Dhugaa Barbaadi☝️


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Gaaffii Kiristaanonni Gaafataniifi Deebii

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


🔴Qur'aanni Akkamitti Barreefamaan Walitti Qabamee?

Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbii, Nabiyyi Muhammad (SAW) irratti buufame fi isa dubbisuun akka ibaadatti kan ilaallamuudha.
Qur’aana keessatti yeroo baay’ee maqaa Qur’aanaa agarsiisuuf jechoonni lama irra deddebi’amanii mul’atu. Isaanis; Qur’aanaa fi Kitaaba. Lugaa Arabiffaa keessatti “Qur’aanni” hiika “dubbisuu” qaba[1]. Kuni kan agarsiisu Qur’aanni qubeewwan walitti fiduun arrabaan dubbifamuu kan danda’amuudha. Karaa biraatin “Kitaaba” jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha.

Kanaafu, maqaaleen Qur’aanaa lamaan kunniin ergaa gurguddaa lama dabarsuu jechuudha.
1ffaa: Jechi “Qur’aana” jedhu sammuutti qabatamuun (haffazamuun) eeggamuu isaa kan agarsiisu yoo ta’u
2ffaa: Jechi “Kitaaba” jedhu immoo waraqaa ykn meeshaa barreefamaa irratti galmaa’un tiikfamu isaa mul’isa.

Kanaafu, Qur’aana keessatti tasa dogongorri yoo uumame, maddoota lamaan kanniin keessaa tokkoon ni sirreeffama. Fakkeenyaf, namni tokko suurah (boqonnaa) Qur’aanaa sammutti qabate osoo kitaaba hin ilaalin dubbisuu yoo dogongore, kitaaba ilaalun sirreefachu danda’a. Ammas, osoo Aayata ykn suurah Qur’aanaa waraqaa irratti print godhanuu ykn barreessanu ykn Aplikeeshinii telefoona irratti yoo dogongoran, namni Qur’aana guutuu sammutti qabate dogongora kana ni sirreessa. Qur’aanni haala kanaan jijjiramu ykn irraa haaqamu ykn itti dabalamuu irraa hanga Guyyaa Qiyaamatti ni eeggamaa jechuudha. Dhugumatti Rabbul Aalamiin ni jedha:

“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9
Kanaafu, qulqullinnaa fi tiikfamu Qur’aanaa ilaalchisee wanti nama shakkisisuu hin jiru.

Qabxii armaan olii keessatti karaalee Qur’aanni walitti qabamee keessaa karaa tokkoffaa ilaalle jirra. Innis Qur’aana guutu qomatti qabachuudha. Rabbiin waan hundaa irratti danda’aa ta’ee akkuma yeroo ammaa namoota miliyoonatti lakkamaan Qur’aana guutuu qomatti akka qabatan taasise, yeroo jalqaba Nabiyyi irratti buusus Nabiyyiif qoma isaa keessatti walitti qabee jira. Faaruu fi galanni hundii Rabbiif haa ta’u. Karaan lammataa Qur’aanni walitti qabamee karaa barreefamaatin.

Qur’aanni kan Barreefame
↪️Jireenya Nabii Muhammad (SAW) Keessattidha.

Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana (wahyii) Rabbiin irraa isaanitti dhufu ofiin barreessu waan hin beekneef barreessitoota gurguddaa sahaabaa irraa ta’an kan akka Aliyyi, Mu’aawiyaa, Ubayy bin Ka’abii fi Zayd bin Saabit fa’a kaa’uun yeroo keeyyanni (aayan) wayii buufamtu akka keeyyata san barreessan isaan ajaju turan. Iddoo ishiin itti barreefamtu fi boqonnaa (suuraah) ishiin keessatti barreefamtus Nabiyyitu barreessitootatti hima.

Fakkeenyaf, Zayd bin Saabit Masjiida Ergamaa Rabbitti dhiyoo waan ta’eef, wahyiin yommuu bu’u Nabiyyiin yeroo baay’ee akka barreessu isa waamaa turan. Yeroo Aayan waa’ee Jihaada dubbattu buutu, Ergamaan Rabbii (SAW) meeshaa barreefamaa waliin Zayd bin Saabit waaman. Ergasii Aaya jihaada ni dubbisaniif, Zayd immoo ni barreessa. Osoo Ergamaan Rabbii dubbisanuu, ibn Um-Maktuum dhufee akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii, Rabbiin kakadhe osoo danda’e silaa karaa Rabbii irratti nan qabsaa’a.” ibn Um-Maktuum ijaan hin argu ture. San booda Rabbiin “ ‏{‏غَيْرَ أُولِي الضَّرَرِ‏}‏” (warra miidhama qaban malee) jettu buuse.” Sahiih Al-Bukhaari 4592

Ammas, barreefamaan booda wanta barraa’e mirkaneessun (proofreading) ni jira. Galmeen aayaata (keeyyattootaa) erga xumuramee booda, dogongorri akka hin uumamneef Zayd Ergamaa Rabbiitiif ni dubbisa.
Bifa kanaan qur'aanni dogongora irraa tikfamuudhaan har'a gahee jira fuuldurattis bifuma kanaan tikfama. Inshaa Allah ☝️

Sher gochuu hin dagatin JZK

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa


Rabbiif Salaatuu Iyyasuus kiristoos Macaafa qulqulluu keessatti
______
Yesuus Gabricha Rabbii ta'uunsaa ifaan ifatti macaafa kessatti dubbatameera.
Yesuus halkanii fi guyyaa keessattis kadhannaa gooftaa isaatiin akka dhaabbachaa ture macaafni ni dubbata. Haa ta’u malee, hubannoon kiristaanota hedduu faallaa kanaati. Inni ergamaa Rabbii tokkichaati. Mee waa'ee kanaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka dubbate haa ilaallu. Garuu keewwattoota macaafa qulqulluutti ni amanu taanaan na mormuu fi Arrabsus hin qaban. Gaafa Dubbii arrabaa eegalan, ana odoo hin taane kitaaba arrabsutti akka jiran haa beekan...

"Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule."(Luqaas 6: 12)

"Tuuta sana erga gad-dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture."(Maatiwoos 14: 23)

"Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, "Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti as taa'aa!" jedhe.Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. Si'a lammaffaas achi hiiqee kadhatee, "Yaa abbaa koo! Xoofoon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin danda'amu yoo ta'e, jaalalli kee haa raawwatamu" jedhe.Ammas isaan dhiisee achi hiiqee si'a sadaffaa kadhatuma isaa duraa kadhate. (Maatiwoos 26:36-44)

"Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate." (Maarqoos 1: 35)

"Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee, "(Maarqoos 14: 35)

"Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e." (Maarqoos 6: 46)

"Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke." (Luqaas 5: 16)

"Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule." (Luqaas 6: 12)

"Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, "Namoonni kun eenyu anaan jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate." (Luqaas 9: 18)

"Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko, "Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!" jedheen." (Luqaaas 11:1)

"Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime."(Luqaas 18: 1)

"Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture;" (Luqaas 22: 41)

Gaaffiin qaba...Iyyasuus kiristoos erga Waaqayyoon ta'e, Waaqayyoon inni kadhate sun hoo eenyu??

Ragaaleen armaan olii hundi yesuus ergamaa Rabbii akka ta'ee fi Gabricha isaa akka ta'e nama hubachiisa. Gooftaan homa tokkoofuu hin salaatu, homa tokkos hin kadhatu, Waaqayyoon gaafa kadhateera, salaateera, soomeera gaafa jenne, qaamni sin Rabbiin ta'uu hin danda'u. Inumaayyuu yesuus Rabbii tokko qofa faarsaa tureera malee, Rabbummaa mataa isaa dubbachaa akka hin turre ifa galaadha.

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa


ilma maryam

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin.

مَّا الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ الرُّسُلُ وَأُمُّهُ صِدِّيقَةٌ
5፥75 Masiih llma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee kan biraa miti Haati isaas akkaan dhugoomsituudha.

Bataskaanni Hawaariyati Ethiopia "Yesuus qofa/only jesus" jedhamuun beekaman Yesuus ilma mariyami miti jedhani amanu. Falmii kufaa kana haala amansiisaa ta'een Haa ilaallu. Gooftaan keenya allah Qur’aanaa keessatti yeroo 23 "ibnu marym" بْنُ مَرْيَمَ jechuudhan Yesuus ilma maryam akka ta'e nuuf hima.
مَّا الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَمَ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ الرُّسُلُ وَأُمُّهُ صِدِّيقَةٌ
5፥75 Masiih llma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee kan biraa miti Haati isaas akkaan dhugoomsituudha.

