Humna Qalamaa


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Qalama qalloon ergaa balloo

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Labsiin dilbataa labsamuudhaaf jedha! Egaa labsiin dilbata maal akka tahee fi taateewwan dinqisiisoo tahaa jiran kana dursee kan caqasu kitaaba kana kan barbaaddan na quunnamtanii fudhachuu dandeessu.






Labsiin dilbataa labsamuudhaaf jedha! Egaa labsiin dilbata maal akka tahee fi taateewwan dinqisiisoo tahaa jiran kana dursee kan caqasu kitaaba kana kan barbaaddan na quunnamtanii fudhachuu dandeessu.


Kitaaba "Taateewwan guyyaa dhumaa" jedhu kan Ellen G. White' barreeffame yoo ta'uu, qabatamaatti taateewwanii fi mudannoowwan guyyaa dhumaa tahaa jiran kana jaarraa 20ffaa keessa mullataan argitee lafa kaa'uu dandeesseetti. Magaalotaa fi baadiyyoota irratti maal akka ta'u duraa duubaan (chronologically) barreessiteetti.

Boqonnaa 8ffaa isaa keessatti taatewwan magaalota mudatan yeroo keessuu, dhumni boqonnichaa Chikaagoo fi Los Angeles balaa Ibiddaa fi bubbeedhaan akka isaan barbadaa'anii fi diigaman ...ibsitee goolabdi.

Boqonnaa 9ffaa ishee garuu dubbii jabaa kan tahee "Waa'ee Labsii dilbataa" (Sunday laws) akka labsamu sirriitti kafa keessi.

Diigamuu Los Angeles tti aansitee kallattiin taateen isheen eerte labsiin dilbataa akka diriiruudha.

Dubbii suukanneessaan ni fi naasisaan guyyaa harraa White house keessaa dhagahame akka ibsutti #DONALDTRUMP2024 aangoo qabatee sa'atii 24 osoo hin guutin labsii dibataa akka labsamuuf eeyyama gaafatamee Mallattoodhaan mirkaneessuuf jedha.

Join us


Breaking News:
Adveentistoota guyyaa torbaffaa hundaaf, Phaaphaasiin Qulqulluun Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Seera labsii Dilbata Biyyaalessaa baatii kana akka raggaasisan affeeraniiru.  Pirezidaantiin SDA Teed Wiilsan miseensonni SDA addunyaa maratti argaman hundinuu akka kadhatan, of kennuu dhuunfaa akka qabaatan, qulqullummaa dhugaatiif haaromsaa fi haaromsa hafuuraa irratti akka tokko ta’an waamicha dhiyeessaniiru.  Kunis guyyoota 7f, ganama sa'aatii 1 hanga galgala sa'aatii 1tti, bifa rooba isa boodaatiin hafuurri qulqulluun akka dhangala'u gaafachuuf kan raawwatamu ta'a.  Ergaa kana miseensota SDA hundaaf dabarsaa.
........
🛑Breaking News:

To all Seventh-day Adventists, the Holy Pope invited US President Donald Trump to pass the National Sunday Law this month.  SDA president Ted Wilson called on all SDA members around the world to pray, have personal dedication, and unite in reform and spiritual renewal for true holiness.  This will be done for 7 days, from 7 AM to 7 PM, to request the outpouring of the Holy Spirit in the form of the latter rain.  Please forward this message to all SDA members.




Yaa ishee tokko natti qabuutti,
Afur ofitti qabattu 👉
Nagaa koon siif dhiheessaa,
Akkam jirta hamattuu! 👋
...
Silaa,
Baaltiif qaaruu si nyaataa
Arrabni kees dhundhumaa
Boojjitoo luqqifattee,
Bukeessuu feeeta hundumaa
...
Qullaa koo gabaa baasuuf,
Muka shantama kortaa
Utubaa ija kee dhiiftee,
Huuba ija kootii qortaa
...
Takka waa'ee jilba koo,
Takka immoo waa'ee dugdaa
Anumaan ciree nyaatta,
Anumaan bunas dhugdaa
...
Ahhhhhh.....
Utuuti hin kufee jettee,
Salphina koo lallabduu
Ani fagoo ga'eera ,
Abjuunuu nan qaqqabduu!
...
Jedhamma hojiirran jiraa,
Yeroo gaarii qabaadhu
An deemsa koon jabaadhaa,
At oduu kee jabaadhu!......
🤗
✍Lata Qanai


Hindhufiin Godoo koo


Aarii koof sossobii
Ushururuu garaa
Moo...lafatti nahaqxee
Adeemtaree karaa
**
'Siq'jedhee yoon bo'ee
Keessoo imimmaanii
Yoo...ani balfa ta'ee
Nagataree naanii!
*
Miirra koo uruursee
Yoon mudaa koo dhoksee
Dhibeen koo nacaalee
Tarii yoo najoorsee
**
Du'a koo shakkitee
Kuttaa laata abdii?
Qooda naaf iyyitu
Deemta laata badii?
***
Akka gaafa sanaa
Ta'uu baannaan egaa...
Jaalalli afaanoomee
Fiduu hinoolu deega
**
Eeyyee naan sodaadhe
Hireedhaa jireenyi
Guyyaa gaafa rakkoo
Yoo laafee jabeenyi
***
Kana ta'uu baannaan
Hindhufiin godoo koo
Ani godoo deemtu
Fira hinqabu tokko!
Hindhufiin Godoo koo!
❤️

Girma Gadisa Balcha


#Boolli ati naaf qotte
Si'iif mana ta'a
#Ifaa kee dhaamsinaan
Sitti dukkanaa'a

#Mee hammeenya dhiisi
Gaarummaa bubbulchi
Haaraa qotuu mitii
Isum qottee duuchi
#Anaaf dawaa ta'ee
Si hin miidhu qorichii

Liqimsi!


