Abdulaziz Teha


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


“Kaffaltiin Addunyaa Kan Aahkiraa Irra Akkaan laaftudha.”

Bara Bulchiinsa Usmaan Binu Affaan Keessatti.
Guyyaa tokko gabri isaa tokko waa balleessee jennaan, gurra isaa miccire. Booda garuu, gabricha isaa yaameeni akka irraa kafalatuuf gurra jala qabe. Gabrichis bulchaa ta’uu isaa osoo beekuu qaanfataa, jechuma isaa guutuf xinnoma ishee miccire. Yeroo kana Usmaan haqa akka hin guutin baree, deebisee akka sirritti isa micciru isa ajajeen booda “kaffaltiin addunyaa kan aahkiraa irra akkaan laaftudha.” jedhe.


Islaamummaan Akka Namni Karaa Gaariin Wajji Jiraatuu Ajaja.

Abbaan zarrii {RA} Nabiin{SAW} akkana jedhan jedhe "Eessalee jiraattu Rabbi sodaadhu, hamtuu toltuudhaan hordofsiisi isii sirraa hayxii, haala gaariin namaan wajji tahi."

Barnoota hadiisa kanarra argannu
1=Sodaa Rabbii jechuun ajaja isaa rawwachuudhaan waan inni dhoowwerraa dhoowwamuudha.
2=Haalaa amalli gaariin barbaachisaadha. Kana jechuun kanneen akka obsaa, namatti toluu, dhugaa qabachuu fii kkf.
3=Rabbiin rahmata isaatiin yoo toltuu hojjatan hamtuu namarraa haqee dhiifama namaa godha.


Nabiyyiin {Sallaallahu Aleyhi Wassallam} akkana jedhan., "Dhimmi mu'iminaa hundii nama dinqisiisa. Dhimmi isaa hundi isaaf gaarii dha. Kana mu'imina malee namni tokkolleen hin qabu. Yoo gammachuun wahii isa qunname, galata galcha. Waan gaarii isaaf ta'a. Yoo rakkoon wahii isa qunname, ni obsa. Kunis waan gaarii isaaf ta'a."

"Rabbiin warra haala fedhe keessattu isaa galatoomfatuf, waa mara keessatti Obsa {Sabrii} qabaatu irraa nuhaa godhu."🙏


Daarul-Arqam
Yeroo Jalqabaatif {Duraatif} wiirtuu mana barnoota ol’aanaa addunyaa keessatti dhaabbateedha. Barsiisan dhaabbata kanaa barsiisa tures barsiisa hunda caalu Ergamaa Rabbiiti (SAW). Barattoonni immoo sahaabota isaati. Kitaabni irraa baratan immoo Qur’aana Rabbii olta’aa irraa dhufeedha. Barnoonni guyyaa guyyaan baratan immoo waa’ee amantii, haala jireenya, tawhiida, akhlaaqa fi kkf dha. Barattoonni mana barnoota kanaa yoo bayan yoosu wanta baratan hojii irra oolchu. Kanarraa kan ka’e xumura irratti, hoggantoota ummata hoogganan, dukkana keessaa namoota gara ifaatti baasanii fi amala gaariin kan faayaman ta’an. Kanaafu, "Daarul Arqam" dhaabbata barnoota yeroo jalqabaaf hundeefamee fi yeroo hundaa dhaabbata barnoota kamuu caaludha (best educational institution for all time) yoo jedhame nama hin saalfachiisu.!

Dhaabbanni barnoota dhagaa manni irraa ijaarramuun kan madaallamu osoo hin ta’in qulqullinna barnootaa inni kennuu fi barattoota achii keessaa bahaniin. Manni dhaabbata barnota hanga fedhe bareedee garuu qulqull hanga fedhe xiqqaa yoo ta’e ykn kan hin bareenne yoo ta’e, garuu qulqullinni barnoota gaarii yoo ta’ee fi barattoonni achi bahan ciccimoo yoo ta’an, kuni dhaabbata barnoota garmalee gaarii ta’eedha. Kanaafu, Daarul Arqam dhaabbata barnoota yeroo hundaa dhaabbata kamu caaludha.

