Waldaa misooma Oromiya


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


https://t.me/Ambo_Students_Group_New_2016

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


10. Boru Roobiis Kamisas miti. Kaleessi Jimaatas Sanbatas miti.
Har'i Kamisas Dilbatas Wiixatas miti.
Guyyaan har'aa maali?

🇦. Kibxata
🇧. Roobii
🇨. Jimaata
🇩. Sanbata
🇪. Deebiin hin kennamne






Channel Keenya Join Gochun Note Adda Adda Buufachun Itti Fayadama Tokkumman Humna Join Gochun Garee Kana Guddisa.

https://t.me/Ambo_Ifa_Boru_New_2016
https://t.me/Ambo_Ifa_Boru_New_2016




Second Semister Economics Grade 10 Note


6️⃣ Seerota Bilchina: .

1. Waan hundumaa namatti himuu dhiisi, Namoonni baay'een dhimma hin qaban, gariin immoo dhoksaan akka ati kuftu barbaadu.

2. Hiriyyoota kee ogummaadhaan filadhu, karaan saffisaan fooyya'uu dandeessu namoota fooyya'oo ta'aniin marfamuudhaanii.

3. Nagaa keessoo argachuuf homaa hin eegin, waan hundumaa dinqisiifadhu, jireenya kee keessatti wantoota xixiqqoo galateeffadhu.

4. Waan dandeessu hunda hojjedhu adeemsa sanatti amani, hamma hojjettu carraa argattaa.

5. Nama osoo hin taane of to'adhu, nama to'achuun jabina, of to'achuun humna dhugaati.

6. Deebii kee xiqqeessuu baradhu, yeroo deebii kee to'attu namni si too'achuu hin danda'u.

━━━━━━━━━━━JOIN----------‐--‐‐-‐------‐‐-----
🖋️ https://t.me/Ambo_Ifa_Boru_New_2016 🖌️


Jechoota Hayyootaa

👉 Ifa guyyaa argachuuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama. Wiiliyaam Shekipiir

👉 Kaleessaaf gaabbuuf boriif dhiphachuun guyyaa har'aa balleessuudha. Maaksim Tiroobey

👉 Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jala ba'uu hin dandeessu. Wiiliyaam Shekispiir

👉 Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka'i! Jecha warra Inglizii

👉 Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru. Jecha warra Moorookoo

👉 Nama carraa qabu galaanatti yoo darbateyyuu qurxummii qabatee ba'a. Jecha warra Arabaa

👉 Namni suuta deemuu dafee bakka yaade ga'a Jecha warra Chaayinaa

👉 Daandii bakka yaadde sigeessisu utuu hin beekin adeemsa hin jalqabin. Jecha warra Inglizii

👉 Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda'u qofa hawwummoo nama ogeessa. Jecha warra Aayilaandi

👉 Namni dogoggorasaa mul'isee himatu akka nama kosii mana keessaa haruuti. Maatammaa Gaandii

👉 Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha. Abirahaam Liinkan

👇👇👇JOIN👇👇👇
https://t.me/Ambo_Ifa_Boru_New_2016
https://t.me/Ambo_Ifa_Boru_New_2016




















WAADAA CABE💔💔💔

Arraaban nadhii biiftee
Fakkaata nama haaqa
Jaalala sobaan kuustee
Xuurressite nas maaqa

Dhugaa natti fakkattee
Jaalala si simaadhee
Kuustuu jaalala sobaa
Taa'uu kee yoom hubaadhe

Jaalala irraa kessaan
Maaf dararta onneekoo
Jaalala tiruufi kaleen
Hadheesitee jiruu koo

Jibbaa keen qabu takka
Keessii koo si jaalataa
Waliin imaalaf malee
Hinlaalee Mirgaafi bitaa

Jaalalan mana ijaare
Jiruu gaarii jiraannaa
Rakkinaa heddus tarree
Bor bakka guddaa geenya

Jedhetan yaade malee
Sif hin qabu hammeenya
Mee maalummaan ballesse
Maaf cabe waadaan keenyaa?💔
https://t.me/Ambo_Ifa_Boru_New_2016





20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

440

obunachilar
Kanal statistikasi