ODUU JIJJIIRRAA
Arsenal Merino mallatteessisuuf qarqara irra gaheera; Wan Bissaakaan gara West Haam deemuu fedha
Taphni idilee eegalamuuf yeroon dhihaachaa waan jiruuf kilabootni hedduun dorgommii bara dhufuuf of cimsanii argamuuf taphattoota mallatteessisuu irratti argamu.
Haaluma kanaan West Haam gara Maanchister Yuunayitiditti yaada isaa qajeelfachuun taphataa sarara ittisaa karaa mirgaa seeyxanoota diddiimoo ganna 26 kan tahe Waan Bissaakaa fudhachuuf walii galtee irra gahee jira. Taphataan kunis gara West Haam deemuuf fedha akka qabu dubbatama. Kan hafe gatii irratti walii galuudha.
Akkasumas taphataan lammii Ispeen umurii 28 kilaba Riyaal Soosidaadiif taphataa ture, Mikeel Meerinoo, gatii Yuuroo miliyoona 30tti tilmaamamuun gara kilaba warra dhukaastotaa Arsenal dhufuuf walii galtee irra gaheera.
@GadaSports