Sababni isaas, barsiisan achi keessa ture barsiisaa kamiyyuu kan caaludha. Innis Nabiyyiidha (SAW). Barattoonni achi bahanis seenaa dhalli namaa kamu hin hojjanne hojjatanii kan darbanidha.

Caalatti seenaawwan adda addaa argachuufi dubbisuufi Chaanaalii kana JOIN godhi hiriyoottan keefi "share forward" godhi!


Rassuul [Sallaallahu Aleyhi Wassallam] akkana jedhan, "Rakkinaa fi dhukkuba, yaaddoo fi gadda, akkasumas dararaa fi dhiphinna irraa wanti tokkollee yoo Muslima tuqe,odoo qoreen waraanamus taatee, Rabbiin sababaa sanaan badii isaa irraa haqu malee hin hafu."


Ergamaan Rahmata Nabi Muhammad [Sallaallahu Aleyhi Wasallam] ni jedhan: Addunyaan hundi isheetuu meeshaa ittiin qanani’anuudha. irra caalaan waan addunyaa irraa ittiin qanani’anuu immoo dubartii gaariidha!

Ammasi ni jedhan: dubartii ishee baay’ee nama jaalattuufi baay’ee deessu fuudhaa. Ani Guyyaa Qiyaamaa isiniinin nabiyyoota biraa irra ummata baay’ifadha!!

RABBIIN Dhiirota keenyafi dubartoota keenya ka bulti hin ijaarranne Bulti bareedduu nutti haa jiraaru🙏
RABBIIN Kani bulti ijaarratani jiranif immoo bultii jaraa keessa baraka haa ka'u Ilmaan gaggaarii haa kennufi🙏


Jaalattus jibbitus beektus beeku baatus qabaatus dhabdus yaadadhu haali hamma keessa jirtu kun ni dabarti, ati garuu haala fedhe keessattu RABBII kee galateeffadhu!


Guyyaa Qiyaama Yaadadhu Yaa Ilma Nama Addunyaan ati har'a irraa jirtu boru ni jijjiraama

Addunyaan har'aan tana nuti irraa jirruu boru ni jijjiramti irraa badaan salphoon namaa addunyaa kana irraatti akka waan hafe ykn darbee aahkira hin deemne waan badaafi hama qofa dalaga hojjeta jira.

Namtichi guyyaa qiyaama yaadatu dhala namaa irraa waan hama hin yaadu hin hojjetu. Sababni isaasi boriitu aahkirti akka hojii isaa mara irraa gaafatamu waan beekufi har'a dalaga isaa keessatti RABBIIN sodaata waan hamtuu hin hojjetu hin yaadu

Namtichi irraa badaafi salphoon garuu addunyaa kana bakka jireenyaa godhate aangoofi qabeenya beekumsa qabutti fayyadame guyyaa halkan sa'aa qabu hunda keessatti dhala nama miskiina irraa roorrisa jiraata. Sababni isaas boru aahkira akka hojii isaa mara irraa gaafatamu waan hin yaadanneefi beekneefi gaaffii borii dagate waan hama dalaga hojjeta yaada jirata.

Hin dagatin= Addunyaan nutiin kuni har'aa keessa jiru bakka hojii ta'u. Bakki galata ammoo aahkira ta'u!

Yoo addunyaan kuni bakka bakka hojii ta'uun ishee siif galte. Hojii badoo hamtuufi salphoo irraa ofi eeggadhu. Yoo gaarii hojjechuu dalaguu dadhabde dhala namaa kamu irratti waan hamtuu badduu hin yaadini!

