Kuusa Walaloo!


Kanal geosi va tili: ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa: ko‘rsatilmagan


Karaa channel kana walaloo Afaan Oromoon baraa'an mimmiidhago argattu. Akkasuma, asoosama fi barruulee gara garaa waan isiniif qonnuuf jaalatoonni aartii maatii ta'uun nu waliin turaa.

Связанные каналы

Kanal geosi va tili
ko‘rsatilmagan, ko‘rsatilmagan
Toifa
ko‘rsatilmagan
Statistika
Postlar filtri


#Jireenya_toora_gale!

Akkan waanan of fidee
Bakka kana of kaa'ee
Hin gunguumu waa'ee koof
Tokko lamaan lakkaa'ee
~
Har'a jiraachuu kootiif
Sababni ijoof angafaa
Yesuus qabachuu kooti
Sila badeetaan hafaa
~
Qooda jarjaraa kootii
Adeemsa akka kaleessaa
Ariifataniis miti
Si wajjiin deemuun baa'essaa
~
Yoo jarjaaran ni kufu
Mucucaa akka malee
Jiraannaan si wajjinii
Jireenya toora gale.!!

@Kuusa_Walaloo


ERGAA JIREENYA dan repost
Dhugaa naaf gale!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Kaaniif dhagaatuu laafee
Mana ta'ee dhaabbataa
Kaan immoo abdii kutatee
Muka meeqa yaabbata

Hundumtuu hiree isaatiin
Akka isaatti jiraata
Yeroo isa tokkoof guutu
Tokkootti ni hir'ata

Inni tokko gammadee
Fuulli warqee fakkaata
Kan biraan immoo in gaddaa
Boo'aa biddeena nyaata

Wal jala daddarbaa dha
Akkaataan dachee kanaa
Dhugaan osoo ijaajju
sobaaf balbala bana

Akkamitti akkas ta'aa?
Jettee hin dhiphatiin firaa
Akkumasaatu  akkasi
Lafa irraa haqni jira?

Naaf ta'uu dide jettee
Of hin madaaliin gonkumaa
Maaliinuu of hin safariin
Gammachuu kee si dhorkamaa

Hunduma iyyuu qabaattee
Yoo guutte biyya lafaa
Dhiistee akka deemtuu beeki
Uumaa qofa sitti hafa

Wanti ijaan arginu
kolkolleen lafa kanaa
Ni badas ni tortoraa
Dhugaan an argees isa kana.

@Kuusaa_Walaloo

2 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.