Kitaaba Irraa


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan



Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


Gadaa Promotion dan repost
♦️MAAL FEETU?♦️


Walaloo fi Asoosama Afaan Oromoo dan repost
Ganda Beeyladootaa.pdf
4.2Mb
Kitaabni 'Ganda Beeyladootaa' jedhu kun kitaaba 'Animal Farm' jedhamu kan Joorji Oorwel barreesse irraa gara Afaan Oromootti kan hiikameedha. Dubbisaa!

@WalaloofiAsoosama


"Hiriyootakee irratti amanamummaa guddaa hin gatin. Bakka hanqinakee sitti dhiheenyaan waan beekaniif dafanii si ganuu danda'u. Diinotakee immoo akkaataa itti fayyadamuu dandeessu beeki. Yoo diina hin qabaanne, karaa itti tokko uummattu barbaadi."

@KitaabaIrraa


"Bara bofti nama hidde, lootuun arraba namatti baasti."

Oromootu jedhe.


@KitaabaIrraa


"Jireenyakee keessatti filannoo lama yoo siif kenname: Inni tokko carraa jireenya keetti GAMMADUU; inni kan biraan immoo carraa jireenya keetti SIRRII TAHUU yoo tahe, filannoon ati itti hin gaabbine carraa jireenya keetti GAMMADUU filachuudha."

@KitaabaIrraa


"Al takka takka waan gochuu qabdu osoo hin taane, waan gochuu hin qabne beekuutu barbaachisaadha."

@KitaabaIrraa


"Nama deebii inni deebisuun osoo hin taane, gaaffii inni gaafatuun madaali."
Voltayir

@KitaabaIrraa


Kan akka hin beekne beeku beekaadha. Hubatnaan waan hunda hubachuun akka hin danda'amne hubachuudha. Eenyullee kan waan hunda beeke hin jiru. Sichittis Kan beeku hin jiraatu. Sababni isaa jireenyatu iccitiidha. Ni jiraatamti malee hin beekamtu. Gaaffii jireenyaafis "Ani hin beekuun" deebii sirriidha.


@KitaabaIrraa


♦️Kolfuuf yeroo qabaadhu...muuziqaa lubbuuti.
♦️Yaaduuf yeroo qabaadhu...madda humna keessooti.
♦️Dubbisuuf yeroo qabaadhu...hundee beekumsaati.
♦️Kadhannaaf yeroo qabaadhu...humna guddaa addunyaati.
♦️Jaalalaaf yeroo qabaadhu...kennaa Uumaa isa guddaati.
♦️Hiriyyummaa jabeessi...daandii gammachuuti.
♦️Hojjechuu jaalladhu...bu'uura milkaa'inaati.


@KitaabaIrraa


Namootni hedduun jaalala fakkeessuu malu. Irra keessaan waan siif du'an fakkaachaa duubaan boolla kan qotan danuudha. Seeqni ilkaanii keessa garaa hin ibsu. Utuma ilkaanni addaatuu arrabni summii yeroo baatu ni baay'ata. Nama jaalladhu; garuu hin amanin!


@KitaabaIrraa


📖 Ergaa Har'aa!

" Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!"
(1 Pheexros 5: 7)

@KitaabaIrraa


ILAALCHAKEE EEGGADHU!

Guyyaa tokko namicha tokkotu hedduu dhukkubsatee gara hospitaalaa baatamee geeffame. Namichi kun siree irraa ka’ee deemuu hin danda’u ture. Kutaa hospitaalaa akka inni keessa ciisuuf kennameef keessas dhukkubsataa kan biraa gara foddaatti aanee jirutu ture. Akkuma walitti hiriyoomaa deemaniin, dhukkubsataan karaa foddaa jiru sun gara alaa ilaalee sa’atii hedduuf waan gara alaatti argamu sirriitti ibsaaf ture. Yeroo tokko tokko bareedina mukeen hospitaalicha keessa jiraniifi haala baalli mukeenii sun qilleensaan socho’anii bareedina hospitaalichaaf kennan itti hima. Yeroo kan biroo immoo namoota hospitaalicha keessa asiif achi daandii irra deeman ilaaluun haala sochii isaanii tokko tokkoon hiriyaa isaaf ibsee bashannansiisa ture. Tahus akkuma guyyaan deemaa deemeen namichi ciisu sun waan hundumaa dhukkubsataan karaa foddaa jiru itti himu sana ofii isaaf arguu dadhabuu isaaf hinaaffaa keessa galaa dhufe. Hamma namicha isa bashannansiisu sana jibbuuttis gahe.

Halkan tokko dhukkubsataan gara foddaa jiru qufaa yeroo muraasaan booda harganuu dhaabe. Namichi isa biraa, hiriyaa isaa, sunis ogeessa fayyaa illee iyyee waamuufii dhiisee callisee ilaale. Homaa hin goone.

Ganama isaa dhukkubsataan ala ilaalee hiriyaa isaa waan hedduun gammachiisaa ture sun boqotee hospitaala keessaa reeffi isaa bahe. Namichi hafe sunis sireen isaa akka gara foddaa jalaatti darbuuf ariitiin yerosuma hojjetaa hospitaalichaa tokko gaafate. Siree isaas achitti dabarsaniif. Garuu akkuma karaa foddaa ilaaluu eegaleen waan arge amanuu dadhabe. Karaa foddaa sanaa waan mul’atu girgiddaa caccabaa qofa ture. Hiriyaan isaa boqote kan itti himaa ture hunda sammuu isaa keessatti uumee isa bashannansiisuufi addunyaa innni keessa jiraatu xiqqooma isheellee bareechuufiif yaadee ture.

Maal irraa baranna?

Yeroo baay’ee rakkoo keessa jirru osoo hin taane ilaalcha keenyatu nu miidha. Yeroo haala ulfaataa keessa jirrus kallattii ilaalcha keenyaa jijjiiruu qabna. “Rakkoo kana furuuf daandiin kun ni filatamaa?” jennees of gaafachuu dha. Ilaalchi gaarii fi hinaaffaa irraa bilisa tahe gaabbii hin qabu. Namoota armaan olii lamaanis yoo ilaaltan rakkoo wal fakkaatu keessa taa’anii akkaataan ilaalcha isaanii faallaa ture. Inni tokko ilaalcha gaarii fi jaalalaan guute yoo qabaatu, inni biraan immoo ilaalcha ofittummaa fi hinaaffaa baata. Rakkinni inni guddaan rakkina nuti qabnu osoo hin taane, ilaalcha nuti rakkina sana keessa teenyee qabaannuudha. Ilaalchakee eeggadhu!

Waan dubbisteef ulfaadhu!
Madda: Kitaaba ‘Who Will Cry When You Die?’ jedhu kan Robin Sharma barreesseedha.


@KitaabaIrraa

12 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.

174

obunachilar
Kanal statistikasi