"Haadha isaa" kan jedhu jala sararaa, ilmi tokko kan waamamu abbaa isaatin akka ta'e beekamadha, Haa ta'u malee Yesuus abbaa waan hin qabneef haadha isaatin "Ilma maryam" jedhamee waamama. Macaafa qulqulluunis taanan Yesuus ilma maryam akka ta'e ni dhoksaa ? Goonkumaa hin dhoksuu, sanuu firee gadaamessaa ishii akka ta'e barsiisa.

“Sagalee ishee ol fudhattee dhageessiftees, "Ati dubartoota hundumaa irra eebbifamtuudha; mucaan ati gadaamessaatti baattus eebbifamaa dha.”
  — Luq. 1:42
“Utuu Yoseef kana yaadaa jiruu, kunoo, ergamaan gooftaa abjuutti itti mul'atee, "Yaa Yoseef ilma Daawit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef, ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin!”
  — Mat. 1:20

isheen kan ulfuufte hafuura qulqulluun waan ta'eef kan isherra dhalatu kun ilma isheeti.
“angafa ilma ishee deessee,
  — Luq. 2:7
“Haa ta'u iyyuu malee, inni hamma isheen ilma ishee deessutti ishee hin barre; mucicha immoo "Yesus" jedhee in moggaase.”
  — Mat. 1:25

Mariyam haadha Yesuus akka taatee barreesitoone wangeelotas ta'e Gabri'el haadha isaa jechuun nu akeekkachiisu.
“Abbaan mucichaa fi haati isaas waan Simi'oon waa'ee mucichaaf dubbate hundumaa in raajeffatan.”
  — Luq. 2:33
“Manatti lixaniis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatanii,
  — Mat. 2:11
“Erga jarri biyya isaaniitti sokkanii immoo, kunoo, ergamaan gooftaa tokko abjuutti Yoseefitti mul'atee, "Ka'ii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii biyya Gibxiitti baqadhu! Herodis mucicha ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi!" ittiin jedhe.”
  — Mat. 2:13
“Yoseef yommus ka'ee mucichaa, haadha isaas fudhatee halkaniin, biyya Gibxiitti in sokke.”
  — Mat. 2:14

Yesuus *ilma namaa* jechuudhaan yeroo 81 akka of waamee wangeelota afran keessatti barrefame ni argama. Ilma nama jechuudhaan yeroo 30 wangeela maatewos kessaa, yeroo 14 wangeela marqoos kessatti, yeroo 25 Wangee luuqaas kessatti, yeroo 12 immoo wangeela Yohaannis kessatti ni argama. Bara 250 AD irratti kan aragame "papyrus" 1 irratti yeroo 30 akka ilma nama ofiin jedhe qorannoowwan ni agarsiisu. Yesuus ramaddii 3ffadhaan akka ilma namaa ta'e sirritti akeekkachiise dubbate jira.

“Inni ilma namaa isa ulfina-qabeessa waan ta'eef, abbaan isaa firdii akka inni faraduuf gooftummaa kenneeraaf.”
  — Yoh. 5:27
“Ilmi namaa yommuu dhufe, in nyaata, in dhugas; isaan immoo, 'Ilaa nama albaadhessaa fi machaa'aa kana, hidhata warra qaraxxuutii fi warra akka seeraatti hin jiraannee' jedhu. Haa ta'u iyyuu malee, ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate" jedhe.”
  — Mat. 11:19

Yesuus Raajiin inni dalagu martuu uumaa (rabbi) irraa kan kennameefidha. Mariyam irraa ulfaa'e waan dhalateef ni beela'a, ni dheebota, ni dadhaba, wanta afaanin nyaatee  bakkeedhaan ni qulqulleffata.
“Wanti afaaniin lixu hundinuu, mar'umaanitti darbee bakkeetti akka ba'u hin qalbifattanii ree?”
  — Mat. 15:17

Gara samii erga lixee booda hoo ? Ilma namaati moo maal inni ? Yoo jedhame ammas Isxifaanos kan samiirratti arge ilma namaa qofa.
“"Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa banamanii, ilmi namaas gara mirga Waaqayyoo dhaabatee nan arge" jedhe.”
  — HoE. 7:56

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa




«”Ati namoota Israa’eliin, ‘Waaqayyo akkana jedha:- Namoota Israa’el keessaa, galaa biyya Israa’el keessa jiraatu keessaas namni tokko illee dhala isaa keessaa tokko Moleekiif aarsaa yoo dhi’eesse, mama malee haa #ajjeefamu ! Namoonni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa rukutan!»(Seera Lewwootaa 20:2)

11•

«Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa abaaru mama malee haa #ajjeefamu! Inni abbaa isaa yookiis haadha isaa waan abaareef, dhiigni isaa mataadhuma isaa irraa haa barbaadamu!»(Seera Lewwootaa 20:9)

12•

«”Namni tokko akka nama dubartii bira ga’utti horii bira yoo ga’e, mama malee haa #ajjeefamu! Horii sanas isin ajjeesaa!»(Seera Lewwootaa 20:15)

«Akka dubartii dhiira bira geessutti dubartiin tokko horii bira ga’uudhaaf yoo itti dhi’aatte dubartittii, horii sanas isin ajjeesaa! Isaan mama malee haa ajjeefaman! Dhiigni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu!»(Seera lewwootaa 20:16)

13•

«Namni maqaa ana Waaqayyo arrabsuudhaan salphisu haa ajjeefamu! Guutummaan waldaa sanaa dhagaadhaan isa haa rukutu! Namni galaanis akkuma nama biyyaatti yero
Seera Leewotaa 24:16

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa


LUBBUU AJJEESUU FI BALLEESSUU EENYUTUU AJAJA?
{Qur’an Vs Bible}
…_/\_/\_/\_/\_/\_/\_/\_/\…

—————————————————–

Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa akkaan Raahmata Godhaa ta’eetiin.
Hordoftoonni Amantii Kiristiyaanaa Yeroo baay’ee Amantiin islaamaa kan babal’atte Lubbuu namaa Ajjeesuu fi Ballleessuun Babal’ate, Akkasuma Qur’aanni Kabajamaan Lubbuu Ajjeesutti Ajaja Jedhanii Wanta Bu’uuraa Fi Ragaa hin qabne Odeessaa Oolu. Haa ta’uu malee garuu Jecha isaanii kanaaf Ragaa dhiheeffachuu hin dandeenye hin danda’aniis. Nutis gama keenyaan Dhugumatti Amantiin fi Kitaabni Lubbuu Ajjeesuu fii Balleessutti Ajaju Isa kami? Gaafi jedhu Bu’uura Godhachuudhaan Qor’anoo taasifneen Qabxiiwwan Armaan gadii kanneen kitaaboota Amantii lamaanii irraa dhiheessuudhaan Isiniif dhiheessuuf yaalleerra. Madaallii fii Deebii isaas Sammuma keessaniif dhiifneerra. Hanga Dhumaatti Obsaan Dubbisa #Share Godhuudhaanis Hirrooyata keessaniif Qoodaa.
.
Qabxii Tokkoffaa:-
✔Amantiin Islaamaa Waa’ee Ajeechaa fi Mirga Amantiitiin Wal qabatee Maal Barsiisa Qabxii Jedhu Haa Ilaallu:-
.
Qur’aanni dhugaa jiru haala Armaan Gadii kanaan Lafa Kaa’a:-
.
• Akka Ilaalcha Amantii Islaamaatti Amantitti Nama Dirqisiisuun Hin Jiru, Namani Tokko Waan Fedhetti Amanuu fii Amantii Fedhe hordofuu mirga guutuu qaba. Gooftaan keenya kan Uumaa waan hundaa ta’e dhimma kana Qur’aana Jecha isaa ta’e kabajamaa keessatti Akkana jedha:-
.
«Amantii keessa dirqisiisuun hin jiru. Dhugumatti, qajeelumni jallina irraa ifa ta’eera. Namni xaaghuutatti kafaree, Rabbitti amane, dhugumatti haada jabaa hin cinne qabateera. Fabbiin dhagayaa beekaa dha.»(Al Baqaraah 2:256)
.
«Jedhis: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayi. Namni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaru.»(Al Kahfi 18:29)
.
•Gooftaan keenya Allaah Keewwata Qur’aanaa Biroo keessatti Namni Lubbuu Nagayaa takka Ajjeesuun Cubbuu Guddoo Akka taate nuuf Hima. Akkana jedha:-
.
«Namni Lubbuu takko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese, akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti.»(Al-Maa’idaah 5:32)
.
«Lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaa.»(Israa’i 17:33 & Al An’aam 6:151)
.
☞Kan Qur’aana Kabajamaa Erga hangana ilaallee, mee amma immoo gara macaafa Qulqulluu Warra firoota keenya Kiristiyaanootaatti Achi Dabarree Haa Ilaalla.
……………………………………………
✔Macaafni Qulqulluun Lubbuu Ajjeesuu fii Balleessuu Ilaalchisee Maal Barsiisa Laata? Hanga Xumuraatti Obsaa fii Tasgabbiin Dubbisaa:-