RABBIIN warraa addunyaa irratti waan gaggaarii hojjete aahkiratti ammoo gammadu irraa nuhaa godhu🙏


Toltuu Waliif Dhaamuu

Amantiin islaamaa toltuu waliif dhaabuu fii akkasuma toltuu waliif yaadutti nu ajajji.
Hanga dandeesse obboleessa ykn obboleeytii keetiif toltuu yaadi.

Rabbiin warra toltuu waliif dhaamu toltuu waliif yaadu toltutti wal ajaju toltuu irratti wal gargaaru toltuu waliif hawwu toltutti wal Kakaasu irraa nuhaa godhu👏
Rabbiin warra toltuu waliif yaadee milkaa'uu irraa nu haa taasisu👏
@Ibnuteha


Haqa Muslimaa Qofa Otuun Taane Haqa Obboleeyyan Keenya Amanti Biroo illee Eeguu Islaamummaan Nubarsiiste.

Seenaa Garaa Nama Nyaatu.Akkan Qalbii Nama Boojitu,

Abu Dujana sahaabaan jedhamu yeeroo hundaa salaata Subii Nabi Mohaammad Sallaallahu Aleyhi Wassallam boodaan dhaabbatee salaata ture. Garuu yeeroo hundaa akkuma Rasuulli Sallaallahu Aleyhi Wassallam Salaamata baafataniin fiigaa baha. Xiqqoos hin taa'u.

Gaaf tokko akkuma Rasuulli Sallaallahu Aleyhi Wassallam salaata geessanniin akkuma barate isaa fiigee bahu rasuulli Sallaallahu Aleyhi Wassallam arganii "Abu Dujanaa dhaabbadhu" erga jedhaniiniin booda "Maal ati Rabbiin hin barbaaddu moo maaliif yeeroo hundaa akkuma salaanni geeffameen osoo rabbiin hin kadhanne fiigaa kan baatuuf" jedhanii gaafatan.

Sahaabaan kun yoo deebisu "Yaa ergamaa Rabbii Sallaallahu Aleyhi Wassallam ani rabbiin waahundaa oli barbaada, garuu yeeroo hunda kan fiigaa bahuuf Damee muka Temiraa kan Kiristaanota ollaa kiyyaattu mooraa kiyya keessa jira. Dameen kun firii temiraa baayyee ofirraa qaba waan taheef firii halkan mooraa kiyya keessatti jige kana hatattamaan galee guuree ollaa kiristaanaa kiyyaaf deebisu malee ijoolleen koo kaatee nyaatti jedhee waan cinqamuuf akkasitti fiiga yaa Rasuula Rabbii Sallaallahu Aleyhi Wassallam jedheen. Itti dabaluun sahaabaan kun "Guyyaa tokko osoo ani hin argin daa'imni koo tokko haqa ollaa kirstaanaa kiyya kana nyaatee osoo inni liqimsuuf jedhu kokkee hudhee akka inni hin liqimsine godhee keessaa baase. Daa'imni booyee jennaan daa'ima koo ani abbaa daa'ima hattuu jedhamee fuula Rabbii dhaabachuu hin fedhuuf akkas godhe jedheen" jedhee Rasuulatti Sallaallahu Aleyhi Wassallam himan. Rasuullis baayyee gaddanii du'aa'ii godhaniif.

Namni dhugaan Rabbii isaatii gaafa bule akkana. Aniif ati maal keessa akka jirru of ilaaluu qabna. Haqa Musliimaa qofa osoo hin taane haqa amantaa biroo eeguus Islaamummatu nu barsiise.
@Ibnuteha


Ibnu Abbaas Akka Odeessanitti Rassuul [SAW] Akkana Jedhan, "Yaa Namootaa! Tasgabbaayaa. Toltuun Jarjaraan Hin Argamu."


Ati gammaduus gaddituus jiruun kun ittuma fufti hanga jirtu gammachuun jiraadhu!


