Coba Aartii


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Coba

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


uggattu.

Kanaafuu yaa obbolee…
Wantanni sitti himuu,
Kaniin siif mammaaku
Miirrikee cabbaawaan
Miirakee isa danfeen
Dafee wal haa maku
Akka waaqa arfaasaa haaqaqawweessawuu,
Bakakkaa haabakakku!
Kan biraa Caaliikoo …akka tasaa ta’ee
Gaaficaha galgala gaafan manaa ba’ee
An nan sokka hinseenee,
Nan deebian se’ee
Kanaafuu yaa Caalii
Wanta ati naa gootu,
Faantuutti kan naa himtu
"Hindeebi'u" jedhiin abdii haa kutattu
"Hindeebi’u" jedhiin
Maaf qara Haa ilaaltu?
Murtee haa murteeffattu
Maaf na eega haa haftu?
*
Zelealem Aberra Tesfa
Waxabajjii 30 bara 2020
Helsinki / Finland


Caalii, fi Hacaaluu

Walaloon kan Dr Zelealem Aberra Tesfa
*
Caalii attam jirta?
Attam jirta Caalii
Caalii abbaan guddaa,
Caalii abbaan gaarii
Ana Hacaaluu dhaa…,
Na yaadattaa laataa,
miiltoo bara durii?
Wal argina jennee
Beellama beellamnee
Wal hinargin hafne
Battalaan godaane
Tasa addaan baane
Nagaas sitti hindhaamne.
*
Lakkii nagaan dhaamnee
Anoo eenyumattuu
Hundeessaa Boonsaattuu,
Guddattuu Horaattuu
Anoo nagaa hindhaamne,
Shamarran kiyyaattuu
Haadha ijoolleekoottu,
Jaalalleekoo Faantuu
Amboo fi Finfinneettu,
Biyyee Oromiyaattu
Yooman fucha argadhee
Lammitti nagaa dhaame
Humna ergisaatiin
battalan butame.
Lakkii nagaan dhaamnee;
Dhiirri nagaa hindhaamu
Maatii fi lammii keessaa
Yammuttii butamu.
*
Dhugaattii… oolmaa ati naa ooltu,
Wanti na gargaartu
Yeroo ayyaana waggaa,
Yeroo cidheessitu
Irreechaa fi masqala,
Yeroo gojjolattu, yeroo affeellattu
Yeroo waaddee murtuu,
Yeroo murtee waaddu
Akkuma ijoolleekee
Kankoos abbaa yaaduu
Eeganii dhabanii,
Hin dallanu, hingaddu

Adaraa… yaa Caalii…

Ayyaana ijoolleekootti
Waatti dhibaafadhu
Akka hin irraanfanne
Waa itti naa darbadhu
Kanallee hindadhabdu
Gumaakoo baasuu dhaaf
Silaa onnee hinqabdu
Booyii mankaraarii
Qalbii soqoladhu
Lafa gangaladhuu
Isawoo hindadhabdu.
*
Ani qaxaleenkee…dafqee itti dadhabee
Michichila fi hordaa gadi fageesse dhaabee
Kan qilleensii fi bubbeen buqqisuu dadhabe
Nan deeme nan sokke;
Geeraree weeddisee
Sabakoo isa rafee irribaa dammaqsee
Jarreen amajaajii naasisee wareerse
Itittuu seenaasaa bar awwaalaa baasee
Nadhii aadaasaatii ifatti muldhisee;
Diina ijatti tufee
Qasa’ee itti kolfee
Geerararee itti wacee
Qalbishee hammacee
Utuu nagaa hindhaamin;
Dhiirri nagaa hindhaamu
Maayii utuu hinxumurin
Yommuttii waamamu.
*
Garuu sin dhagaye…yeroon karaa deemu
Siyii iyyee boowuu, maqaa kiyya waamu;
Hin du’e seeteetuu? Lakkii ani hindu’uu!
Abbayyas hingoguu, abbayyis hingu’uu.
Asitti hinta’uu achitti awwaala
Lammii fi amajaajiin ofumaa wal lolaa
Tokko mankaraara, kaanimmoon yeelala
Ani ogiyoo dha ani jijinbilaa
Tokkokoo yoo kutan
Kumatu qummaada, kitila biqilaa.
Yoon yaadatta ta’e…
Gaaficha galgala,
Gaafa waliin teenyee
Yoon battala deeme
Adara akka hinboonyee
Jedhee sin qoqqobnee maaf naqaanessitaa?
Addaan-babayitti maa boossee harqita?
Maaliif amajaajii nutti kofalchiista?
Dhiiga nu lolaasuu, imimmaan lolaastaa?
“Abadan, hinkolfata malee
Hunduu afaan duwwaa
Kan ilkaansaa dhabee,
Kan baqatee galuu
Dabeessaa fi gowwaa.”
Kaanoo akkasiin yaadaa,
Kan kee yaadi maali?
Mee natti himi obbolee,
Mee natti himi Caalii.
*
Caalii abbaa maal-dhibdii,
Caalii qalbiin cimdii
Caalii garraamtichaa,
Caalii gaachanni cidii
Caalii kaayyoon lakkuu,
Caalii kaayyoon cimdii
Caalii asii fi achii
Caalii olii fi gadii