Walaloo fi Asoosama Afaan Oromoo dan repost
Yeroo baay'ee xiyyeeffannoo argachuun jaalala nutti fakkaata. Kanaafi kan gadi-fageenyaan miira keenya waliin dararamnu. Rakkoo baay'ee yaada keenya keessatti irra deebinee uumna. Of gad dhiifnee jireenya keenya yoo jiraanne sun waan nun jeeqne qaba. Jaalachuun gaariidha. Wanti miiraan hojjennu hundi garuu waan haga dhumaa nu waliin turu miti. Yeroof nutti toleeti. Yeroo boodammoo nu saalfachiisa.

Inumaa garmalee nu cabsa. Fayyuuf haga nutti cimutti. Ija ol qabatanii nama ilaaluu haga jibbanitti, kabaja haga wallaalanitti, miirri ofii dantaa haga dhabutti, yaadni keenya haga adoodee of gatutti, haalota kamuu jecha ittiin ibsinu haga dhabnutti, dubbachuuf arrabni keenya haga hidhamaa ta'utti gidiraa argina.

Kana boodas fayyuuf ammas harka namaa nu barbaachisa. Namni garuu afuuruma isaa keessatti yoo obsa liqimse, miira isaa keessa yoo darbee of arge waan gochuu qabu hubata. Amma isa gahutti gaafa waan isa butuchu keessa darbe. Gadi taa'ee of qulqulleessuu jalqaba. Yoo ta'eef lama dhama'uurra ammuma osoo waan nu dararu ilaallee wayya. Yoo ta'uu didemmoo ba'aa har'a ofitti feenu boru baachuu akka dandeenyutti of jabeessuun gaariidha. 🥀

Siifan Biraanuu ti.

@WalaloofiAsoosama


Sona Seenaa dan repost
Seenaa Helen Keller

Dhalattee gaafa waggaa tokkoof ji'a torbaa taatu infekshinii
sammuun hubamtee, iji ishee arguu, gurri ishiis dhaga'uu dhaabe!
Helen Adam Keller, qaama hirrattus, bifa mala Tadoma (kan namoota iji hin hin
arginee fi gurri hin dhageenyeef oolu) jedhamuun namoota waliin wal
qunnamuu eegalte. Turtii yeroo dheeraa keessa yaada ishii ibsachuu,
kan namootaas fudhachuu eegalte. Helen Keller:
● Ijaa arguu fi gurra dhaga'u osoo hin qabaatiin kolleejjii irraa Bachelor
of Arts Degree'n eebbifamuun dhala namaa jalqabaa taate!
● Kitaabota 14 ol barreessite!
● Barreefama xixiqqoo (essay) 500 ol katabde.
● Haasawa jireenya namoota hedduu jijjiiran taasiste!
● Aktiivistii cimtuu siyaasa yeroo sanii turte.
● Falmituu mirga namoota qaama hir'uu taatee dubbatteef!
● Kkf erga fiixaan baafattee booda,
dhalattee waggoota bu'a qabeeyyii 88 jiraattee, boqatte!
Har'a illee guyyaan dhaloota ishii (June 27) biyya Ameerikaa,
Pennsylvania keessatti ni kabajama, dabaree seenaas tahee jira.
#Sona_Seenaa


Yaa namaa...
============
Innumti nu kadhannu
Yaa waaqa uumaa jennee
Bineensa kaan caalcisee
Sammuu yaadu nuuf kenne
-
Namammoo kan taasisu
Beeyladaa irraa adda
Gammachuu kee qoodatee
Yoo miidhamte siif gadda
-
Kan ammaa maal jennu ree
Hammeenya hangas ga'e
Namumti jijjiiramee
Bineensa gaaraa ta'e
-----------Yaadni hin raawwatu...∞

❤️


Bara Jaalalli Ture

Bara dhangaan akaayii
Bunniif mulluun irbaataa
Hundinuu nyaatee quufee
Kolfee waliin taphataa

Bara ibsaan Korraazii
Teessoo suphee tolchanii
Barcuma miilla sadii
Waddeessa'rraa soqanii

Bara biddeen tokkichi
Nama shaniin nyaatamuu
Bara raafuun coomarra
Jaalalaan sooratamuu

Bara ollaan Wal waamee
Waliin dhiichisee sirbuu
Hammatee Wal dubbisee
Nagaan Wal bira darbuu

❤️

✍️MMaraatuu Ilma Haqaa

14 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.