1•

«”Namni nama rukutee ajjeesu, innis immoo haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:12)

2•

«Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa rukutu haa #ajjeefamu!»(Seera Ba’uu 21:15)

3•

«Namni nama hatee yoo gurgure yookiis inni hatame isa harkatti yoo argame haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:16)

4•

«Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa abaaru haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:17)

5•

«Qotiyyichi duraan iyyuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee, abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee, garuu isa eeggachuu dhiisee dhiira yookiis dubartii yoo ajjeese, qotiyyichi dhagaadhaan rukutamee haa du’u! Abbaan qotiyyichaas immoo haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:29)

6•

“Kan Beneeldaa wajjiin Walqunnamtii saalaa raawwatu Haa #Ajjeefamu.”(Seera Ba’uu 22:19)

7•

«Guyyaa Sanbataa eegi inni siif qulqullaa’aa dha; namni qulqullinatti isa hin eegne haa ajjeefamu! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu saba isaa keessaa haa #balleeffamu !»(Seera Ba’uu 31:14)

8•

«Guyyoonni ja’a guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, guyyaa inni torbaffaan garuu guyyaa aara-galfannaa ti, guyyaan kun ana Waaqayyoof kan qulqullaa’ee dha; namni guyyaa Sanbataatti hojii hojjete hundinuu haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 31:15)

9•

«guyyoonni ja’a, guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, inni torbaffaan garuu Sanbata qulqullaa’aa guyyaa Waaqayyoof itti boqottan isiniif haa ta’u! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 35:2)

10•


Ergamaa ta'uu yesuus kiristoos
_____
Yesuus kiristoos ergamtoota Rabbiin Ergaman keessaa isa tokko yommuu ta'u, kitaaba towraatii dhogoomsuu fi ergamaa xumuraa; Nabi Muhammad [S.A.W] kan ta'aniin, addunyaa gammachiisuuf ergame. Waa'ee kanaatiif Qur’aanni akkana jedhaeera:

وَإِذْ قَالَ عِيسَى ٱبْنُ مَرْيَمَ يَٰبَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ إِنِّى رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيْكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَىَّ مِنَ ٱلتَّوْرَىٰةِ وَمُبَشِّرًۢا بِرَسُولٍ يَأْتِى مِنۢ بَعْدِى ٱسْمُهُۥٓ أَحْمَدُۖ فَلَمَّا جَآءَهُم بِٱلْبَيِّنَٰتِ قَالُوا۟ هَٰذَا سِحْرٌ مُّبِينٌ

And [mention] when Jesus, the son of Mary, said, "O children of Israel, indeed I am the messenger of Allah to you confirming what came before me of the Torah and bringing good tidings of a messenger to come after me, whose name is Ahmad." But when he came to them with clear evidences, they said, "This is obvious magic." [Chapter Safi 61:6]

Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa]Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan. (Suuraa As-Saffi 61:6)

Kitaaba waadaa Haarawaa keessattis yesuus nama ta'uu fi ergamaa Rabbii ta'uunsaa dubbatameera.

" Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiiilaa ti" jedhee deebise."
(Wangeela Maatiwoos 21: 11)

Wangeela Maarqoos keessatti akka dubbatametti, yesuus Nabiyyiidha jedhee mataa ofii waameera.

" Yesus immoo, "Raajiin iddoo biraatti malee biyya isaatti, lammii isaa gidduutti, mana ofii isaattis ulfina hin argatu" isaaniin jedhe. "
(Waneela Maarqoos 6: 4)
*Akka ibsa keewwata armaan olii kanaatti, Raajii jechuun ergamaa jechuudha.
Akkasumas, Yesuus akkana jedhee dubbateera;

" Yesus! "Namni isin simu ana simuu isaa ti, namni ana simus isa ana erge simuu isaa ti."
(Wangeela Maatiwoos 10: 40)
Akka keewwata kanaattis, Iyyasuus kiristoosiin eenyutu erge?

Wangeela Yuhaannis 17: 3 jalatti immoo akkana jedheera:

" Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kiristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti."
(Wangeela Yuhaannis 17: 3)
Ammas keewwanni armaan olii Iyyasuus kiristoos waa'ee Tokkochummaa Rabbii barsiise jedha.

#mee eessumatti yesuus kiristoos Rabbi jedhamee dubbatame? Rabbummaa yesuus kiristoos ilaalchisee macaafni qulqulluun waakkateera. Macaafa keessatti bakkuma tokkotti yesuus Rabbii keessanii na waaggessaa ykn na gabbaraa jedhee dubbatee hin beeku. Aangoo Rabbummaa eennutu isaaf kenneree?????

Odoo ani Nabiyyiidha ofiin jedhu, isaan Rabbi jechuun maaliif barbaachise??

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa


Rabbiif Salaatuu Iyyasuus kiristoos Macaafa qulqulluu keessatti
______
Yesuus Gabricha Rabbii ta'uunsaa ifaan ifatti macaafa kessatti dubbatameera.
Yesuus halkanii fi guyyaa keessattis kadhannaa gooftaa isaatiin akka dhaabbachaa ture macaafni ni dubbata. Haa ta’u malee, hubannoon kiristaanota hedduu faallaa kanaati. Inni ergamaa Rabbii tokkichaati. Mee waa'ee kanaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka dubbate haa ilaallu. Garuu keewwattoota macaafa qulqulluutti ni amanu taanaan na mormuu fi Arrabsus hin qaban. Gaafa Dubbii arrabaa eegalan, ana odoo hin taane kitaaba arrabsutti akka jiran haa beekan...

"Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule."(Luqaas 6: 12)

"Tuuta sana erga gad-dhiisee booddees, kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e; yommuu galgalaa'es kophaa isaa achi ture."(Maatiwoos 14: 23)

"Yesus yommus bartoota isaa wajjin gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqe; bartoota isaatiin immoo, "Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti as taa'aa!" jedhe.Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. Si'a lammaffaas achi hiiqee kadhatee, "Yaa abbaa koo! Xoofoon dhiphinaa kun utuun hin dhugin ana irra darbuun hin danda'amu yoo ta'e, jaalalli kee haa raawwatamu" jedhe.Ammas isaan dhiisee achi hiiqee si'a sadaffaa kadhatuma isaa duraa kadhate. (Maatiwoos 26:36-44)

"Ganama barii amma illee utuu hin ifin ka'ee, gad ba'ee gara iddoo namni hin jirree dhaqee, achitti Waaqayyoon in kadhate." (Maarqoos 1: 35)

"Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhatee, "(Maarqoos 14: 35)

"Tuuta sanatti erga nagaa dhaamee immoo kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba'e." (Maarqoos 6: 46)

"Inni garuu kadhachuuf gara lafa namni hin jirreetti jalaa sokke." (Luqaas 5: 16)

"Yeroo sanatti Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, achitti halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa bule." (Luqaas 6: 12)

"Gaaf tokko Yesus kophaa isaa utuu kadhatuu, bartoonni isaa isatti dhi'oo turan; inni immoo, "Namoonni kun eenyu anaan jedhu?" jedhee bartoota isaa gaafate." (Luqaas 9: 18)

"Yesus iddoo tokkotti in kadhata ture; kadhannaa isaa erga dhaabee booddee, bartoota isaa keessaa tokko, "Yaa gooftaa, Yohannis bartoota isaa akkuma barsiise kadhachuu nu barsiisi!" jedheen." (Luqaaas 11:1)

"Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime."(Luqaas 18: 1)

"Inni hamma darbannaa dhagaa tokkoo isaanittii fagaatee, jilbeenfatees kadhachaa ture;" (Luqaas 22: 41)

Gaaffiin qaba...Iyyasuus kiristoos erga Waaqayyoon ta'e, Waaqayyoon inni kadhate sun hoo eenyu??