Maaloo…
Yoo booyii siin jedhan
”Waawuu” jedhii didi.
Caalii jiita’akoo, Caalii gaachanni hoffaa
Hinbooyin adaraa diinatu nutti kolfaa.
Maal taate namana, qalbiin maaf si caba
Du’a qanansiistaa akka mucaa dhabaa?
*
Elaamee Abbaa Caalii…
Hooda Caalii keetii
Anuu sittan himaa
Ollaan maaf sitti himti?
Booyee mankaraaraa
Addaan-babayiitti
Hiniyyaa hin maradhataa
Akka haadhoo reettii
Furrii fi imimmaan
Fuularra of lolaasaa
Silaas…“Guddaa salphaa,
Fardatu goondaa dheessaa”
Kabalan hinboowaa,
Qimmidan hin boowaa
Maali uumaansaa kuni,
Abshaalamoo gowwaa?
*
Caalii irreen xeebaa,
Caalii gaachanni waakkoo,
Maaloo adaraa Danfaa,
Maalo adaraa Abbukkoo
Maaf goolta ekeraakoo?
Caalii somaan muujjaa
Kan eeboon bosoqqee
Yommuu qimmiidamu,
Deebiseen qimmiidu
Iyyee boowa harqee
Furrii fi imimmaan
Keessasaati cuunfee
Of keesssa gad naqee
Safuu Waaqa guddaa!
Akkanni fokkisuu…
Fuula ittiin of laaqee.
Hindhageenyee laata….
Moo dhagayee eessa kaa’e?
“Dhiirri qofaa boowaa”…
Gorsa obbo Tsegayee?
Kan dhiirri xinnoo cophu
Eega aduun dhiyee
Eega hundi rafee,
Eega dukkanaayee
Dhiirri guyyaa hin boowuu
Yeroo aduun iftu
Lakkii guyyaa hin cophu
Yeroo amajaajiin
Ijaan nama qortu
Kaninni xinnoo cophu,
Qalbii gudunfame
Kaninni hiikkatu
Yeroo aduun dhiitu,
Yeroo haati Margoo
Dukkana agu


Seenaa Gaaddisaa Birruu Kuta 5ffaa

~Kitaabichi erga maxxanee gabaa irra oolees qormaatni guddaan akka
isaan mudataa ture kan himan Obbo Gaaddisaan, namootni kitaaba
qubeen barraa'e qabatanii deemuuf iyyuu ni sodaatu ture jedhan.
''Hiriyaa koo tokkotu bakka hojiikoo dhufee kitaaba maxxansite jedhan
mee naaf kenni naan jedhe. Anis tolen jedhe. Waa itti naaf mari naan jedhe.
Inni nama guddaa fi beekamaadha.
Waa itti naaf mari jechuun isaa kitaabicha irraa qubeen waan
mul'atuuf akka hin argamneefidha.
Ani immoo baay'ee waan itti boonuuf akkamitti akkas naan jedha jedhee
aarus ka'een gaazeexaa kutee itti maree kenneef,'' jedhan.