Ergamaan Rabbii [S. A. W] Akkana Jedhan : " Fakkeenyi Hiriyaa Gaarii Fi Hiriyaa Badaa [Hamaa] Akka Nama Urgooftuu [Shittoo] Baatuutii Fi Isa [Tumtuu Sibiilaa Kan] Buufaa Afuufuuti. Abbaan Shittoo Takkaa Tola Siif Keenna; Takkaa Irraa Bitatta; Takkaa Immoo Hafuura Gaarii Isa Irraa Argatta. Isa Buufaan Ibidda Buufu Yoo Ta'e Garuu Takkaa Uffata Kee Guba; Takkaa Immoo Hafuura Fokkotaa Isa Irraa Argatta."


Jaarsi umriin isaa waggaa 75 tokko dhukkubsatee gara mana yaalaa deeme. sa'aatii 24 erga oksijinii fudhatee booda, manni yaalaa doolaara 500 isa gaafatan. jaarsi kun garmalee gaddee booye. ogeessi yaalaa waan kafalu dhabe waan isatti fakkaateef "maaliif boocha? Waan kafaltu hin qabduu?" Jedhee isa gaafate.

Jaarsi kunis deebisee "lakki yoo barbaadde hangan gaafatame caalaa kafaluun dandaha. garuu kan na boochise, waggaa 75 guutuu qilleensa tolaan itti fayyadamaa turetuu sa'aatii 24 keessatti doolaara 500 na gaafachuu keeti.
Osoo Rabbiin qilleensan ani somba kiyyatti fudhadhu hundaaf na kafalchiisa tahee, waggaa 75 guutuu maalin kafala ture" je'e.

Wanni Uumaan tolaan nuuf kenne gurguddaan hedduudha. Gatii isaa immoo gaafa dhabne hubanna. Guyyaa arraati fi fayyaan amma qabnu tun kennaa gurguddoodha, haa itti fayyadamnuu !


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish


Jaalala Rabbii fi Ergamaa Isaa.
✪✪✪✪✪♥✪✪✪✪✪♥✪✪✪✪✪
Jaalalli Rabbiif Ergamaa isaa. Jaalalli hundarra olaanaa,
kabajamaa fi burqaa gammachuu tae jaalala Rabbiiti. Imaam ibn Al- Qayyiim akkana jedha: “

Jaalalli nama fayyadu gosa sadiitu jira. Isaaniis:
(a)Rabbiin jaallachuu, (b) Rabbiif jedhanii jaallachuu,
(c)Rabbiif ajajamu (xaaa) irratti wanta nama gargaaru fi Isa faallessu irraa wanta nama fageessu jaallachuudha.

Akkasumas, jaalalli nama miidhu gosa sadii. Isaanis:
(a)Rabbiin waliin waa jaallachuu, (b)wanta Rabbiin jibbu jaallachuu, (c)wanta jaalala isaa Rabbiin irraa kutu yookiin hirisu jaallachu.(Kana jechuun Rabbiin
jaallachu irraa wanta duubatti isa harkisu jaallachu.) Kunniin
gosoota jaha jaalalli uumamtoota irra naannauudha.

Rabbiin jaallachuun hundee jaalala hundaati, hundee imaanatii fi tawhiidaati. Gosoonni lamaan hafan jaalala kana hordofu.

Rabbiin waliin waa jaallachuun immoo hundee shirkiiti, jaalala balaalefatamudha. Jaalalli nama miidhan hafan kana hordofu.”

Kanaafi Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedha:
“Namni wantoonni sadii keessa jiran, miaa imaana argate. Isaanis:
1.Rabbii fi Ergamaan Isaa wantoota isaan lamaaniin ala jiran caalaa isa biratti jaallatamoo tauu.(kana jeechuun wanta hundaa caalchisee Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachu).
2.Nama tokko ni jaallata. Kan inni jaallatus Rabbiif jedhe malee homaafu hin jaallatu.
3.Kufritti deebiuu jibbuu akkuma ibiddatti darbamuu jibbu.”

