Postlar filtri


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
Daqiiqaa 17 booda ni haqama,,


Gaaffiii kaardii abbaa 200 badhaasuu dha.

Barri beelaa Ethiopia keessatti baayyee rakkisaa ture bara meeqa?


Woowwww badhaasa 10🔥🔥🔥

carran kun sin dabrin amma online irra jirta taanaan carraa kanati fayyadami .

Badhaasa nama 10 qofaaf qopha'e kanati hirmaachuf bakka add jedhu tuqi join.


Badhaasa kaardii gaaffi sadarkaa qabun qophesssine jirra kanneen gadii keessaa tokko filachun irratti hirmaadhu.


Woowwww badhaasa 10🔥🔥🔥

carran kun sin dabrin amma online irra jirta taanaan carraa kanati fayyadami .

Badhaasa nama 10 qofaaf qopha'e kanati hirmaachuf bakka add jedhu tuqi join.


Badhaasa kaardii gaaffi sadarkaa qabun qophesssine jirra kanneen gadii keessaa tokko filachun irratti hirmaadhu.


𝐖𝐨𝐥𝐚𝐥𝐨𝐨 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐛𝐨𝐡𝐚𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚?
𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐞𝐞𝐠𝐝𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧𝐢!


Yaadota Baay'ee Barsiisoo kana dubbisii namoota biroof illee qoodi


1.Nama namoonni akka fedha isaaniitti kaartaa jireenya isaaniitiin jiraachiisan hin ta'in. Kaartaa jireenya kee bocadhu! Kaartaa kee irratti of ijaari!
2. Argii jalqabi malee arguu qofaaf hin jalqabin! Dhaga'ii ba'i malee dhaga'uu qofaaf hin ba'in!
3. Ofii kee wajjin yeroo bal'aa fi sirrii ta'e qabaadhu!
4. Kan nama kuffisu baay'ina rakkinaa osoo hin taane, mul'ata xiqqoo fi obsa xiqqoo qabaachuudha!
5. Miidhama sirra ga'eef beellama haaloo ba'uu hin qabatin. Yeroo hundumaa ilaalchaa haaloo ba'uutu sirratti mo'a waan ta'eef.
6. Boriikeef karoorsi. Har'a keetti garuu gammachuudhaan jiraadhu!
7. Guyyaa tokko akka addunyaa lafarraa kana wajjin waliigaltee jireenyaa xumurtee deemtu(duutu) yeroo hundumaa yaadaa mana keetii ba'i akkasumas yaadaa mana keetti gali. Addunyaa daqiiqaa tokko booda waan ta'uu hin beekneef, nama hin jibbin ofiikees hin jibbin!

👇
Miira xiiqii 🎯 👈
👆


MIIRA XIIQII 🎯 dan repost
Gammaddii jiraadhu

Gammachuu kee haala jireenya kee waliin wal hin qabsiisin. Gammaduuf rakkoon dhabamuun dirqama miti; Yeroo rakkoo keetii kolfaan dabarsuu fi gaddaan dabarsuun filannoo keeti. Namoonni baay'en yeroo haala gaarii keessa jiran qofa gammadan. Ati garuu, yeroo hundumaa uumaa keeti fi namummaa kee qofatti
gammadi.

Addunyaan ati keessa jiraattu dachee tana osoo hin taane, sammuu kee keessa waan ta'eef, Yeroo keessi kee gammadu, Addunyaan tun waan ati gammaddeef si waliin kolfiti. sammuu kee keessa jiraachuu yeroo eegalte, Wanti ati rakkisaadha jettee yaadde salphaa taʼuu isaa nii hubatta. Gaaffin jireenya keetii deebii dhabee tures deebii siif argachuu eegala. Sana booda Namoonni baay'en madda gammachuu keetii baruuf si kabaju, si dhaggeeffatus. Namoota baay'ee biratti iddoo gudda argatta. Hojii keetin nii ajaa'ibsiifatamta. ilaa fira koo   rakkina dachee tanaa dhiistee sammuu kee keessa jiraachun eenyummaa kee yeroo barte uummamuun kee qofti si gammachiisa.