Guuboo yookaan kuusaa jechoota Afaan Oromoo bara 1977-1986tti namoota biroo waliin qopheesseera. Gamabiraatin, asoosama dheeraa matadureensaa 'Dhaamsa Abbaa' jedhu bara 1994tti kan maxxansiise yoo ta’u, bara 1995tti immoo asoosama gabaabaa matadureensaa 'Waxala Qaccee Gaabbii' jedhu barreessee dorgommii Qaacceessa ogbarruu sadarkaa idiladdunyaatti adeemsifametti dhiyaatee tokkoffaa bahuun badhaafame. Bara 1997 asoosama gabaabaa mata dureen-isaa 'Fedhii Gamtokee' jedhu dorgommiif dhiyeessee sadaffaa bahuun badhaafameera. Haaluma walfakkaatuun, bara 2001 kitaaba 'Fedhii Gamtokkee' fi Ogbarruu Gaggabaaboo Biroo barreessee maxxansiisuun uummata biraan gaheera. Dabalataanis, Gaaddisaan kitaaba matadureensaa “Namummaa” jedhu namoota waliin ta’uun bara 2004 maxxansiiseera. Kana qofa osoo hinta’in, barruulee matadureensaa “Birmata” jedhu kan waggaatti si’a lama maxxanfamu namoota waliin qopheessuun dubbistootaaf dhiyeessaa tureera.

kutaa 6ffaan itti fufa


W.Endale Gutata dan repost
A'aa !.pdf
713.7Kb








Maal Mallisaa?
CD kana bitachuuf Qophooftanii? Guyyaa boruu sirni eebba CD 'Maal Mallisaa' jedhu eebbifamuun magaalota Oromiyaa hundarra ni raabsama. Sadarkaa biyyaatti miti, Afrikaatti miti akka addunyaatti beekamuuf itti gaafatamummaa keenya haa bahannu! Boru irra eegalee mana Oromoota hundaa galuu qaba🙏🙏🙏🙏🙏


Seenaa Gaaddisaa Birruu 4ffaa

Bara dukkanaa Afaan Oromoodhaan barreessuu fi dubbachuun cubbuu ture jedhamu sana keessa barreessun maxxansan. Jaallatamummaa guddaa kitaaba horatedha. Kitaabilee inni yeroo jalqabaaf barreesse keessaa tokko, asoosama dheeraa 'Kuusaa Gadoo' jedhu yoo ta'u kunis bara 1983tti maxxanfame. Kuusaa Gadoo osoo hin maxxanfamiin dura gaazexessaa Saamu'eel Dhaabaan raadiyoo Itoophiyaa irratti torban 29 Dilbata ganama mata duree 'waa lama dhabuu' jedhuun seeneffamaa ture. Asoosamni kunis, seenaa ogbarruu Oromoo keessatti asoosama dheeraa yeroo duraaf barreeffame jedhamee beekameera.
Bara namni kitaabicha irraa fuudhee gurguru hin jirree fi Afaan Oromoo dubbachuun qaanii tahe sanatti, maxxansanii baasuun gumaacha ol-aanaa nama bahatanidha. Kitaabicha maxxansiisuuf mana maxxansaa tokko deemanii yeroo gaafatan "manni maxxansaa sun waan sammuu kootti hin tolle dubbatan" jedhan. ''Afaan Oromoo hin maxxansinu jalqaba gara Afaan Amaaraatti jijjiiri naan jedhan,'' jechuun dubbatan. Anis baay'ee aaree dideen Afaan Oromoodhaan ofumakoo
maxxansiisee baase jedhu Barreessaan Kun.