Ragaaleen armaan olii hundi yesuus ergamaa Rabbii akka ta'ee fi Gabricha isaa akka ta'e nama hubachiisa. Gooftaan homa tokkoofuu hin salaatu, homa tokkos hin kadhatu, Waaqayyoon gaafa kadhateera, salaateera, soomeera gaafa jenne, qaamni sin Rabbiin ta'uu hin danda'u. Inumaayyuu yesuus Rabbii tokko qofa faarsaa tureera malee, Rabbummaa mataa isaa dubbachaa akka hin turre ifa galaadha.

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa


*Akkas ture *

1▶️ G: Waaqni eenyu?

D: Yesuus

2▶️ G:Yesus ilma Maariyaam ti?

D: Eeyyee

3▶️G: Maariyaam eenyutu uume?

D: Waaqa. 🙄

4▶️G: Waaqayyo eenyu?

D: Yesuus

5▶️G:Yesuus ilma dhalateeti?

D: Eeyyee

6▶️G: Abbaan isaa eenyu?

D: Waaqa.

7▶️G: Waaqayyo eenyu?

D: Yesuus. 🙄

8▶️G:Yesuus tajaajilaa Waaqayyooti?

D: Eeyyee

9▶️G:Waaqayyo eenyu?

D: Yesuus. 🙄

10▶️G:Yesuus fannoo irratti du'e?

D: Eeyyee

11▶️G: Eenyutu du'aa isa kaase?

D: Waaqa. 🙄

12▶️G: Waaqayyo eenyu?

D: Yesuus

13▶️G:Yesuus ergamaa dha?

D: Eeyyee

14▶️G: Eenyutu isa erge?

D: Waaqa. 🙄

15▶️G: Waaqayyo eenyu?

D: Yesuus.

16▶️G: Yesus yeroo lafarra ture waaqeffataa turee?

D: Eeyyee

17▶️G: Eenyuun waaqeffate?

D: Waaqa. 🙄

18▶️G: Waaqayyo eenyu?

D: Yesuus.

19▶️G: Waaqayyo jalqaba qaba turee?

D: Lakki....

20▶️G: Sana booda eenyutu dhalate 25 DEC?

D: Yesuus.

21▶️G: Waaqayyo eenyu?

D: Yesuus. 🙄

22▶️G: Waaqayyo eessa jira?

D: Samii irratti

23▶️G: Samii irratti meeqatu jira?

D: Waaqa tokko qofa.

24▶️G: Yesuus eessa jira?

D: Gama mirga abbaa isaa taa'ee jira.

25▶️G: Waaqayyo eenyu?

D: Yesuus.

26▶️G: Ergasii meeqa samii irra jiru?

D: Waaqa tokko qofa

27▶️G: Sana booda teessoo meeqa?

D: Tokko

28▶️G: Yesuus eessa jira?

D: Waaqayyo cinaa taa'ee.

29▶️G:Ergasii akkamitti taa'u?

D: Teessoo tokko irratti

As irratti kan hubatamu warra hafuura qulqulluu qaban qofa. 🙄 Maal kun burjaajaa'insii akkana.

Muslima ta'uun akkas bareeda, Rabbiin (SWT) hunda keenyaaf rahmata godhee karaa qajeelaa Isaa nuuf kenne Rabbiin nu hin jallissii,

amiiin.

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa




▶️1. RABBIIN Nabiyyii Aadam irraa jalqabee jiran hunda yoo Nabi Muhammad [S.A.W] yeroo isaanii keessatti ergaman itti amanuu fi isa hordofuu waadaa seensise.

▶️2. RABBIIN guddaan badii isaanii isa duraa fi isa boodaas dhiiseefii jira, kunis Nabi Muhammadiif qofa ture.

▶️3. RABBIIN umrii Nabi Muhammadiin kakatee jira. Beekaa ummata kanaa jedhamee kan beekkamu, '' Abdallaah Ibnu Abbaas '' akki jedhe; "RABBII jireenya nama tokkootiinuu hin kakanne yoo jireenya Nabi Muhammadiin taate malee." Ragaa kanaatiifis jecha Qur'aanaa suuraatu Al-Hijr suuraa 15 aayaa 72 irra jiru dhiheeffate: {(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.} [Qur'aana 15:72]

▶️4. Mu'jizaan ykn raajiin Nabiyyoota biroo yeroo isaaniitiin qofa daangeffama yoo ta'u kan Ergamaa RABBII Muhammad immoo hanga guyyaa Qiyaamaatti dhaabbataa dha. Inni Qur'aana kabajamaa dha!

▶️5. Ergamtoonni biroo gara ummata ofii qofatti kan ergaman yoo ta'u isaan garuu jinnii dabalatee addunyaa guutuuf ergaman.

▶️6. RABBIIN Nabiyyoota hunda Maqaa isaaniitiin kan waame yoo ta'u Ergamaa RABBII garuu kabaja isaaniif maqaa osoo hin ta'in " Yaa ayyuhannabiyyu " fa'a jechuun yaama.

▶️7. Kennaa Nabiyyoota kaaniif hin kennane isaaniif kennee jira. kanneen akka boojuu fudhachuu, adeemsa ji'aa tokkootitti diinni isa sodaachuu, dacheen marti ummata isaatiif xahaaraa fi masjiida ta'uun, addunyaa guutuuf ergamuu.

▶️8. RABBIIN Ummata isaa caaltuu ummatoota hundaa godhuu.

▶️9. Guyyaa Qiyaamaa dursa nama dacheen irraa banamtu ta'uu.

▶️10. Nabiyyoonni hundu guyyaa Qiyaamaa alaabaa isaanii jala hiriiruu.

▶️11. Nama dura balbala Jannataa rukutanii galan ta'uu.

▶️12. Shafa'aan guddoon guyyaa Qiyaamaa kan isaanii ta'uu .

Waan obsaan dubbiftaniif galatoomaa yoo irraa waa barattanis Share godhaa.

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa


"Abbaan koo ana caala" jedhe Yesuus.


Yohannis:- 14:28
('Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan, abbaan na caala'o,)


Gaaffiin asitti nu qabnu:-
1. Kiristaanotni fi pirootestanotni Yesuus Waaqa jedhu. Waaqni lamatu jiraa?
2. Akkamitti wal caalu?
3. Waaqni, Yesuusiin ni caala erga ta'ee, Yesuus akkamitti Waaqa jedhamee gabbarama?
4. Abbaa isa Yesuusiin caalu dhiisanii waan biraa gabbaruun maal fayyada?
5. Barnoota nabiyyoota durii kessatti Waaqa dhiisanii waan biraa gabbaruun jiraa?
6. Waan abbootiin keenya durii hin beekne eessaa fuudhanii fidani?
7. Tarii falaasamaa Phaawuloos ta'innaa laata?

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa


Al-Hajj الحج 22:27

وَأَذِّن فِي النَّاسِ بِالْحَجِّ يَأْتُوكَ رِجَالًا وَعَلَىٰ كُلِّ ضَامِرٍ يَأْتِينَ مِن كُلِّ فَجٍّ عَمِيقٍ

(Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi(Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu.

Sirna Hajjiis Raawwataa turanii jechuudha.

Arkaana Shananuu Raawwataa turan

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa


Gaaffii yeroo baayyee Kiristaanonni Gaafatan keessaa tokko!

Islaamummaan Waan Shan irratti Ijaarama jettanii Warri Nab Muhammad Sallallaahu Aleyhi wassallamﷺ 🥰 duraa Osoo Nab Muhammad hin dhufin dura Waan Shan kana Guutttataniiruu? kan jedhuudha. Eeyyen

Deebiin Isaa eeyyen Guutttataniiru

Arkaana Islaamummaa keessaa inni Duraa Rabbii tokkichatti Amanuu fi Ergamaa dhugoomsuudha warri Kana duraas eeyyen Rabbittis Amanaa turan Ergamattis

Al-Mā’idah المائدة 5:111

وَإِذْ أَوْحَيْتُ إِلَى الْحَوَارِيِّينَ أَنْ آمِنُوا بِي وَبِرَسُولِي قَالُوا آمَنَّا وَاشْهَدْ بِأَنَّنَا مُسْلِمُونَ

Yeroo ani gara hawaariyyootaa "Anaafi ergamaa kiyyatti amanaa" jechuu beeksisee isaanis "Nuti amanne; akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’i" jedhan [yaadadhu].

