Dubartii qaroo(ija) hin qabne tokkotu sababa ija hin qabneef gaafa hundumaa of jibbiti,jireenya ishiis, ofis abaarti. Guyyaa tokko namichi tokko ija isaa lamaan isheedhaaf kenne. Isheenis yeroo jalqabaaf lafa agarte.hiriyaan (kaadhimaan) ishii hir'ina ishii waliin kan hedduu ishii jaallachaa ture tokko dhufee "amma egaa si waliin gaa'elatti seenuun barbaada, natti heerumtee na wajjiin jiraachuu dandeessaa?" jedhee gaafate.
ishiinis gaafa ol jettee ilaaltu innis akkuma ishii duraanii qaro dhabeessa akka ta'e yommuu hubattu baay'ee naate."ani gonkumaa sitti hin heerumu" jetteen.
Kaadhimaan ishii sunis boo'icha guddaa erga boo'ee booddee xalayaa tokko barreesseefii deeme.xalayichis "ijakoo lamaaniif of eeggadhu" kan jedhu ture.edaa ija ishiin ittiin lafa agarte sun kan isaa ture....
Baay'een keenya gaafa jireenyi keenya fooyya'u lafa kaleessa waaqayyo nu kaasee fi namoota haala keenya rakkisaa kaleessaa sana keessatti gatii nu wajjiin kaffalan hin yaadannu.kun immoo nu tuffachiisa.
Abboota si gorsanii karaarra si buusan erga deemsa qajeelfattee hin ganin waaqayyo si gaafataa!
Yommuu ati humna hin qabne warra humna siif ta'an yeroo fooyyoftu darbattee bira darbuun salphina. Namoota baayyee lafa kaleessa dhufan dagataniif ergaa guddaa ni dabarsa jedheen amana.
* Arraba amma qabdu kanaan jecha fokkisaa dubbachuukeen dura namoonni dubbachuu hin dandeenye immoo akka jiran beeki.
* nyaata nyaachaa jirtu hin miyaa'u jechuukeen dura namoonni waan nyaatan hin qabne akka jiran beeki.
* jireenya jibbuukeen dura namoonni utuu jiraachuu barbaadanii har'a du'anfaa akka jiran yaadadhu.
* Ijoollee keetti aartee, gungumuukeen dura ijoollee dhabanii kan boo'an akka jiran yaadadhu.
* quba namatti qabuukeen dura atis mudaa akka qabdu yaadadhu.
* fageenya hamma kanaan konkolaataa oofaa ykn miilaan deemaa jettee aaruukeen dura namoonni fageenya kana deemuu dhiisiitii siree irraa gad buhuu hin dandeenye akka jiran yaadadhu.
#Share...like...Channel
t.me//Ifa_Dhalootaa