Miiraa Xiiqii 🎯
Horaa bulaa deebanaa


Dhiifama Baay'ee Ulfaataa Ta'e! 🆘
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔻 Dhiifama hunda keessaa inni  baay’ee ulfaataa ta’e ofiif dhiifama gochuudha. Badiin kanaan dura hojjenne ofuma keenya akka komannu (ceephaanu) nu taasisa. "Animee balleesseera, bakkan yaade dhiisee bakkan hin yaannetti argameera, waanan gochuu qabu dhiisee waan hin malle raawwadheera" jennee of kommanna! Eeyyeen dur hundumti keenya dogoggora hedduu raawwannee turre ta'a; har'a garuu guyyaa haaraa waan ta'eef wanta darbe yaadannee yeroo keenya qisaasessuu utuu hin taane, muuxannoo fudhannee fuuldura keenyarratti hojjechuu qofa nu barbaachisa. Wanti utuu hin beekin hojjenne hundi kaleessa keenya akka dhabnu nu taasiseera. Har'a keenya garuu lammaffaa akka nu jalaa fudhatu goonee badii biraa akka hin daballe, kan darbe hundaaf dhiifama haa goonu! 👍

Miiraa Xiiqii 🎯


Kitaaba, Ogeessicha..pdf
894.4Kb
📚📚 Kitaaba Ogeessicha

📢JOIN AND 🔗SHARE

Channel keenya Hundaa bakka tokkootti argachuuf Join 👈 kan jedhu kana tuquun join godhadhaa 🙏

📚JOIN
Bilchina sammuu 🏆

Barruu Beektotaa

Namuusa Namuummaa

Miiraa Xiiqii 🎯

HB. Kitaabota pdf jiraan dubbisuu yoo feetan Kanan nu argatttu👇
@Guluma_Hailu0912

📚 Kitɑɑbɑ gɑɑrii Dubbisuun sɑmmuu nɑmɑɑ qɑroomsɑ!


Galatoomaa 🙏

Hordooftoota 6k gallee jirra.

Galatoomaa 🙏
Yaada, qeeqaa, jajjabina fi komi yoo qabattan 👇
@Guluma_Hailu0912

Bilchina sammuu 🏆




𝐖𝐨𝐥𝐚𝐥𝐨𝐨 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐛𝐨𝐡𝐚𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚?
𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐞𝐞𝐠𝐝𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧𝐢!


Utuu lammiin kiyya
Nagaa dhabee aaduu
Rakkoon lakkuu taatee
Jireenya isaa waaduu

Utuu haati hiyyeessaa
Akka malee cabduu
Qe'eedhaaf qabeenyaa
Ijoolleeshees dhabduu
~
Utuu Sabni nagaan
Rasaasaan waadamuu
Kolfi naan hin jedhiin
Kolfuun hin yaadamuu!
SALAALEE KOO 😭😭


Mul'ataaf malee mul'achuuf hin hojjatin

Mul'anni kee bakka ati gahuu barbaaddu sitti mul'isa. Namni mul'ata qabu mul'ata isaa galmaan gahuuf jiraata. Namni mul'ata isaa galmaan gahuuf hojjatu galma ni ga'a. Namni mul'achuuf hojjatu galmi isaa mul'achuuf males mul'ata waan hin taanef galma gahu hin qabu.

Namni mul'ata qabuu fi mul'ataaf hojjatu akka Ifaa bara baraan hin dhaamnetti mul'anni isaa ol baasee isa mul'isa. Namni mul'achuuf hojjatu immoo yeroo ta'eef akka Ifaa billic jedhee takka ifee deebi'ee dhaamuu mul'atee bada. Yoomiyyuu yoo ta'e mul'achuuf osoo hin taane, mul'ata kee galmaan gahuuf hojjadhu.

Uffata feete uffadhu, konkolaataa feete qabadhu, barbaaddu xiyyaara feete qabaadhu, qabeenyi kee ittiin mul'achuuf osoo hin taane mul'ata kee galmaan ga'uuf hojjadhu.

Addunyaa kan jijjiiran namoota mul'achuuf dhama'an osoo hin taane, namoota mul'ata galmaan ga'uuf dhama'aniidha.

Join godha 👇
》》》》》》》》》》》
》》 Miiraa Xiiqii 🎯 《《
》》》》》》》》》》》


MIIRA XIIQII 🎯 dan repost
☁️ OF SAKATTA'I!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Yeroo tokko tokko nama summii taata..

Yeroo tokko tokko ati nama hamaa, negatiivii, nama ofirraa dhiibuun malu taata.

Yeroo tokko tokko rakkoon sumadha. Sunis akka ati ga'uumsa hir'ifte si godhu.