An-Nisā’ النساء 4:150

إِنَّ الَّذِينَ يَكْفُرُونَ بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ وَيُرِيدُونَ أَن يُفَرِّقُوا بَيْنَ اللَّهِ وَرُسُلِهِ وَيَقُولُونَ نُؤْمِنُ بِبَعْضٍ وَنَكْفُرُ بِبَعْضٍ وَيُرِيدُونَ أَن يَتَّخِذُوا بَيْنَ ذَٰلِكَ سَبِيلًا

Dhugumatti, isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti kafaran, kan gidduu Rabbiitiifi ergamtoota Isaa adda baasuu fedhan, “garii Isaatti ni amanna; garii Isaatti ni kafarra” jedhanii, gidduu sanitti karaa godhachuu fedhan,


أُولَٰئِكَ هُمُ الْكَافِرُونَ حَقًّا ۚ وَأَعْتَدْنَا لِلْكَافِرِينَ عَذَابًا مُّهِينًا

Isaan warra dhugaan kafaranii dha Nutis kaafirootaaf adabbii xiqqeessaa qopheessinee jirra.

2ffaa-3ffaan Salaata Eeyyen Warra Asiin Duraa irrattis Dirqama ture

Al-Anbiyā’ الأنبياء 21:72

وَوَهَبْنَا لَهُ إِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ نَافِلَةً ۖ وَكُلًّا جَعَلْنَا صَالِحِينَ

Isihaaqiin isaaf kenninee, Ya’aquubis dabalataan (isaaf kennine)Hundaayyuu gaggaarii goone.


وَجَعَلْنَاهُمْ أَئِمَّةً يَهْدُونَ بِأَمْرِنَا وَأَوْحَيْنَا إِلَيْهِمْ فِعْلَ الْخَيْرَاتِ وَإِقَامَ الصَّلَاةِ وَإِيتَاءَ الزَّكَاةِ ۖ وَكَانُوا لَنَا عَابِدِينَ

Imaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirraWantoota gaggaarii hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuus gara isaanitti wahyii goone Warra Numa (qofa) gabbaran turan

Iddoo kanatti waan lama Walitti qabe Salaataatiifi Zakaa walitti qabe Kanaafuu Salaatas kan Salaatan turan Zakaas kan
baafatan turan

Maryam مريم 19:54

وَاذْكُرْ فِي الْكِتَابِ إِسْمَاعِيلَ ۚ إِنَّهُ كَانَ صَادِقَ الْوَعْدِ وَكَانَ رَسُولًا نَّبِيًّا

Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Ismaa’iilis dubbadhu Dhugumatti, inni dhugoomsaa waadaa ta’ee jira Ergamaa, nabiyyiis ta’ee jira


وَكَانَ يَأْمُرُ أَهْلَهُ بِالصَّلَاةِ وَالزَّكَاةِ وَكَانَ عِندَ رَبِّهِ مَرْضِيًّا

Maatii (ummata) isaas salaatafi zakaatti kan ajaju tureGooftaa isaa birattis jaallatamaa ture.

Sooma hoo ni Soomu turanii Eeyyen kan Sooman turan

Al-Baqarah البقرة 2:183

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُتِبَ عَلَيْكُمُ الصِّيَامُ كَمَا كُتِبَ عَلَى الَّذِينَ مِن قَبْلِكُمْ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ

Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreeffameera.

Soomni warra Asiin Duraa irrattis Dirqama ture

Maryam مريم 19:26

فَكُلِي وَاشْرَبِي وَقَرِّي عَيْنًا ۖ فَإِمَّا تَرَيِنَّ مِنَ الْبَشَرِ أَحَدًا فَقُولِي إِنِّي نَذَرْتُ لِلرَّحْمَٰنِ صَوْمًا فَلَنْ أُكَلِّمَ الْيَوْمَ إِنسِيًّا

Nyaadhu, dhugii; ijaanis itti gammadiYoo nama tokko argites ‘Dhugumatti, ani Rahmaaniif eenyullee dubbisuu dhabuu qodhaa (nazrii) galeen jiraKanaaf hardha nama tokkos hin dubbisu” jedhi.

Maryamis Soomaa turte

5ffaa Hajjii Hoo kan Hajjan turanii ? Eeyyen
Al-Hajj الحج 22:26

وَإِذْ بَوَّأْنَا لِإِبْرَاهِيمَ مَكَانَ الْبَيْتِ أَن لَّا تُشْرِكْ بِي شَيْئًا وَطَهِّرْ بَيْتِيَ لِلطَّائِفِينَ وَالْقَائِمِينَ وَالرُّكَّعِ السُّجُودِ

Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu.)

https://t.me/KaraandhugaaIslaamummaaqofa


Guyyaa hudeeybiyyaa turan ummanni dheebotee Rasuulli ﷺ qodaa bishaanii takka fuudhanii wodda'atan ummanni isaan biratti wol gaye Rasuulli ﷺ maal feetan jedhaniin bishaan hin qabnu woti wodda'nnuufi dhuynus hin jiru waan Ati harkaa qabdu tana malee jedhaniin
Rasuulli ﷺ qodaa san keessa Harka isaanii gadi kaayanii bishaan Harka isaanii keekeessaan burquu eegalee Namni 1500 dhugee wodda'ate Sahaabichi Hadiisa kana odeesse odoo Nama kuma Dhibba taanee nuuf gaya jedhe

(Bukaari 3578)

@dhibamaa fayyisuu

Ija Aliyyii Ibnu Abiixaalib tan dhibamtu itti
tufanii fedha Rabbiitiin fayyisan Hadiisa Bukhaarii Lakkoofsa 4210

@Tika malaa'ikoonni ergamaa Rabbiitiif godhan

Hadiisa Abaahureeyraan odeesse
Abuu Jahli waan jedhe yoo Muhammad ﷺ
ka'abaa biratti kan Salaatu arge hin dhiisu morma irra ejjadha jedhee kakate
Rasuulli ﷺ odoo jarri ka'abaa bira jiran dhufanii Salaatatti seenan Abaa Jahli Rasuula irra ejjatuuf yeroo dhufu sodaatee duubaan irraa deebu'e maal taate jedhanii gaafannaan Anaaf isa Jidduu qilee ibiddaattu jira jedhe
Rasuulli ﷺ odoo Natti dhiyaatee silaa malaa'ikaan murnamurnatti isa kukkutte jedhan
(muslim 2797)

@Hollatiinsa gaarri uhudii Ergamaa Rabbiitiif hollate

أن النبي صلى الله عليه وسلم صعد أُحُداً ومعه أبو بكر وعمر وعثمان، فرجف بهم الجبل، فقال: «اثْبُتْ أُحُدُ فَإِنَّمَا عَلَيْكَ نَبِيّ وَصِدِّيقٌ وَشَهِيدَانِ»(رواه البخاري).

Rasuulli ﷺ gaara uhudii gubbaa koran Abii Bakri Umarii fi Usmaanii woliin jiran gaarii ni hollate Rasuulli ﷺ Yaa uhd Ssbadhu si gubbaa kan jiru Nabiyyii Siddiiqaa fi shahiidee lamaanii jedhanii
Gaarii ni dhaabbate

Asirraa Mu'ujizaan biraa kan muldhatu
Umarii fi Usmaan shahiidee ta'anii du'uu jaraati sun waan booda dhufe garuu Rasuulli ﷺ gaafasuma himan

Bukaari

@Mukni timiraa Ergamaa Rabbiitiif booyuu

عن جابر بن عبدالله رضي الله عنهما ((إِنَّ النَّبيّ صلى الله عليه وسلم كان يقوم الجمعة إلى شجرة أو نخلة، فقالتْ امرأةٌ مِنَ الأنصار أو رجل: يا رسولَ اللهِ ألا نجعل لك منبراً؟ قال: إِنْ شِئْتُمْ، فجعلوا له منبراً، فلمَّا كان يوم الجمعة دفع إلى المنبر فصاحت النخلةُ صياح الصبيِّ، ثم نزل النَّبيّ صلى الله عليه وسلم فضمَّها إليه تئن أنين الصبيِّ الذي يسكن، قال: كانت تبكي على ما كانت تسمع من الذكر عندها))

رواه البخاري (3584)
Rasuulli ﷺ guyyaa Jum'aa muka takka bira dhaabbatanii khuxbaa godhan intalti ykn gurbaan Ansaaraa tokko minbara(kortoo) siif wojjannuu jedhanii Rasuulli ﷺ yoo feetan jedhaniin guyyaan Jum'aa gayee minbarri hojjatamee Rasuulli isa irra bayanii kiluxbaa godhan mukni Akka daa'imaatti booye Rasuulli ﷺ bu'anii ufitti qaban Akka daa'imaatti huursitee caldhife
Zikrii Rabbii kan dhageettu saniif bootte jedhan
Bukaari 3584