Kutaa 5ffaan itti fufa


Seenaa Gaaddisaa Birruu kutaa 3ffaa


Biiroo Komiishina Qophii fi Ittisa Balaa Oromiyaa keessatti itti gaafatamaa gargaarsaafi hariiroo tajaajila hawaasaa ta’uun bara 1986-1989tti hojjeteera. Haaluma
walfakkaatuun, Ministeera Dhimma Aadaafi Ispoortii keessatti, miseensa garee qopheessitoota Kuusaa Jechoota Afaan Oromoo ta’uun bara 1977-1986tti hojjataa tureera. Kana malees, bara
1967-1972tti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti barsiisaa tureera. Gaaddisaa Birruu barreessaa akka ta’u kan karaa baneef barnoota
Afaanii fi Ogbarruu barachuusaa ta’ullee, hojii Dhaabaa Wayyeessaa hordofuunsaa caalaatti kaka’uumsa itti uumeera. Yeroo taphoota gaggabaaboo Dhaabaan barreessee raadiyootiin darbaa ture
Gaaddisaan immoo hojii Dhaabaa kana raadiyooniitiin hordofa ture. Kunis, qalbiifi fedhiinsaa gara waa barreessuutti akka dhufu taasise. Kanarraan kan ka’e, asoosama gabaabaa matadureen isaa 'Waa Lama Dhabuu' jedhu yeroo jalqabaaf barreesse. Asoosamichis raadiyootiin torban 29f darbeera. Kanarraa ka’uun, kitaabilee Afaan Oromoo adda addaa barreessuu eegale.

Kutaa 4ffaan itti fufa


Seenaa Gaaddisaa Birruu kutaa 2ffaa

Bara 1965 Kolleejjii Barsiisota Asmaraatti baratee, waggaa lamaaf erga leenji’ee booda ogummaa barsiisummaan eebbifamuun Godina Arsiitti ramadamee barsiisaa ture. Gaaddisaan, waggaa jahaaf erga barsiisee booda, barnootasaa itti fufuun bara 1973 A.L.Itti Yuunivarsiitii Finfinnee seenee damee barnoota Ogbarruu Afaan Ingiliizii digirii jalqabaan eebbifame.

Hamileefi kaka’umsa inni barnootaaf qabu dabalaa waan dhufeef, waggoota muraasa booda barnoota isaa itti fufuun Ogbarruu Afaan Ingiliziitiin Digirii lammaffaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa fudhateera. Beekumsaafi dandeettii barnootaan argate kana hojiirra oolchuuf
waajjiraalee mootummaa fi mitimootummaa adda addaa keessatti
tajaajileera.

Haaluma kanaan, Dhaabbata Giddu-gala Qorannoo Misoomaa fi Barnootaa jedhamee waamamu keessatti, kutaa qorannoofi qu’annoorratti qindeessaa pirojeektii ta’uun bara
1997-2006tti tajaajileera. Isaan duras Dhaabbata Federeeshinii Luuteraanii Addunyaa keessatti Ofiisara Qophii Ragaa Bu’uuraa ta’uun bara 1989-1997tti hojjeteera.

Kutaa 3ffaan itti fufa


Seenaa Gaaddisaa Birruu 1ffaa

Gaaddisaa Birruu artistii Oromoo asoosa fi diraamaa barreessuun
beekkamu. Gaaddisaan aartii Oromoo guddisuu keessatti gumaacha guddaa godhe. Seenaa Duubaa Gaaddisaa Birruu abbaa isaa Birruu Waaqaa fi harmee isaa Bijigee Gonfaa irraa bara 1950 A.L.Itti, Godina Arsii, Magaala Boqojjiitti dhalate. Gaaddisaan, obboleeyyan dhiiraa lamaa fi dubara lama kan qabu yoo ta’u, hojii qonnaa adda addaatin maatii isaa gargaaraa guddate. Yeroo umriin isaa barumsaaf ga’u Mana Barnootaa Boqqojjii seenee kutaa 1-8 barate. Kutaa 9-10 immoo Magaalaa Asallaatti mana
barnootaa yeroo sana “Raas Daargee” jedhamutti barate. Bara sana keessa barattoonni qabxii olaanaa qabaniifi fedhii barsiisaa ta’uu qaban filatamanii barsiisummaaf leenji’uu danda’u turan.
Gaaddisaanis barataa cimaa waan tureef, bara 1965tti barsiisummaaf filatamee dhaabbata leenjii barsiisotaa seene.

Kutaa 2ffaan itti fufa




Seenaa Gaaddisaa Birruu Barreessaa Asoosama Dheeraa Afaan Oromoo jalqabaa kutaa kutaadhaan isiniif Dhiyaatu Hordofaa. Maddi Internet, Midiyaalee garagaraa BBC, VOA, Barruu, gaazeexaa fi Kitaabolee afaan Oromoo Wabeeffadhe.