✅ Guddachuu itti fufi!
✅ Of sakatta'uu itti fufi.
✅ Of kakaasuu itti fufi!

Dogoggorri carraadha. Isaan malee sadarkaa tokkorra gahuun hin jiru. Haala Kam keessattuu, Waan caalu hojjedhu, fooyya'aa ta'i. Ati nama. Homaa miti.

Bilchina sammuu 🏆


⁃ Ati garaa dhiifamaa qabdaa?
⁃ Nama si miidheef garaa kee guutuu dhiifama gootee?
⁃ Garaa dhiifamaa qabaachuun balbala nagaa, balbala eebbaa banachuu akkasumas boqonnaa fi gammachuu sammuu ofiitiif argachuu, dhukkuba irraa fayyuus akka ta'e beektaa???

Mee ergaalee jahan kanaa gadii dubbisii hiriyaa kee jaalattu 5f #share godhi! Itti eebbifami!

Gɑrɑɑ Dhiifɑmɑɑ!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Jɑɑlɑlli kɑn ibsɑmu gɑrɑɑ dhiifɑmɑɑ qɑbɑɑchuu dhɑɑn!

❍ Gɑrɑɑ dhiifɑmɑɑ qɑbɑɑchuun gufɑnnɑɑ bɑɑy'ee irrɑɑ nɑmɑ hɑmbisɑ.

❍ Siif dhiise jechuunis eenyummɑɑ nɑmɑɑtti kɑbɑjɑ olɑɑnɑɑ horɑ.

❍ Dhiifɑmɑ gochuun hubɑtɑɑ nɑmɑ tɑɑsisɑ.

❍ Gɑrɑɑ Dhiifɑmɑɑ Qɑbɑɑchuun wɑntɑ hundumɑɑ obsɑɑn birɑ dɑrbuu gɑɑfɑtɑ. Dɑndeettiin hubɑnnoo nɑmɑɑtiis obsɑ qɑbɑɑchuu isɑɑtiin ibsɑmɑ.

❍ Nɑmni dhiifɑmɑ godhu gɑrɑɑ qulqulluu qɑbɑɑchuu isɑɑtiif rɑgɑɑ bɑ'ɑ.
Dhiifama Waliif Haa Goonu!!!

GARAA DHIIFAMAA NAMNI QABU:

1. Bara isaa keessatti nagaa guutuu qaba.
2. Nama hundumaa waliin gabiitti jiraata.
3. Rakkina isa mudachuu danda'u keessaa salphumatti ba'uu danda'a!
4. Abbaa furmaataa ta'a.
5. Tokkummaa uumuu fi Qabaacuutti cimaadha!
6. Fakkeenya Gaarii ta'a.
» Gorsuudhaan
» Barsiisudhaan
» Hojjechuudhaan
» Ija godhachuudhaan
» Galma gahuudhaan Fakkeenya Gaarii ta'a!

Garaa Dhiifamaa Qabaadhu!
Miiraa Xiiqii 🎯


𝐖𝐨𝐥𝐚𝐥𝐨𝐨 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐛𝐨𝐡𝐚𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚?
𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐞𝐞𝐠𝐝𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐚𝐬𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧𝐢!


Milkaa'inaa fi dogoggora ofii fudhachuu danda'u

🔥Yeroo dogoggora kee namni sitti himu hin mufatin; yoo mufatte, inni dogoggora isaa dhaga'uun isa mufachiisa jedhanii si gorsuu dhiisu!

🔥 Yeroo dogoggora kee sitti himan hin qoosin; kana yoo goote, yaada si fooyyessuuf ati bakka hin qabdu!

🔥 Yeroo dogoggora kee sitti himan; ariifattee kan isaaniis isaan yaadachiisuuf hin waxalamin. Akka nama taate yaadadhu. Yoo dogoggorte waan haaraa miti. Yeroo qeeqamtu, akka jibbaa yookaan akka firdiitti hin fudhatin (don't take it personally)

🔥 Yeroo dogoggora kee sitti himan gara hin dabarsin yookaan dubbannaa biraa dubbachuuf hin ariifatin

🔥 Yeroo dogoggora kee sitti himan, "Maaltu si galche?" hin jedhin. Hiriyummaa dhugaan dogoggora keessatti wal ilaalanii dubbachuu dhiisuu miti.

Miiraa Xiiqii 🎯



20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.