@ Mu'ujizaa irraa waan fagoo jiru beekuu himuu

Guyyaa lola mu'taa Ajajoonni woraanaa sadi yeroo du'an madiinaa taa'anii beekanii himan kaalid Ajaja fudhatuus Achumaa beekan
Hadiisa Bukhaariin gabaase keessa jira
(Lk 4262 irratti ) Akkasuma Du'a Najaashii madiinaa taa'anii beekan kun hundi Ergaan Rabbirraa isaanitti dhufuu Ragaa qabatamaadha

Mu'ujizaan isaanii haalaan hedduudha amma haganumaan haa gabaabbannu
Rabbiin worra karaa isaanii irratti jiraatee irratti du'u nuhaa taasisu
وصل الله وسلم على نبينا محمد
https://t.me/islamummaankaraadhugaati


{وَإِن كُنتُمْ فِي رَيْبٍ مِّمَّا نَزَّلْنَا عَلَى عَبْدِنَا فَأْتُواْ بِسُورَةٍ مِّن مِّثْلِهِ وَادْعُواْ شُهَدَاءَكُم مِّن دُونِ اللَّهِ إِنْ كُنتُمْ صَادِقِينَ . فَإِن لَّمْ تَفْعَلُواْ وَلَن تَفْعَلُواْ فَاتَّقُواْ النَّارَ الَّتِي وَقُودُهَا النَّاسُ وَالْحِجَارَةُ أُعِدَّتْ لِلْكَافِرِينَ} [البقرة:23-24].
"Waan gabricha keenna irratti buufne yoo kan shakkitan taatan suura takka kan Akka isaa(Qur'aanaa) fidaa Ragaa keessanille Rabbiin malee fidadhaa yoo Akkas godhuu dadhabdan godhuus hin dandeettanii ibidda qabsiifmni isii Namaa fi dhagaadhaan ta'e sodaadhaa tan worra Rabbitti Amanuu dideef qophoofte "
(Al Baqara 23-24)

Qur'aanni gaaf buufamuu eegalee haga xumurametti haga amma jirru kanattiifi
Hanga guyyaa Qiyaamaattis Akkasuma dadhabsiisaa ta'ee itti fufe ittis fufa

Haala seer lugaa Akkataa dubbifamaa
Yaadota heddu jecha gabaabaan ibsuu
Akkaataa ibaadaa (Rabbi gabbaruu)
Seera jiruuf jireenya ilma Namaa
Mirga dhala Namaa
Haala uummamaatiifi saayinsii
Kana hundakan uf keessaa kan qabu yoo ta'u kitaabban Amantii Addunyaa kanarratti argaman tokkos kan isatti hin fakkaanne
Seerri ittiin bulmaataa kan ilmi Namaa baasu kumuu kan isatti hin qixxoofne

Akka mu'ijaazaatti Qur'aanni irra guddaafi Kan fakkii hin qabne yoo ta'u
Mu'ujizaaleen biroo kan yeroo isaan Lubbuun jiran isaan irraa Argames hedduudha

San keessaa tokko waan geeybaa ykn fagoo ilma Namaa irraa dhokataa ta'e beekanii himuudha waan ilmi Namaa kamuu bira gayuu hin dandeenne bira gayuun filannaa Rabbiiti tahuun ifa
filannaa santu Nabiyyummaadha.

Geeybaabaan iccitii Rabbiiti Namni tokkollee uumamni tokkollee itti hin dhaqqabu hayyama Rabbiitiin malee

وَعِندَهُ مَفَاتِحُ الْغَيْبِ لَا يَعْلَمُهَا إِلَّا هُوَ
" furtuun geeybaa /dhoysaadhaa /Rabbi bira jirti isa malee homuu isii hin beeku "
(Al An aam 59)

Kanaafuu Nabiyyiilleen yoo Rabbiin itti beeksise malee waan dhoysaa jiru tokko beekuu hin danda'u

لَّا أَقُولُ لَكُمْ عِندِي خَزَائِنُ اللَّهِ وَلَا أَعْلَمُ الْغَيْبَ وَلَا أَقُولُ لَكُمْ إِنِّي مَلَكٌ
"An kaaznaan/kuusaan Rabbii Nabira jira isiniin hin jedhu jedhiin geeybaas hin beeku Ani malakaadhas isiniin hin jedhu "
(An'aam 50)

قُل لَّا أَمْلِكُ لِنَفْسِي نَفْعًا وَلَا ضَرًّا إِلَّا مَا شَاءَ اللَّهُ ۚ وَلَوْ كُنتُ أَعْلَمُ الْغَيْبَ لَاسْتَكْثَرْتُ مِنَ الْخَيْرِ وَمَا مَسَّنِيَ السُّوءُ ۚ إِنْ أَنَا إِلَّا نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ لِّقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ
"Ani Nafsee tiyyaaf miidhaafii faa'idaas harkaa hin qabu waan Rabbiin fedhe malee
odoo geeybaa (dhoysaa) nibeeka ta'ee silaa toltuu heddummeeyfadha silaa hammeenyi nahin tuqu An worra Amananiif dinniinaafi Gammachiisaa malee nita'ee ? jedhiin "
(Al A'araf 188)

Duuba Namni Rabbiin Akkanatti irraa dubbatu kun wontoota Asii gaditti himuuf deemnu kana gargaarsa Rabbiitiin malee Akka hin hojjanneefi akka dhugumaan isa biraa ergame qalbiin dhugaa barbaaddu nihubatti

@mu'ujizaa irraa Jiini Addaan baqaquu

Mu'ujizaa nutti muldhis jedhanii gaafatannaan Jiini Adda baqaquu Qur'aanni yoo himu
اقْتَرَبَتِ السَّاعَةُ وَانْشَقَّ الْقَمَر
Qiyaamaan (guyyaan xumuraa) dhiyaatte Jiini baqaqe (Al Qamar 1)

عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْه أَنَّ أَهْلَ مَكَّةَ سَأَلُوا رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنْ يُرِيَهُمْ آيَةً فَأَرَاهُمْ الْقمر شِقَّتَيْنِ حَتَّى رَأَوْا حِرَاءً بَيْنَهُمَا

Worri makaa mu'ujizaa nutti muldhis jedhanii Rasuula ﷺ gaafatan Rasuulli ﷺ ji'a eddoo lamatti baqaqe itti mildhise hanga Jidduu isaatiin gaarri hiraa muldhatutti
(Bukaari 3579)

@Bishaan Harka isaanii jidduun burquu

عَطِشَ الناسُ يومَ الحُدَيْبَيَةِ ، والنبيُّ صلى الله عليه وسلم بينَ يَدَيْه رِكوةٌ فتَوَضأَ ، فجَهَشَ الناسُ نحوه ، فقال: ما لكم ؟! قالوا : ليس عندَنَا ماءٌ نتَوَضأَ، ولا نَشْرَبُ إلا ما بينَ يَدَيْكَ ، فوضَعَ يدَه في الرِّكْوةِ ، فجعَلَ الماءُ يَثُورُ بينَ أصابعِه كأمثالِ العُيونِ ، فشَرِبْنَا وتوضأَنَا . قلتُ : كم كنتم ؟ قال : لو كنَّا مائةَ ألفٍ لكَفَانَا ، كنَّا خمسَ عشرةَ مائةً . .
: صحيح البخاري - 3576


seenaan isaa haalaan dheeraadha gaggabaabsee dhiyeessa.