​​Yaadannoo Aartiist Haacaaluu Hundeessaaf

Albamni 3ffaa Aartiist HAACAALUU HUNDEESSA– 'MAAL MALLISAA' jedhu yeroo dhihootti gabaa Irra ni oola jedhamee eeggama Kanaaf Fuula Facebook Haraa maqaa isaatiin banamee waan jiruuf Like fi Share gochuun Hojii inni hojjate, Wa'ee maatii isaa fi Odeeffannoo Albamichaa argachuuf linkii armaan gadii kana tuquun hordoofuu ni dandeessu.
👇
Hachalu Hundessa Official
━━━━━━━━━━━━━━━https://www.facebook.com/100301072303925/posts/105817841752248/?substory_index=0&app=fbl


GUYYAA ABAARAMTUU

Jabaa sirbee geeraruu
Tasa bahee dhabame
Utuum lolee  weeraruu
Kiyyoo diinan qabame
Boo'ichi nurra bubbulee
Kolfuun nurraa godaane
Madaan keenya kulkulee
Dhukkubsachaa baane
Gammachuun nurraa sokkee
Gaddaan onneedhaa cabne
Maal guyyaa abaaramtuun!
Guyyaa qaalii itti dhabnee
Godaannisa kan taatee
Dafnoo Guyyaan ekeraa
Seenaa kee xureessite
Nurraa nyaatte mararaa
Facaasaa Atiis beektaa
Hayyuu dukkanatti hiite
Si'iis seenaaf olkeenyaa
Hedduu Oromoo miitee
Roobiniis boo'aan oolee
Guyyaa goonni awwaalame
Kamisa biyyoo dhandhame
Kaayyoon isaa sakaalame
Guyyaa gaggeessaa goota
Boo'ichaan  dabaalaamee
Dacheen nutti dukkanaa'ee
Halkan-guyyaan wallaalame
Jimaannis nuun deebisne
Kichuu dukkana dhabne
Sambanni maal nuun jette?
Torbanoota Onnee cabne
Atillee maaf hin galchiin?
Dilbannii guyyaan hoodaa
Garuu inni maal godhaa
Dafnootu dhufaaf boodaa
Kan  inni  manaa  baaheef
Roorronis nurraan hafnee
Gola  keessa  naannoofnaa
Ammayyuu galleen rafnee
Goonni du'een jedhinaa
Ati hin duune namanaa
Maqaan isaa dacheerraa
Du'uukee maaltu amanaa
Hin duunee onnee keessaa
Ammuuma jiraa geessaa
Kan du'e warra si maqsee
Warra dhugaakee dhoqsee
Seenaan gootichaa jiraa
Falmee darbe qoodasaa
Du'aan of biraa dhabnaaf
Maaltu beeke boodasaa
Nutoo maal jirra jennaa
Jabaan sunuu ni du'ee
Haaceen nu hin komatuu
Kaayyoon isaa yoo gu'ee
Maal ture dhaamsi Haace
Gumaan isaas hin baane
Kaayyoonis galman geenye
Kan keenyas jiruun taanee
Qaamni ajjeechaa raawwate
Ammas hin dhagahamnee?
Haqni ajjeechaa qoratee
Homaarra hin gahamnee?
Si taajjabe yaa dachee
Dachee garaa jabaattuu
Si'iin abaare yaa biyyoo
Kan goota filtee nyaattuu
Sin abaaree yaa guyyittii
Yaa guyyaa abaaramtuu.


