takka afaaniin akkan hin tuyne Rabbii kiyyaan kakadha” jechuun haadhatti hime. Haati maal akka gootu wallaalte teeysi. Haati Isaa Ummul Kheeyr mala wallaate osoo teeysu, Abu Bakr mala yaada Isaa ittiin guuttatu himeef. “Ummu Jamiil bintul Khaxxaab bira dhaqii waa’ee Rasuulaa s.a.w naaf gaafadhu.” Jechuun haadha Isaatti himate!!
Maaltu itti aana laata???????👇👇👇👇👇
#Kutaan_2ffaan_itti_fufa
Join 👉@Kennaapost
T.me/Kennaapost