#Yuunivarsiitii
#Freshman
Mooraa ykn Yuunivarsiitii keessatti Qabxiin ykn «Grade» akkamitti hojjetama?
GPA ykn CGPA jechuun maal jechuudha?
#Share taasisaa!
Akkuma beekamu grading system Yuunivarsiitiiwwan biyya keenya keessaa hedduu wal fakkaataa dha.
Tokkoon tokkoon Seemisteeraatti;
⏺ 20% ykn 30% keessaa Test, Quiz, Group work ykn Assignment ta'uu danda'a.
⏺ 20% ykn 30% keessaa ammoo qormaata Mid dha.
⏺ 50% keessaa ammoo qormaata Final dha.
Tokkoon tokkoon koorsii xumura seemisteeraa sadan isaayyuu walitti ida'aamee, bu'aan ida'ama isaa kan koorsiiwwan hunda seemisteera sana keessa jiran waliin walitti ida'aamee hiramee gireediin hojjetama.
Gireediin ida'aama Koorsiiwwan sana hundaa erga walitti ida'aamee booda qabxiin argamu sun department filachuuf gahee ni qabaata.
👉 GPA jechuun qabxii ykn gireedii Seemisteera hunda irratti galmeessisnudha.
👉 CGPA jechuun ammoo avereejii qabxii ykn gireedii jechuudha.
Barattoota qabxii seemisteera jalqabaatiin qofa department filatam jechuunis department kanneen akka Law kan seenanis GPA seemisteera sanaa qofti kan ilaalamu yoo ta'u, warreen Seemisteera 2ffaa irratti filataniif garuu kan seemisteera lamaanii walitti ida'aamee erga lamaaf hirame booda CGPA sanaan department filatu.
Department filachuuf yeroo baay'ee qorumsi entrance kutaa 12ffaa 20% irraa kan qabamu yoo ta'u, CGPA ammoo 50% irraa qabama akkasumas iddoo tokko tokkotti 30% irraa qormaanni jira.
Maalumaafuu mee akka seeraan hubattaniif kan Yuunivarsiitii tokkoo kan seemisteera jalqabaa fakkeenya fudhannee haa ilaallu;
Critical Thinking.......... 5ECTS
General Psychology............ 5ECTS
Economics .................. 5ECTS
Communicative English I .... 5ECTS
Geography ..............5ECTS
Mathematics...........5ECTS
Physical fitness (pass or fail)
Walumaa galatti 32 ECTS ta'a, garuu Physical fitness waan hin qabamneef 30.
Fakkenyaaf barataan Tolaa jedhamu,
1. Critical Thinking - 77 (B+)
2. General Psychology - 82 (A-)
3. Economics - 59.9 (C)
4. Mathematics - 42 (D)
5. Communicative English I - 68 (B-)
6. Geography - 64 (C+)
7. Physical fitness - 70 (P)
As irratti wanti hubachuu qabdan,
A+ jechuun 90-100 yoo ta'u 4 qabata
A jechuun 85-90 yoo ta'u 4 qabata
A- jechuun 80-85 yoo ta'u 3.75 qabata
B+ jechuun 75-80 yoo ta'u 3.5 qabata
B jechuun 70-75 yoo ta'u 3 qabata
B- jechuun 65-70 yoo ta'u 2.75 qabata
C+ jechuun 60-65 yoo ta'u 2.5 qabata
C jechuun 50-60 yoo ta'u 2 qabata
C- jechuun 45-50 yoo ta'u 1.75 qabata
D jechuun 40-45 yoo ta'u 1 qabata
F jechuun 40 gadi dha.
Fide haa jennu, kana grade isaa yeroo hojjennu, ECTS sana grade dhaan baay'isuu qabna, kanaanis;
5×3.5 = 17.5
5×3.75 = 18.75
5×2 = 10
5×1 = 5
5×2.75 = 13.75
5×2.5 = 12.5
Ida'aamni isaa 120 keessaa 77.5 ta'a kanas baay'ina ECTS 30'f hirra sunis 2.58 dhufa. Qabxiin Tolaa 2.58 jechuudha.
Seemisteera jalqabaa irratti, GPA'n;
1.75-4.00 ➡Promoted
1.50-1.75 ➡Warning
1.00-1.50 🔫Academic dismissal
0.00-1.00 ❌Complete dismissal ta'a.
Kuni tarii Yuunivarsiitii dhaa Yuunivarsiitiitti garaa garummaa qabaachuu danda'a.
Wanti gaaffii isinitti ta'e yoo jiraate karaa group keenya irratti gaafadhaa!
Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!
Nu hordofaa: #subscribe godha
YouTube
https://youtube.com/@abdiisabaatubeFacebook
https://www.facebook.com/empirestateatomanTelegram channel
https://t.me/ABDII_SABAA_MEDIATelegram channel
rel='nofollow'>Https://t.me/MEDIA_OMN