Telila Bulbula dan repost
”MAAL TAANA?”
(Gaaffii Kora Oromoo Jaarraa 16ssoo, Madda Walaabutti)
”...Birmajiin:
Baasa hin baasu;
Diina ajjeessee geerrara;
Booji’ee moggaasa!
Kana yoo hin goone,
Gadaatu na gaafata!
Dhugaa na gaafata!
Dhugoo na gaafata!
Oromoon na gaafata!...”
(Abbaa Gadaa Birmajii Walaabuu Jiloo)
"Diinni qorsa qaba.
Qorsi diinaa:
Bonjaa fi Bokii;
Darbaa fi Tumaata;
Agooda fardaati."
(Murtii Yaa’ii Oromoo jaarraa 16heessoo)
(Kitaaba “Seenaa Oromoo fi Madda Walaabuu” kan Musaa Adam Saaddoo fi Adam Tinnaa Jaarraa, bara 2012 ALH)
===========
Egaa yaada kana waa malee hin kaasne:
Waggaa 9 dura Art. Haacaaluu Hundeessaa Finfinnee, Agamsa (Goojjam Barandaa)tti Mana Muuziqaa “Maal Taana” jedhamu banatee ture. Nutis (Waldaa B.B ARSADII) baruma sana keessa barruulee yeroo yeroon maxxansaa turre(kan innis qooda keessaa qabu) irratti gaaffii fi deebii bal’aa kutaa 2n taasisneef keessatti:
ARSADII:- Maqaa Mana muuziqaa kee kanaa…?
Haacaaluu:- “Sabni yoo waliigalee "Maal taana' jedhe, akka ta’u hin dhabu jedheetuman maqaa kana filadhe. Akka seenaa irraa beeknuttis, Oromoon durumaa rakkoon hamtuun yoo itti dhufte Maal Taana jedhee wal gaafateetuma akka ta’u godha….”
Manni muuziqaa isaatis ji’a 6-8 qofa hojjatee cufame. Maalif cufame naan hin jedhinaa…har’a sagaleen isaa Waraanaa fi Wantee ummata Oromoo ta’e sunuu cufameera.
Dubbiitu dubbii fidee welleen Caalaa Daggafaa “Maal Taana?” jedhu #Youtube irraa haqameera. "Maal Taanaa"n garuu hanga deebii argatutti ummata keessaa haqamuu hin danda'u! Maal Taanaan jaarraa 16ssoo keessa deebii argate bara kanas deebii hin dhabu!


Oromoreads dan repost
The-Destruction-of-Black-Civilization.pdf
59.9Mb
Koroonaa irraa of eegaa, beekumsaa haa kuufanu

@Oromoreads


Lakkoofsa Afaan Sidaamaatiin

1. miittee
2. lame
3. sase
4. shoole
5. onte
6. lee
7. lammala
8. seette
9. honse
10. tonne
11. tonna miittee
20. lemmoo
30. sajjoo
40. shoyiloo
50. ontawoo
55. ontayinna onte
60. leawoo
70. lammalawoo
80. settawwoo
90. honsawoo
100. xibbe
200. lame xibbe
345. sase xibbenna shoyilina onte
1,000. kumee
2,000. lame kumme
5,678. onte kumeenna lee xibbe lammalayina seette
10,000. tonne kumee
23,456. lemina sase kumeenna shoole xibbe ontayina lee
100,000. xibbe kumee
561,204. onte xibbena leeyana mitto kumee lame xibbenna shoole
1,000,000. miliyoone/tuunsoo

channel kana join goonan afaanota maatii kush kan biraa ni argattu


Jobs sites dan repost
#Maaluma_Naaf_Wayya

Qimmiiddaa qirqirsaa fakkaatu
Kan jireenya koo uruursu
Ijjannaa koo na falfalee
Teessuma koo na furursuu

Yaa'ii teessoo wal saamuuf
Dirree koorratti taa'amuu
Ani keessummaa ta'een
Ormi jilaaf waamamu

Daboon ani hin beekne
Jila yaa'ii warra firaa
Anaaf jiruun sunsuree
Maafan arga gidiraa?

Taphataan marti keeti
Gooliin lachuuttu dhiitta
Dorgommii yeroon xumurteef
Ana maaf hojii na hiikta

Takkaa na sossobaa
Takkaa na qimmiidda
Daaraa narraa dhiqxee
Dhoqqeemmoo na dibda

Marti kee faalladha
Bitaa natti gale
Mana keetti sangaatu
Waatiyyoo siif dhale

Adiin siif gurraacha
Gurraachi siif adii
Badiin kee naaf tola
Tolli koo siif badii

Barbaaddu ol yaata
Akka bishaan gaayyaa
Amala keetu addaa
Maaluma naaf wayyaa?

@siifjedhee

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

233

obunachilar
Kanal statistikasi