Inni Nama biyya faaris ture
biyya (iiraan) tan Amma jedhamtu tana

Abbaan isaa worra ibidda gabbaru Salmaan tokkochummaa Rabbii haalaan jaalatuu waan argeef Abbaan isaa Akka inni manaa hin baane isa dhoorga ture. garuu
Gaaf tokko Abbaan hajaadhaaf isa ergee odoo deemu kiristaanota bataskaana keessatti kadhatan Argee Amantiin tun teenya irra woyyaadha jedhee itti garee maalummaa Amantii sanii gaafate nihimaniif biyya sanii gara Sooriyaatti qeesota woliin deemee mana sagada Jaraa keessa ture qeesiin guddichi gaaf du'uuf jedhu

➡Kan birootti Akka dhaqu isaaf dhaame Akkasitti qeesonni sadi wolirra isa daddabarsanii kan dhumaa sun gaaf du'uuf jedhu Salmaan Amma garam deemuu Naaf woyya jedhee isa gaafate

Qeesichis Amma Namni Akka keenyaa kun lafa irratti waan hafe hin se'u garuu yeroon Nabiyyiin boodaa dhufu dhiyaatee jira
Inni biyya Arabaa keessan baya gara dachii dhagaalee gugurraachaatti tan timira qabduutti godhaana mallattoolee isaa irraa

•kennaa_kabajaa Ninyaata
•Sadaqaa_hin nyaatu
•ceekuu_isaa jidduu chaaphaa (maataba)Nabiyyummaattu jira biyya san dhaquu yoo dandeette dhaqi jedheen
Salmaan Akkasitti turee daldaltoota Arabaa woyii argee biyya Arabaa nageessaa jedhee waan qabu hunda kenneef isaanis waan inni qabu fudhatanii isallee gabra godhanii gurguratan Akkasitti gabrummaadhaan gurguramee madiinaa dhufe

Gaafa Rasuulli ﷺ biyya madiinaa dhufan
Dhagayee itti dhaqe nyaata woyii fidee Sadaqaa tana isiniif kennuu fedha jedheen Rasuulli ﷺ sahaabotaan nyaadhaa jedhan ufii hin nyaanne Salmaan tun mallattoo takka jedhe qabate

Yeroo biraa kennaa kabajaa fidee kenneef nifudhatan jedha tun mallattoo lammataati jedhe san booda yeroo isaan taa'an dugda isaanii duuba Naannaye jennaan Natti beekanii ceequu isaanii irraa uffata buusan jedha Achumaan maataba Nabiyyummaa Argee itti maramee dhungataa booye jedha
Akkasitti Salmaan mallattoo isaaf himameen haqa barbaadee dhugaadhaan wolgaye

{Sahiih Albaani } (2/556 )

@Mu'jiizaa ykn waan Namni Aadaatti godhuu hin dandeenne kan isaan muldhisan

Ragaan Nabiyyummaa guddaan Mu'ujizaadha
Mu'ujizaan waan Namni ufirraa kaasee ykn baruumsaan itti gayee hojjatuu miti wonti ilmi Namaa itti dhaqqabuu hin dandeenne kan Nabiyyii irraa argamu mu'ujizaa jedhama mu'ujizaan Nabi Muhammad ﷺ Guddaan #Qur'aana
Nabiyyoonni hundi mu'ujizaadhaan ergaman
Rabbiin Nabi Saalihiif dhagaa irraa Gaala baasuu laaffiseef Nabi Suleeymaaniif bubbee yaabbatuufi allaattiifi bineensota dubbisuu laaffiseef .
Nabi Muusaa dhaaf Bahra addaan kutee dhaabeef ulee bofatti jijjiireef Nabi Iisaadhaaf akka fakkii Allaattii hojjatee lubbuu itti afuufu laaffiseef nyaata gabataadhaan samirraa buuseef
Kun hundi Qur'aanaan himamee jira

kan Nabi Muhammad ﷺ kana mararraa caalaadha Mu:ujizaan isaanii hedduudha irra guddaan ammoo Qu'raana mu'ujizaan Ambiyoota dabranii hundi isaan woliin kadabran yoota'u kan Nabi Muhammad ﷺ ammoo hedduun jiraatanis Qur'aanni Mu'ujizaa dhumiinsa hin qabne

kunoo akkas jedhan
ما منَ الأنبياءِ نبيٌّ إلا أُعطِيَ ما مِثلُه آمَن عليه البشرُ ، وإنما كان الذي أوتيتُه وَحيًا أوحاه اللهُ إليَّ ، فأرجو أن أكونَ أكثرَهم تابعًا يومَ القيامةِ .
(صحيح البخاري 4981)
"Nabiyyota hundaafuu waanti Namni irratti Amanu kennamuuf malee hin hafne
Ammoo kan Anaaf kenname beeksisa Rabbiin gama kiyyatti beeksise (Qur'aana) guyyaa boodaaa hordoftoota irra hedduu qabaatuus ni Abdadha "
(Sahiih Al Bukhaarii 4981)

Qur'aanni durii kaasee haga guyyaa qiyaamaa mu'ujizaa ta'ee itti fufa akkuma jenne Mu'ujizaa jechuun dadhabsiisaa jechuudha Ummata Lugaa Arabaa keessatti daangaa gayan kan wolaloofii collummaa Afaaniitiin fakkii hin qabne keessatti Namni Duraan Hoolota faa tiysaa ture kan Barreessuufi dubbisuus hin dandeenne kan takkaa wolaloofii waan jarri biroo ittii beekamuunis hin beekamin
Qur'aana kanaan yoo dhufu worri itti Amanuu didanii mormanis Qur'aana kana kijibsiisuu ykn fakkii isaa fiduu miti keeyyata takkas fiduu hin dandeenne


الَّذِينَ آتَيْنَاهُمُ الْكِتَابَ يَعْرِفُونَهُ كَمَا يَعْرِفُونَ أَبْنَاءَهُمْ وَإِنَّ فَرِيقًا مِنْهُمْ لَيَكْتُمُونَ الْحَقَّ وَهُمْ يَعْلَمُونَ ﴾ [البقرة: 146].

"Worroonni kitaaba isaaniif kennine Akkuma ilmaan ufii beekanitti isa
(Nabi Muhammad ) nibeekan
Gariin isaanii Ammoo odomaa beekan haqa nidhoysan "
{Al Baqara 2:146}

Worri haqa dhoysuu barbaadu Nabi Muhammad ﷺ Namni Nabiyyummaa isaanii mirkaneesse woraqaa Ibnu Noowfal namicha jedhamu fa'a jedha woraqaan garuu mallattoo kitaaba worraa keessatti Arge qofa himeef

Akkasuma isatu Qur'aana barreesse jedhanii fakkeessuu yaalu garuu woraqaan yeroo du'u Qur'aanni suuraatul Al alaq irraa keeyyata 5 qofatu buufame
San booda woggaa 23 eessaa dhuferee ??!

Akkuma beekamu Qur'aani bifa shi'irii ykn wolaloo fakkaatu garuu kan wolaloon isatti dhiyaatuu hin dandeenyeedha
Nabi Muhammad ﷺ woggaa 40 takkaa wolalo'oon dubbatanii hin beekan !

Qur'aanni waan saayinsiin Reef irra gayu kan Lakkoofsa hin qabne fkn akkaataa uumama ilma Namaa garaa haadhaa keessatti maal Akka ta'e
Fi kkf hedduu dubbatee jira
Nabi Muhammad ﷺ odoo Rabbi itti beeksisuu baatee eessaa fidan ?!!

Nabi Muhammad ﷺ takkaa barreessanii hin dubbifne takkaa wolaloo hin jenne
Ergamuu duras takkaa qunnamtiin isaan woraqaadhaan qaban hin himamne !
_"""_

Worra kitaabaa kan Ragaa bayan keessaa
#Najaashii mootii Habashaa yeroo Sahaabonni baqatanii itti dhaqan Erga Qur'aana irraa dhagayee booda inni kun waan Muusaa irratti buufameen madda tokko irraa burqe jedhee booyee

Yeroo dura bu'aan muslimoota Habashatti baqatanii #Ja'afar Ibnu Abiixaalib
Qur'aana suuratul Maryam keeyyata
1 haga 6 itti dubbise Najaashiin akka malee booye qeesonni fi hojjattoonni isa bira tataa'anis haga woraqaan harkaa qaban harkatti jiidhutti booyan

Jarri bira'aa ammoo Worri muslimoota dachaasisuuf makka irraa Najaashitti ergamanii dhufan
Bar jarri kun Iisa ilma Maryam (Iyyasuus) nixiqqeessanii jedhaniin
Najaashiin muslimoota waamsisee
Iyyasuus ykn iisaa ilma Maryamiin maal jettan jedhee gaafate

Muslimoonnis Gabricha Rabbii kan Dubree Maryam irraa ta'ii Rabbiitiin dhalate Ergamaa Rabbiiti jedhaniin
#Najaashiin huura xiqqoo takka Lafaa fuudhee iisaan ilmi Maryam hagattii tanas waan isin jettan kana hin caalu jedheen
Akkuma beekamu innis booda Islaamummaa fudhatee du'e

Worra kitaaba towraatiif injiil beekan ergama Nabi Muhammad ﷺ Ragaa bayan kabiroos hedduudha
isaan keessaa

{[ABDALLAAH IBNU SALAAMA]}

Inni yahuudaa worra biyya Madiinaa ture
Yeroo Ergamaan Rabbii ﷺmadiinaa galan itti dhufee gaafii Sadii tan Nabiyyii malee Namni biroo beekuu hin dandeenne sigaafadhaa jedheen

1 dursi mallattoo Qiyaamaa ykn guyyaa boodaa maali
2 dhursi nyaataa worra Jannataa maali ?
3 Akkamitti ilmi Abbaa ykn Haadha fakkaata ?

