Arraata Biyyoolssaa Oromiyaa


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Похожие каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri








ABO-ONM
( Bitootessaa 24,2022)

Barattoota shan lixa Shaggar ona Cobi ganda Marsaa Lakkuu mana barumsaa sadarkaa 1ffaa keessatti kaleessa Bitootessa 23,2022 waraanni faashistii PP dishqaan rukutee madeesse keessaa tokko barattuu Galaanee Gaaddafaa Bayyanaa jedhamtuu ishee kanaa dha




Waraanni faashistii PP fi finxaaleyyoonni Amaaraa godina lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti maatii tokko guutuu rasaasaan ajjeesan.

 ( ONM-ABO Bitootessa 24,2022 )

Kaayyoo ilmaan Oromoo ajjeesuun impaayeera afaan, aadaa, amantii fi seenaa tokko qabdu ijaaruuf kan walii galan humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa fi waraanni ergamtuu PP ajjeecha suukkaneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

 
Bitootessa 22,2022 waraanni faashistii PP humnoota finxaaleyyii Amaaraa Amaara waliin ta'uun namoota nagaa godina lixa Shaggar ona Baakkoo Tibbee ganda qotee bulaa Barii Aabbotti halkan sa'ati 7:00n qe'ee obbo Biraanuu Nugusaa humnaan cabsanii seenuun maatii guutuu rasaasaan rukutanii ajjeesan.
 
Gochaa suukkaneessaa kanaan namootni 4 yoo ajjeefaman daa'imni tokko qofti yaalaaf gara hospitaala Finfinneetti ergamtee jirti. Namootni humnoota waloo farra Oromummaa kanaan ajjeefaman:
Obboo Biraanuu Nugusaa Jimaa... Abbaa maatii
Iteenash Taaddasaa waaqgaarii .... haadha manaa
Caalaa Biraanuu Nugusaa... ilma isaanii
   Araggaa Nugusaa Jimaa ... Obboleessa obb Biraanuu
  Masarat Biraanuu Nugusaa...daa'ima umrii 13 fi rukutamtee hospitaala finfinneetti kan ergamte ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
 Ajjeechaan miseensota maatii irratti  lixa Shaggaritti ilmaan Oromoo keessatti raawwatu kanaan duras aanaa Abuunaa Gindabaratitti, abbaa fi ilma bakka tokkotti akkasumas obbolaa lama yoo ajjeesan, aanaalee akka Daannoo fi Baakkoo Tibbeettiis gochaan wal fakkaataan baatii darbe keessa raawwachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
 


Daawwattoootaf Hordoftoota ABO-ONM jaallatamoo turtii gaaffiif deebii Obbo Asnaaqee Irkoo fi Jaal Daandii Elemoo ONM irratti galgala kana karaa saatalaayitii FNN fi YouTube ONM ABO eeggadha https://youtube.com/channel/UC7IlbVjzlu2cN3O5R8KNQnA


Humnootni finxaaleyyii Amaaraa godina Matakkal ona Dibaax keessatti qeerroo tokko ajjeesuun manneen gubanii loon ooffachuun dhagaa'ame.
( ONM-ABO Bitootessa 23,2022 )

Mootummaan sirna faashistii PP ilmaan Oromoo godina Matakkal ona Dibaax irratti karaa humnoota finxaaleyyii Amaaraa lola bansiiseen humnootni kunneen onicha keessatti ajjeechaa, saamichaa fi mannee gubuu hammeessanii jiru.
Haala kanaanis Bitootessa 22,2022 ona Dibaax ganda Tuskii Gambeelaa keessatti Joonsee Amsaaluu Amantee qeerroo jedhamu rasaasaan erga rukutaniin booda albeen qalanii ajjeesuun loon 80 qeerroon kun tiksaa ture ooffatanii deemaniiru.
Guyyaa har'aa ganama Bitootessa 23,2022 ganduma kana keessaa manneen 50 ol gubanii barbadeessuun hawaaasa gandicha dhukaasaan qe'ee irraa ari'uun hanga ammaa namni du'ee fi jiru osoo adda hin ba'in jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Humnootni finxaaleyyii Amaaraa mootummaa sirna PPn deggeraman kun godina Matakkal ona Dibaax keessatti torbee darbe Bitootessa 15,2022 dubartii Oromoo mucaa garaatti baattu albeen qalanii ajjeesuu fi Bitootessa 17,2012 ganama barattoota Oromoo 18 ukkamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.


Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Siree keessatti Waraanni Mootummaa PP namoota sadii rasaasaa fi albeen qaluun ajjeesuun ibsame.
( ONM-ABO Bitootessa 23,2022 )

Godina baha Wallaggaa ona Sibuu Siree ganda Baabbii Kuwwee keessatti Bitootessa 21,2022 ganama bari ummata nagaa irratti dhukaasa banuun lubbuu namoota sadii haala suukkanneessan ajjeesanii jiru.
Namootni ajjeeffaman kunis Geexuu Tashoome fi Mootii Guddinaa kanneen jedhaman albeen qalanii kan gatan yoo ta'u Misgaanuu Nagaasaa ammo rasaasa itti roobsuun ajjeesaniiru.
Ajjeechas sukkanneessaa raawwataniin alatti manneen uummataa gubaniiru.
Namoota manneen jalaa gubaate keessaa tokko obbo Galataa Taayyee kan jedhaman mana isaanii qabeenya guutuu waliin ibidda itti shiduun ganda Baabboo Kuwwee keessatti gubanii barbaddeessan.

Jiraattonni Sibuu Siree gocha mootummaan faashistii PP raawwachaa jirutti mufachuun ajjeefamaa, qe'ee irraa godaansifamaa, hidhamaa fi saamamaa mootummicha jalatti hin bulle jechuun mormii sirnicha irraa qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti ibsaniiru.


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish


Godina Gujii lixa ona Galaanaa keessatti Poolisoonni humna addaa mootummaa uummattoota kibbaa daangaa ona Amaaroo irraan uummata Oromoo lama ajjeesuun sadii madeessan.

( ONM-ABO Bitootessa 23,2022 )

Mootummaan sirna PP waraana hedduuminaan leenjisee bobbaasuun uummata Oromoo qe'ee isaa irratti ajjeesisuun cinaatti uummattoota ollaa Oromiyaa fi hidhattoota mootummaa naannooleen ajjeechaa raawwachaa jira.
Haala kanaanis guyyaa har'aa Bitootessa 23,2022 poolisootni humna addaa mootummaa naannoo uummattoota kibbaa ona Amaaroo jiran daangaa naannoo isaanii ce'uun godina Gujii lixaa ona Galaanaa ganda Kombolchaa fi Dibbee Qonqaatti uummata Oromoo lama badii malee yoo ajjeesan sadii madeessuun yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Mootummaan sirna PP uummata Oromoo cabsuuf jechaa daangaa Oromiyaa maraan saboota biraa itti kakaasee lolchiisaa kan jiru yoo ta'u dhimmi kun ammoo haasaa pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf uummatni Itoophiyaa cufti nu gargaaruu qaba jechuun waamichaa taasisan hordofee raawwachuun fuuldurattis gochi wal fakkaataan maqaa WBO balleessuu jedhuun sabootni ollaa uummata Oromoo ajjeesuun buqqisanii fedhii lafa babal'ifannaa akka galmaan ga'atan kan akeekuu dha jechuun jiraattootni maddeenitti himaniiru.




Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish


Humnootni_Amaaraa_Dubartii_Oromoo_Ulfa_Morma_Kutanii_Ajjeesani_fi.pdf
89.6Kb
I am sharing 'Humnootni Amaaraa Dubartii Oromoo Ulfa Morma Kutanii Ajjeesani fi Barattoota Oromoo 18 Ukkaamsan Balaa Guddaa Qaba' with you








Lakkoofsi Loltoota mootummaa PP kan harka kennataa jiranii dabalaa jiraachuun beekame.

(Bitootessa 22, 2022, ONM ABO)

Waraanni mootummaa PP sirna nama nyaataafi impaayera diigamaa jirtu kana irraa amantii dhabuun guyyaadhaa gara guyyaatti fedhii isaaniin gara WBOtti makamaa jiru. Tiksitoonni Impaayera itoophiyaa yeroo bulchiinsa isaanii bitachuuf jecha dirqiin nama ukkaamsuun gara moonaa leenjii Waraanaa geessaa kan jiran yoo ta'u, miseensota qaama nageenyaa hundattis gochi gara jabeenyaa Saba kana irratti akka raawwatamu kallattii hooggansa irraa itti kennameen sabicha ukkaamsuuf karaa danda'an hundaanuu itti duulaa jiru.

Waanti baranneefi kan gadi baanee hojjetaa jirru tasa wal hin gitu kan jedhu miseensi Waraana PP kun, moonaa diinaa keessa taa'ee lammii koo hin nyaadhu jechuun guyyaa har'aa gara Qabsoo Bilisummaa Oromootti kan makame, Kibba Oromiyaa Godina Gujii Lixaatti.


Qophii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Bitootessa 22, 2022



20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

1 867

obunachilar
Kanal statistikasi