Hadiisa kana ilaalchise imaam ibn Al-Qayyiim akkana jedha: “Gabrichi miaa imaanaa argachuu hin dandau wanta hundaa caalchise Rabbiin yoo jaallate malee. Jaalalli Ergamaa Isaa jaalala Isaatirraayyi. Nama tokko jaallachuun Rabbiif yoo tae suni jaalala Rabbii irraayyi. Yoo wanta biraatif isa jaallate jaallalli suni hiruudha,
dadhabaadha.

Jaalalli kuni kan dhugoomfamu kufrii jaalalloo (Rabbii) isaa biratti garmalee jibbamaa tae akka ibiddatti darbamuutti yoo jibbeedha. Jaalala hunda caalaa jaalalli kuni guddaa akka tae shakkii hin qabu .Dhugumatti namni [yeroo baayee] lubbuu fi jireenya ofii caalchise wanta tokkoof dursa hin kennu. Jaalala Rabbitti amanuu (iimaana) lubbuu ofii caalchise dursa yoo kenneef, kufrii fi ibiddatti darbamuu osoo filannoon kennameefi, ibiddatti darbamu filata, gonkumaa hin kafaru; lubbuu isaa caalaa Rabbiin isa biratti jaallatamaa waan taeef.
Jaalala akkanaatiif fakkaatan hin jiru... Jaalalli kuni jaalala lubbuu, qabeenya fi ilma ofii caalchisanii Rabbiin dursa itti jaallataniidha. Jaalalli kuni guutumaan guututti Rabbiif gadi jechuu, salphachuu, Rabbiin kabajuu, Isaaf ajajamuu fi alaa keessan Isaaf masakamuu of keessatti qabata.”

Namni wanta tokko yoo jaallate bayisee yaadata. Namni yommuu Rabbiin jaallatu yeroo hundaa qalbiin ni yaadata, arraaban immoo Isa faarsa. Yommuu Rabbiin jaallattu keessi kee tasgabbii fi nageenya horata, boqonna sammuu argatta. Jannata keessa akka waan jiraachaa jirtu sitti fakkaata. Sababni isaas,yommuu Rabbiin jaallattu, sodaan, gaddi, dhiphinni fi kkf sirraa kaa. Rabbiin jaallachuuf karaan salphaan Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuudha.
Rabbiin (subhaanahu wa taaala) akkana jedha:
ُ ُُ ُ ﴿قلۡ ۡإتُو ي غ ِبُون َّتَيُ بَّكُِب كُِنۡكنتُم ۡ ۡۡ ۡٱ ۡۡفۡٱبِعُونمُُفِر م ِۡ ۡۡ ۡٱۡۡۡ ۡلۡۡ ۡ
ُ ذنُوب كُم َّغفُ ۡ ۡٱو ُۡۡۡور ۡ ۡرَحِيم ۡ ١٣﴾
“[Yaa Muhammad], ‘Yoo kan Rabbiin jaallattan taatan, ana hordofaa;Rabbiin isin jaallataati. Badii keessanis isiniif araarama. Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha.’jedhiin.”Suuratu Ali-Imraan 3:31
Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuuf immoo beekumsa Islaama barbaadu, hojiiwwan gaggaarii iklaasan (Rabbi qofaaf qulqulleessanii) hojjachuu, hojii bada irraa dheessu, zikrii fi duaayi baay`isuu barbaachisadha.!

Barruu kana irraa yoo waa hubatte hiriyootan keefi share Folward godhi!




Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish


Yaa RABBII hojii toltuu fii haala toluu irratti nuu qajeelchi,waan toltutti kan nama qajeelchu sii malee,qajeelchaan biraa hin jiru.Hojii fokkattuu fii haala hamtuu irraa nuu tiksi,waan hamtuu irraa kan nama tiksu sii malee kan biraa hin jiru.👏


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

206

obunachilar
Kanal statistikasi