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkas jedhanii deebisaniif
Reefuu malakaan Jibriil Natti himee jedhanii dubbii eegalan
1 mallattoon duraa tan guyyaa qiyaamaa ibidda gara bahaa irraa baatee umma karaa dhiyaatti ooftu

2 dursi nyaata worra Jannataa tiruu qurxummiiti

3yeroo dubartiif Dhiirri wolitti dhufanii (Qunnamtii godhan )yoo bishaan isaa durse Abbaa fakkaata yoo kan isii durse haadha fakkaata jedhaniin

Innillee Achumaan
Ati Ergamaa Rabbii ta'uu Ragaa baha jedhee Islaamummaa qabate

San booda Abdallaan Rasuulaan ﷺ akkas jedhe yaa Ergamaa Rabbii yahuudaan ummata dharaati yoo Islaamayuu kiyya dhagayan dhara narraa kaayuutii Ani manatti dhokadhaa mee maalummaa kiyya jara gaafadhu jedheen inni mana ol seene yahuudonni dhufnaan Rasuulli ﷺ Abdallaah Ibnu Salaam isin keessatti Nama Akkam jedhaniin

Yahuudonnis
beekaa keenya ilma beekaa keenyaati caalaa keenya ilma caalaa keenyaati jedhan
Rasuulli ﷺ odoo inni Islaamummaa fudhatee mee maal jettan? jedhaniin
Yahuudonni
Rabbi isa haatissu waan Akkasii irraa jedhan Abdallaah Ibnu Salaam
Manaa itti gadi bayee Ashahadu Allaah ilaaha illallallaah Woashahadu anna Muhammadan Rasuulullaah jedhe

Yahuudonnis
Irra hamaa keenya ilma irra hamaa keenyaati jedhanii isa arrabsutti seenan

{[ SALMAAN ALFAARISII ]}


Ragaalee Nabiyyummaa fi mu'ujizaalee Nabi Muhammad ﷺ muraasa.


Muhammad ilma Abdallaah ilma Abdul muxxalib ilma Haashim Sanyiin isaanii Ismaa'ilitti gala Ismaa'il ilma Nabi Ibrahim
Haati isaanii Aaminaan Intalti Wahbi
"gaafa isaan dhalatan ifni Narraa bayee fooqiilee biyya shaam Naaf ibse jetti "
{Silsilat Al Sahiiha Albaanii 373}

Namni Harma hoosisee guddise Haliimaa Assa'adiyyaa jedhamti
Yeroo isii bira jiran Haliimaan biyya hunda keessaa Nuti waa hunda keessatti barakaa arganne jetti
Odoo isaan ganda worra Haliimaa bira jiran malaa'ikaan Lama dhufanii fuudhanii qoma isaanii baqaqsanii Qalbii isaanii baasanii bishaan zamzamaatiin dhiqanii itti deebisan Akkasitti waan dubbataniif waan hojjatan keessatti sheeyxaana irraa tiyfamaa ta'an
Yeroma san kaatama (maataba) Nabiyyummaallee ceekuu isaanii duubatti godheef
Anas Ibnu maalik sahaabichi tajaajilaan isaanii bakkeen hodhaan sun jirtu mallattoon isaa ni muldhata jedha
(Sahiih muslim 162)

Yatiima ta'anii (Haadhaaf Abbaa malee) guddatan
Ijoollummaarraa kaasee haga dargaggummaatti Nama Hunda biratti Akkaan jaalatamaa fi Amanamaa turan Namni hundi #Muhammadul_Aamiin jedhee isaan yaama
(Muhammadii Amanamaa)jechuudha

Yeroo dargaggummaatti (Sanama) hin gabbarre inumaa maqaa waan ufii gabbaranii saniin yoo kakadhu jedhaniin haalaan dallanu
waan Nama macheessu hin dhugne wonti hamaan tokkos isaan irraa hin muldhanne

ijoollumaa haga dargaggummaa Hoolota tissan Daldalanis.
Yeroo Umriin isaanii 25 gaye Kadiijaa intala kuweeylid fuudhan.
yeroo umriin isaanii 40tti dhiyaatu Wahyii ykn Beeksifni Rabbi biraa itti dhufuu dura waan kanniin arguu eeglan
👇
Abjuu gaggaarii arguu. Abjuun isaan Argan sunis muldhattu malee kan hin hafne turte.
Akkasuma
gaara hiraa dhaqanii Achitti uumama xiinxallaa Rabbiin kadhachuu turan.
{Sahiiha Bukhaarii 6892}

(Dhakaa fi mukni Salaama isaan irratti qar'uu )
Rasuulli Akkas jedhan "dhakaa yeroo ergama kiyyaatiin dura Salaama Narratti qara'u beeka" jedhan
{Sahiih Muslima 2277}

Ifa malaa'ikaa arguu. fa'a
Umriin isaanii 40 geenyaan Rabbiin malaa'ikaa Jibriil itti Erge.
Jibriil dhufee Isaan qabee isaan Haguugee
Ergasii gadi dhiisee Qara'i (dubbisi) jedheen
An dubbisuu hin beeku jedhaniin yeroo 3akkas godhee san booda Aayata Qur'aana kana yeroo calqabaatiif isaan barsiise
اقْرَأْ بِاسْمِ رَبِّكَ الَّذِي خَلَقَ، خَلَقَ الإِنْسَانَ مِنْ عَلَقٍ، .
"Maqaa Gooftaa keetii Isa waan hunda uumeetiin dubbisi.
(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume." --
(Al Alaq 96-1)

San booda Rifatanii Gara Manaatti deebi'anii kadiijatti himanii Na mammaraa Na mammaraa jedhan Kadiijaan Akkas jetteen

فواللهِ إنَّكَ لَتَصِلُ الرحِمَ ، وتصدُقُ الحديثَ، وتَحْمِلُ الكَلَّ ، وتَكْسِبُ المَعْدُومَ ، وتَقْرِي الضَّيْفَ ، وتُعِينُ على نَوَائِبِ الحقِّ .
"Wollaahi Rabbiin sihin xiqqeessu
Ati firummaa Jabeessita Dhugaa dubbatta
Dadhabaa gargaarta waan Nama bira dhabame kennita -- keessummaa qubsiifta waan Nama mudate irratti Nama jajjabeessita" jetteen

(Kadiijaan erga isaan jajjabeessitee booda maaltu ta'e) ?

Kadiijaan san booda Abbeeraa isii woraqaa Ibnu Noowfal bira haa deemnuu jettee woliin deeman
Woraqaa bira gayanii waan isaan mudate itti himan #woraqaan Jaarsa kitaaba towraatii fi injiili irraa beekumsa qabu waan ta'eef
kanaafuu mallattoo dhufaatii isaanii Nibeeka ture.

Woraqaan Waan isaan mudate dhageennaan
"Inni kun waan Muusaa irratti buufameen wol fakkaataa yaa Hawwii koo odoo umriin koo dargaggeessa ta'ee yeroo ummanni kee biyya irraa sibaasu eegee silaa siiftumsa"jedheen l
Rasuulli ﷺ ummanni kiyya biyya irraa Nabaasanii ? jedhaniin innis eeyyan sibaasu Namni fakkii kanaan dhufe biyyaa baafamu malee hin hafne jedheen
injiiliin ykn wongeela qara'ee waan jiruuf
Achi keessatti mallattoo isaanii waan argeef isaanitti hime

Woraqaan Akka isaan ergamaa ta'anii Ergamaan maaliin beeke ?
Kitaaba towraatiif injiil Nama beeku waan ta'eef achi keessatti mallattoo dhufaatii isaanii waan Argeef

Akka Worri kitaaba wongeelaa kana qara'n ykn dubbisan Dhufaatii Nabi Muhammad ﷺ kitaaba isaanii keessatti beekan Rabbiin Qur'aanaan himee jira👇


Rabbiin Ergamtoota duraa hunda Maaliin ergaa ture?
So‘rovnoma
  •   Towhidaan
  •   Sagaagalummaa irraa fagaadhaa jechuudhaan
  •   Hanna dhiisaa jechuudhaan
  •   Haraqee dhiisaa jechuudhaan
13 ta ovoz

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

54

obunachilar
Kanal statistikasi