Barattoota waa'ee fayyaa baratanii fi namoota yeroo baay'ee kitaaba dubbisan mallattoo ittiin beekkaman tokko qabu. Inniis garmalee qallachuudha. Hanga fedhan nyaata nyaataniis namoonni yeroo hedduu dubbisa waahela godhatan furdina garmaleef hin saaxilaman.
Ogeeyyiin Hospitaala daa'immanii kan Duuk jedhamu hojjatan Kitaaboota asoosamaa dubbisuun daa'imman garmalee furdatan akka qallatan gargaara jedhu. Saayintistoonni kun asoosama mata dureen isaa "Lake Rescue" ykn 'laga baraaruu' jedhu dhalaalee garmalee furdatan kan umriin isaanii 9 hanga 13 tahaniif kennan. Asoosamni ogeeyyii fayyaa kan waa'ee daa'immanii fi garmalee furdachuu irratti beekkumsa gayaa qabuun kan filame ture. Eega kitaaba kana dubbisan booda, daa'imman kun jijjiirama amalaa agarsiisanii jireenya fayyaa isaaniitiif gaarii tahe hordofuu jalqaban. Ji'oota 6 keeysatti ulfina isaanii xiqqeeysanii qallina sirriitti deebi'an.
#Galatoomaa
@✍️Dr ija Banaa